Seeliin sammuu laaboraatorii keessatti guddate viidiyoo taphachuu danda’e

Maxxanfame

Seeliin sammuu qorattoonni UK fi Awustiraaliyaa laaboraatoorii keessattii guddisan tapha teenisii viidiyoo bara 1970 keessa hojjetame taphachuu danda’eera.

‘Sammuun xiqqoo’ kuni naannoo baruu fi deebii kennuu danda’a.

Dr Bireet Kaagaan keewwata qorannoo isaanii joornaalii Niwuroonii irratti baasaniin meeshaa beeddee seelota sammuu waa miirefachuu danda’an laaboraatorii keessatti tolchuu danda’eera jedhan.

Ogeessonni kaan immoo hojii kana ‘’kan nama gammachiisu’’ jedhanillee sammuu miira qabu tolchuun garuu dubbii fiixeetti bahe dha jedhan.

''Meeshaa kana ibsuuf jecha filatamaa biraa argachuu hin dandeenye,’’ jedhu Dr Kaagaan.

''Odeeffannoo madda ala jirurraa fudhatee, xiinxalee battaluma sana deebisa,’’ 

Sammuun xixiqqoon yeroo jalqabaatiif kana dura kan tolchaman bara 2013 ture, kunis sammuun daa’imman baayyee xiqqoo tahee ittiin qorachuuf ture.

Ergasii garuu qorannoon kuni sammuu xiqqoo gara tolchuutti guddate. 

Garuu sammuun tolfame kuni qaama alaa wajjin wal-quunnamuun garuu kan jalqabaati.

Gareen qorannoo kun:

  • Seelii qaama namaarraa gara seelii biraatti guddatuufi miciree hantuutaa irraa seelii sammuu, 800,000 tolchan.
  • Sammuu baayyee xiqqoo kana elektiroodii(funyoo elektiriikin galchuu fi baasu)qabsiisanii kubbaa teenisiifi raakeetiin itti garsiisan.

Seelonni laaboraatorii keessatti tolfamanis ofumaan sochii elektirii agarsiisuu jalqaban.

Akkuma haasaan kuni itti fufeen humna xiqqaa fayyadamuu jalqaban.

Haa tahu malee, yeroo kubbaan teenisii raakkeettii bira darbuufi taphni akka haaraatti jalqabu akka haaraafi hin tilmaamaneen taphachuu itti fufan.

Sammuun xiqqoo kuni daqiiqaa shan keessatti akkatti taphatan barate.

Takka takka kubbaan jalaa baatii, garuu milkaa’inni agarsiise kan carraadhaan qofa argame miti.

Sammuun tolfame kuni akka taphataa jiru beekuu baatus tapha teenisii kana akkuma namaatti taphate jedhan qorattoonni.

Dr Kaagaan akka jedhanitti, teeknolojiin kuni gara fuulduraatti dhukkuboota waa irraanfachuurratti wal’aansa kennamuuf yaalii hojjechuuf fayyada taha jedhan.

Kana booda Dr Kaagaan tapha teenisii Poong jedhamu kana taphachuu irratti dhiibbaa alkooliin qabu qorachuu fedha.

Sammuun tolchame kuni akka sammuu namaatti yoo hojjete, yaalii wal’aansa sammuu namaaf kennamu hojjechuuf murteessaa taha jedhan Dr Kaagaan.

Yunivarsiitii Xiinsammuu Kaardiffi’tti qorataa kan tahe Dr Diin Barneet ‘’sirna waa yaadu’’ jechu wayya jedha.

'‘Odeeffannoon ifatti keessa darbee faayidaarra oolaa jira. Sunimmoo jijjiiramaa fida, kuni karaa bu’uuraa taheen seelonni kunneen akka baratan godha malee ofiin waan hin dalagne,’’ jedhan.