Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UK keessatti lakkoofsi barattoota barsiisaa dhaananii dabalaa jira
Yunaayitid Kingidam (UK) keessatti barsiisota shan keessaa yoo xiqqaate tokko barattootasaaniitiin dhaanamuu isaanii qorannoo BBCn taasise mul'ise.
Adeemsa baruu barsiisuu keessatti barattoota waliin "qabsoo dhuma hin qabne ni goona" jechuun amalli barattootaa hammaachaa deemuusaa barsiisaan tokko BBC'tti himaniiru.
Barattoonni teessuma/kursii darbachuu, hancufa tufuufi nama arrabsuun gocha irra deddeebiin raawwatanidha jedhu barsiisaan kun.
Keessumaa weerara COVID booda barattoonni walii walii isaaniis ta'e barsiisota irratti haleellaan raawwatan haala yaaddessaa ta'een hammaachuu deemuusaatu himame.
Waldaan barsiisotaas dhimma kana ilaalchisee gabaasni isaan gahaa jiraachuu dubbatu.
Qajeelchi Barsiisotaa UK gamasaatiin wiirtuuwwan amalaa manneen-barnootaa keessa jiran deeggaruudhaaf Paawondii miliyoona 10 baaseera jedhe.
Appilikeeshinii 'Teacher Tap' jedhu tokko fayyadamuudhaan BBC News Yunaaytid Kingidam keessatti kan argaman barsiisonni kuma 9 ta'an amala barattootaa ilaalchisee gaaffii dhiyeesseeraaf.
Akka qorannoo kanaatti, barsiisonni harka dhibba keessaa 15 ta'an barattoota sadarkaa lamaffaatiin qoccolloon saalaan walqabatu mana-barumsaa keessatti akka isaanirra gahe dubbataniiru.
Deebii barsiisonni sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa kennaniin, kan waggoota lama dura ture waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu, barattoota gidduutti wal loluun, wal dhiibuuniifi amaloota hamoo biroo argaa jiraachuu gabaasaniiru.
Sadarkaa tokkooffaatti waggaa 35 kan barsiiste Looreyiin Meeh, amalli barattootaa hammaachaa deemuu dubbatti.
Barattoonni daa'ima ta'an oolmaa daa'immanii keessa baratan umuriin isaanii waggaa shaniifi ja'a ta'an hancufa tufuufi arrabsuu dabalatee amaloota hamoofi hin taane akka teessuma/kursii darbachuufaa akka agarsiisan ibsiti.
"Daree barnootaa tokko keessatti yoo xiqqaate barattoonni sadii ykn afur amaloota rakkisoo akkasii kana agarsiisu.
''Daree keessatti barattootaa 30 ol to'achuun ulfaataadha," jechuun ibsiti barsiistuun kun.
Mana-barumsaa Midilaansid jedhamu keessatti barsiisaa kan ta'e Zaak Kooppilaay amalli barattootaa dhuguma hammaachaa deemuufi "qabsoo dhuma hin qabnedha" jechuun ibseera.
Yeroo tokko barattoonni osoo walii waliisaaniin wal tumanii keenyan daree barnootaa akka diigame barsiisaan Saayinsii Kompiitaraa kun ibseera.
Barattoonni biroo akka dareetii baafaman ta'e ammoo 'dullaa' ittiin kirikeetii taphatan qabatanii daree sana cabsanii seenuudhaf yaalaa akka turanis ibseera.
Barreessaa olaanaa waldaa barsiisotaa kan ta'e Doktar Paatiriik Rohaach, manneen barnootaa keessatti haleellaawwan raawwataman ilaalchisuun gabaasa barsiisonni dhiyeessan weerara COVID booda baayyee dabaluu ibse.