Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattuun sababa hijaabaan sobaan barsiisaashee yakkite himatamuuf
Barattuun Muslimaa tokko Faransaay keessatti daarektarri mana barumsichaa uffata rifeensa kiyya ittiin haguugu [hijaaba] akkan baasu na dirqisiise jechuun sobaan himatte ofuma himatamuufi.
Ministirri Muummee biyyattii mootummaan barattuu kana akka himatuuf jedhu dubbataniiru.
Barsiisaan kuni seera Faransaay bu’uura godhachuun mana barumsaa keessatti uffata rifeensa ittiin haguugdu akka baastu dubbatuun ala haleellaan raawwatan akka hin jirre poolisiin ibseera.
Barsiisaan kuni boodarra duulaa miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifame hordofee hojii gadhiisaniiru.
Sababa wal fakkaataan Faransaay keessatti erga barsiisonni lama ajjeefaman booda manneen barnootaa biyyattii keessa yaaddoon uumameera.
Barsiisaan dhimma tibbanaan maqaan isaanii ka’e torban darbe gaafa Jimaataa ergaa imeelii gubbaa waahila hojii isaaniitti erganiin hojii gadhiisuu beeksisan.
Xumurarratti hojii kiyya gadhiisuuf murtesseera kan jedhan barsiisaan maqaan isaanii hin dhahamne kuni waggoota 45 damee barnootaa keessa akka turan ibsan.
''Nageenya kiyyaafi mana barumsichaaf jecha,'' jechuun gadhiisuu isaanii ibsan.
Taatee ji’a tokko dura mudateen daarektarri mana barumsichaa barattoonni dubaraa sadii uffata rifeensa isaanii haguugu [hijaaba] baasuun seera Faransaay kabajuu qabdu jedhaniiru.
Barattoonni dubaraa lamaan baasuu yoo didan barattuun sadaffaa baasteetti. Sababa kanaan barattoota lamaaniifi dareektara gidduu falmiin guddaa dhalateera.
Manni barumsichaa dhimmicha Ministeera Dhimma Biyya Keessaaf beeksiseera.
Guyyaa itti aanu eegalee garuu daarektara mana barumsichaarratti akka doorsisi ajjeechaa irra gahe ibsameera.
Abbaan Alangee biyyattii doorsisa ajjeechaa raawwachuun namoonni lama hidhamuu beeksise.
Eenyummaan shakkamtoota ifa ta’udhaas baatu mana barumsicha waliin hariiroo akka hin qabne Ministeerri Barnootaa Faransaay ibseera.
Poolisiin daarektarri mana barumsichaa barattuu kanarratti haleellaa raawwatuu isaa ragaan agarsiisu hin jiru jechuun deebise.
Ministirri Muummee biyyattii Gaabreel Ataalaa himannaa sobaa barattuun kuni dhiheessite jedhan kanaaf himannaan akka irratti banamu ibsaniiru.
Namoota seera cabsan dura kanneen dhaabatan bira akka mootummaan isaanii dhaabatu aangawaan kuni himaniiru.
Namoonni siyaasaa biyyattii gama bitaafi mirgaa jiran gama intarneetaan doorsisa ergameen barsiisaan tokko hojii akka dhaabu dirqamuu isaan komii isaanii ibsaa jiru.
Gama kaaniin manneen barnootaa hedduu Paaris keessatti argaman haleellaa finxaalessitoonni ni raawwatu jedhamee yaadameen Roobii kaleessaa cufaa turan.
Torban darbes manneen barnootaa 30 Paaris keessatti argamanirratti doorsisi raawwateera.
Qaamoleen nageenyaa dhimmicha xiyyeeffannoo olaanaan hordofaa kan jiran ta’us qaama oduu sobaa Raashiyaas ta’uu mala jedhamee shakkameera.
Ministirri Muummee Faransaay Gaabreel Ataalaan sababa Faransaay Yukireeniin deeggartuuf Raashiyaan duula oduu sobaa nurratti banteetti jechuun dubbataniiru.