MM Abiy qaamota Itoophiyaafi Sudaan gidduutti walitti bu'insa uumuu fedhan akeekkachiisan

Madda suuraa, FEESBUUKII MM ABIY AHMAD
Loltoonni Itoophiyaa humnoota Sudaan wajjin walitti bu'an oduun jedhu dhara jedhan MM Abiy Ahmad. Yeroo Sudaan rakkoo keessa jirtu kana keessattis qaamolee biyyoota lamaan gidduutti walitti bu'iinsa uumuu barbaadanis akeekkachiisan.
MM Abiy kana kan jedhan Raayyan Ittisaa Itopphiyaa lafa biyyoonni lamaan irratti wal-falman al-Fashgaatti humnoota Sudaanirrati haleella baneera oduun jedhu odeeffamuu hordofeeti.
Kaleessa, Ebla 20, afaan Arabaatiin ibsa baasaniin kana kan jedha MM Abiy Ahmad, yeroo humnoonni Sudaan wal-lolaa jiranitti qaamoleen Itoophiyaafi Sudaan walitti buusuu babaadan of eeggachuu akka qaban akeekkachiisan.
Kanneen gabaasa sobaa tamsaasan gochaasaanirraa akka of-qusatan ibsa kana keessati eeraniiru.
"Uummanni Itoophiyaafi Sudaan yeroo rakkoolee hedduu wajjin wallaansoo qabaa jiru kanatti namoonni himata sobaa facaasuun bu'aa siyaasaa argachuu fedhan jiru," jedhan MM Abiy.
Gaafa Kibxataa, Ebla 18, loltoonni Itoophiyaa al-Fashgaatti humnoota Sudaanirratti lola bananiiru kan jedhu gabaasaleen tokko tokko bahaa turan.
Waraanni Tigraay eegaluu hordofee Itoophiyaan loltootashee daangaa Sudaanirra turan gara Kaabatti geessitee turte.
Sudaan carraa kanatti fayyadamuun daangaa biyyoonni lamaan naafmala jedhanii irratti wal-falmaa turan to'attee turte.
Itoophiyaan lolli humnoota Sudaan gidduutti dhalatee biyyattii gaaga'aa jiru kun mariifi karaa nagaatiin akka furamuu qabu MM Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) qaamolee wal waraaaniif dhaamsa dabarsanii truan.
Baki al-Fashgaa jedhamuufi Itoophiyaafi Sudaan irratti wal-falman kun lafa gabbataafi misooma qonnaaf ooludha.
Sudaan bakka kana to'achuu hordofee rakkoon daangaa kun mariifi karaa Komishinii Daangatiin akka furamu Itoophiyaan irra deddeebin gaafataa turte.
Sudaanitti humna waraanafi humna addaa (RSF) gidduutti waraanni ka'uu hordofee Itoophiyaan carraa kanatti fayyadamtee daangaa Sudaan wajjin irratti wal-falman deebiftee to'achuuf waraana bobaaftetti gabaasni jedhu bahaa ture.
Waraanni Sudaan gidduutti erga eegalee torban guutuuf jedhu kun lammiilee Itoophiyaa Sudaan jiran dabalatee namoota nagaa 300 ol galaafateera.
Itoophiyaan lammiileeshee waraana Sudaaniin danqamanii jiran nageenyasaanii eeguuf E=Imbasii Itoophiyaa Kaartum jiru waliin wal-ta'uun hojjjataa akka jirtu beeksifteetti.












