Ambaasaaddar Tashoomee Togaa fedhasaaniin aangoo gadhiisan

Maxxanfame

Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomee Togaa "sababa dhuunfaatiif" fedhiisaaniin aangoo gadhiisan.

Gorsaan imaammata alaa Ministira Muummee Abiy Obbo Tamasgeen Xilaahun ammoo bakka Ambaasaaddar Tashoomee Togaa buufamuusaanii Komishinichi beeksiseera.

Af-yaa'ii Mana-maree Bakka-bu'oota Ummataafi dippiloomaatii kan turan Ambaasaaddar Tashoomee Togaa, Komishinicha akka hoggananiif kan muudaman bara darbe A L I Amajji 2015 ture.

Ambaasaaddar Tashoomeen waggaa tokko darbe kana keessa maallaqa loltoota duraanii deebisanii ijaaruudhaaf barbaachisu qaamoleen arjoomanirraa walitti qabuudhaaf carraaqqii taasisaa turan.

Carraaqqiiwwan kanneen keessaa dhiyeenya kana Gamtaan Awurooppaa loltoota diiguufi deebisanii ijaaruudhaaf kan oolu Yuroo miliyoona 16 arjoomuusaa ibseera. Gamtaa Awurooppaatiin alattis qaamoleen biroon akka arjoomaniif Ambaasaaddar Tashoomeen gaafachaa akka turanis gabaafameera.

Haata'u malee, deeggarsawwan kanneen keessaa maallaqa saganticha hojiirra oolchuuf barbaachisa jedhame bira qabamee yoo ilaalamu, hangas mara guddaa akka hin taane qaamoleen dhimmichatti dhiyeenya qaban ni ibsu.

Loltoota duraanii naannolee torba keessatti argaman 371,971 ta'an deebisanii dhaabuudhaaf Dolaara Ameerikaa 760 ol akka barbaachisu Komishinichi guyyoota 20 dura beeksisee ture.

Komishinichi marsaa jalqabaatiin loltoota duraanii 75,000 naannoo Tigraay keessaa deebisee akka ijaaru ibseera.

Bara darbe labsii ji'a Sadaasa keessa danbii mana-maree ministirootaatiin baheen kan hundeeffame Komishiniin Haaromsa Biyyaaleessaa, barri hojii isaaf kenname xumuramuudhaaf ji'oota saddet qofatu isa hafa.

Bu'ura danbii ittiin hundeeffameetiin barri hojii komishinichaa waggaa lama ta'ee, akka barbaachisummaa isaatti mana-maree ministirootaatiin dheereffamuu danda'a.

Komishinichi barri hojiisaa dhumuudhaaf ji'oonni muraasni hafanillee saganataa isaa ji'oota sadiin booda A L I Waxabajji keessa akka jalqabuufi waggaa lama dabalataaf akka turus ifa godhee ture.

Ambaasaaddar Tashoomee Togaa itti-gaafatamummaa kan gadhiisan Komishinichi muddama akkasii kana keessa jiruttidha.

Komishinichi Ambaasaaddar Tashoomeen gadhiisuu ilaalchisuun fuula Feesbuukii isaarratti akka ibsetti, "sababa dhuunfaa isaaniitiif komishinarummaan itti fufuu dhiisuudhaaf gaaffiin dhiyeessan fudhatama waan argateef Bitootessa 3 irraa kaasee gadhiisaniiru," jedheera.

De'eetaan Ministiraa fi Gorsaa Imaammata Alaa MM Abiy kan ta'an Obbo Tamasgeen Xilaahun Bitoolessa 21, 2024 irraa kaasee komishinara ta'uun muudamuusaanii dhaabbatichi beeksiseera.

Ambaasaaddar Tashoomee Togaa gara hojii dippilomaasiittin erga bobba'anii booda Beeljiyeemiifi Chaayinaatti ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun tajaajilaniiru.

A L I 1997 hanga 2002 ammoo Af-yaa'ii Mana-Maree Bakka-bu'oota Ummataa turan. Kanaan alattis Ministira Dargaggootaa, Aadaafi Ispoortii, akkasumas Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa ta'uun hojjetaniiru.

Haaraa kan muudaman Obbo Tamasgeen Xilaahun gamasaaniitiin Yunivarsiitii Ambootti barsiisaa Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa turan. Ministeera Saayinsiifi Tekinooloojiitti ammoo daarekteerummaa hariiroo idil-addunyaatii hanga gorsaa ta'uutti hojjetaniiru.

Obbo Tamasgeen waggoota shaniif itti-aanaa Komishinii Invastimantii Itoophiyaa ta'uun tajaajilaniiru.

Hanga Komishinara Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa ta'uun muudamaniitti, Waajira Ministeera Muummee keessatti gorsaa imaammata alaa ta'uun hojjechaa turan.

Namni haaraa muudame kun Yunivarsiitii Finfinneerraa Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo idil-addunyaatiin digirii jalqabaa, hariiraa idil-addunyaatiin ammoo digirii lameessoo qabu.

Akka danbii hundeeffama Komishinichaa Haaromsaa kanaatti Komishinaraafi itti-aantota kan muudu ministira muumeedha.