Puutin seera kutaalee Yuukireen dhuunfachuuf isaan gargaaru mallatteessan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin sanadoota naannoolee Yuukireen afur dhuunfachuuf isaan gargaaru isa xumuraa mallattessan.
Taatullee waraannii Raashiyaa Yuukireenitti inijifatamaa jira.
Sanadni sun kutaaleen Yuukireen Luhaniskii, Dooneski, Zaporiziyaa fi Kersoon Federeeshinii Raashiyaatti simatamaniiru jedha.
Haata’u malee, naannoolee Luhaaniski fi Keerson jedhamanitti Yuukireen mandaroota dabalataan Raashiyaa harkaa fudhataa jirti.
Aab Puutin labsii Raashiyaan buufata niwukilaraa Zaporiziyaa qabachuuf baaste seera deeggaru mallatteessaniru.
Jimaata darbe Puutin Kiremlinitti sagantaa qopheessuun hoggantoota naannolee afranii kan Raashiyaan muudde waliin mallatteessan.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame hireen ofiin murteeffannaa gaggeessuun yoo ta’u, biyyoonni lixaa fudhatama dhabsiisan.
Humnoonni Yuukireen Kibbaa fi Baha biyyattii keessatti lafasaanii Raashiyaarraa deeebisanii fudhachuutti milka’aa jiru.
Bulchaan Yukireen kutaa Luhaaniski Serhiyi Hayidaayi Roobii kaleessaa BBCtti akka himetti, mandarri naannichatti argaman jaha humnooota Yuukireenitu irra deebiin qabate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezedantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskiin gara boodaarra mandarri sadii biroo Kersoonitti humnoota Yuukireeniin bililisoomaniiru jedhan.
Kun otoo haala kanaa jiru, magaalaa Kibba Yuukireenitti argamtu Zaporiziyaa keessatti Kamisa barii jala dhukaasa hedduun dhaga’amaa turuu Yuukireen beeksisfteetti.
Bulchaan naannichaa akka himanitti, rokkeettiiwwan gamoowwan mana jireenyaarratti qiyyaafatan badii guddaa qaqqabsiisaniiru.
Lubbu-baraartonni reeffa namoota miidhamanii gamoowwan diigaman jalaa baasaa jiru jedhan.
BBC’n dhimma kana qaama walabaarra hin mirkaneeffanne.
Dubbi himaan Kiremliin Dimitirii Peeskoov, Raashiyaan lafa humnoonni Yuukireen deebisanii to’atan kamiyyuu deebisnee fudhanna jedhan.
‘’Kanarratti waan walfalmisiisa ta’e hin jiru, naannoleen kun bara baraaf kutaalee Raashiyaa ta’u, deebisne qabanna,’’ jedhan.
Guyyaa barsiisota irratti Puutin haasaa wayita taasisan’’ tasgabbiin karaa tasgabba’een akka Raashiyaatti dabalamaan nan taasisa jedhan.
Raashiyaan humnoota eeggataa gurmeessuu kan itti fute yoo ta’u, ji’a darbe namoonni tajaajila dirqaman kennan qaban xumuran 300,000 ta’an deebistee waamte.












