Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarreen moobaayil baankingiin birrii kuma 69 gowwomfamte lubbuu ofii balleessite
“Namoonni lamaan maallaqa karaa moobaayil baankingiin gara lakkoofsa herreega baankiitti dabarsuuf lakkoofsa akkaawuntii ishee gaafatan. Lakkoofsa herreegaa erga kenniteef boodas isaan maallaqicha gara akkaawuntii barbaadan biraatti dabarsuun barreeffama xummurameera (complete) jedhu itti agarsiisan” jedhu Kom. Itti Aanaa Taajuu Nagaash.
Shamarreen tunis maallaqichi gara lakkoofsa herreegaa isheen itti himtetti akka ergame amanuun namoota lamaaniif mobaayiliiwwan afran itti kennuun gaggeessiti.
Sana boodas maallaqichi galuusaa mirkaneeffachuuf gara baankii deemtee yemmuu gaafattu maallaqni jarri ergineerra jedhan birriin kumni 69 akka hin galle hojjettoota baankichaan itti himama.
“Sana booda amantaa dhaabbata itti qacaramtee akka hir’iste itti dhagahame. Dhiphachuunis summii bittee gara manaa galtee dhugde” jechuun qondaalli Poolisii himan.
Gochaa shamarree ganna 21 Maqidas Mokonnin kanaan kan rifatan maatiifi jiraattonni naannoo, shamarree tana gara Hospitaala Axaax kan Magaalaa Walqixxee keessatti argamutti geessan.
“Hospitaalatti yaalamaa erga turtee boodas sadarkaan miidhaashee olaanaa waan tureef lubbuunshee darbeera” jedhan Kom. Itti Aanaa Taajuu Nagaash.
Shakkamtoonni lamaan ammatti to’annoo jala kan hin oolle yemmuu ta’u, isaan to’achuufis poolisiin hordoffii taasisaa jiraachuu himaniiru.
Hawaasni ofeeggannoo gochuu qaba…
Erga yeroo dhiyootii as tajaajilli baankii gama mobaayilaan kennamu Itoophiyaa keessatti saffisaan babal’achaa jira.
Kanumaan walqabatees gochaaleen goyyomsuu tekinoloojichatti fayyadamuun raawwatamanis baay’inaan dhagahamu.
Kanaaf, sababni inni tokko immoo hanqina hubannoo hawaasni itti fayyadama tekinooloojicharratti qabudha.
“Fakkeenyaaf, Baankiin Daldalaa Itoophiyaa birrii 10,000 gadi baasuuf (maashina) ATM, dadabarsuuf immoo mobaayil baankingii fayyadamaa jedhu. Haa ta’u malee hawaasa keenyaaf sirriitti hubannoon hin laatamneef” jedhu Kom. Itti Aanaa Taajuu Nagaash.
Kanaafis hawaasaaf hubannoo uumuun gochaalee goyyomsuu akkanaa hir’isuuf fi hawaasa miidhaarraa hambisuuf barbaachisaa ta’uusaa himu.
Kana malees, namoonni moobaayil baankingiin yemmuu kaffaltii fudhatan yookiin maallaqni ergamuuf maqaan isaanii jiraachuufi maallaqichi dabarfamuusaa mirkaneeffachuu akka qabanis dhaamu.
Gama biraatiin namoonni dhaabbilee daldalaa qaban bilbila ergaan gabaabaa maallaqni galuusaa agarsiisu ofbira kaayun namoonni qacaramanii hojjetan maallaqni galuufi dhiisuusaa battalatti akka hin mirkaneeffanne gufuu akka ta’us kaasu.
Kanaafis, abbootiin qabeenyaa hojjettoonni isaanii maallaqni seenuusaa bilbila bilbiluun akka irraa mirkaneeffatan gochuu akka qabanis dhaamaniiru.