Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Neymaar gara Niwukaasil, Mesiin gara Chelsii… hamii jijjiirraa taphattootaa
Niwukasil Yunaayitid abbootiin qabeenyaa isaa taphataa Paariis Seent Jarmeen (PSG) sarara fuula duraa Neymaar fudhachuu qabna jechaa jiru. Ganna kana taphataa umurii 31 kana mallatteessifachuun hawwii isaanii milkeessuuf garee dhimma kana hordofu hundeessaniiru. (90min)
Chelsiin ammoo kilaboota taphataa lammii Arjentiinaa Liyooneel Mesii fudhachuuf kajeelaa jiran keessaati. Taphataa ganna 35 kan ta’e Mesiin, kontiraata PSG waliin qabu Ganna kana ni xumurama. Kilabni isaa duraanii Baarseloonaan deebifachuu waan danda'amu hunda godhaa jira. Kilabni Saawdii Al Hilaalis maallaqa guddaa kaffaluuf ibseera. (Football London)
Wolviz taphataa sarara gidduu Ispeen umuriin isaa ganna 20 ta’e Ansuu Fatii fudhachuudhaaf Yuroo mil. 30 taphataa sarara gidduu Poorchugaal Ruuben Nevees irratti dabalee Baarseloonaaf kennuuf jedhan. (Relevo - in Spanish)
Baarseloonaan taphataa sarara gidduu Morookoo umuriin isaa wagga 26 Soofyaan Amraabaat Fiyoorentiinaa irraa fidachuurratti fuulleffateera. Kun ammoo abdii Arsenaal taphataa sarara gidduu Ispeen umuriin isaa ganna 24 ta’e Maartin Zubimendii Riyaal Soosidaan irraa fudachuutti xiyyeeffatu taasisa. (AS - in Spanish)
Maanchester Yunaayitid kontiraata taphataa lammii Ingilaand Maarkas Raashfoord haaressuuf marii waliin jalqabe cimsee itti fufeera. Kun ammoo taphataa umuriin isaa wagga 25 ta’e kana Harii Keen, 29, Tootnhaam irraa fidatee isa waliin camadachuuf abdiin hojjechaa jira. (Telegraph - subscription required)
Arsenaal fi Aston Viilaan taphataa Baarseloonaa lammii Ispeen umuriin isaa wagga 23 ta’e Ferraan Toores kilaboota fuchachuuf hordofaa jiran keessaati. (Talksport)
Aston Viilaan Tooresiin alatti taphataa Yuveentus lammii Sarbiyaa umuriin isaa wagga 23 ta’e fudhachuufis yaadaa jira.
Taphataan sarara gidduu duraanii Ispeen fi Liiverpuul Zhaabii Alloonsoo leenjisaa Totinhaam ta'uu mala jedhamee maqaan isaa ka'aa jira. haata'u malee hogganaan Baayer Liiverkusen Alloonsoon %100 qalbiin kilaba Jarman kana waliin jira jdhe. (Mirror)
Biraayitan taphataa sarara gidduu Ingilaand umuriin isaa waggaa 37 qaqqabeeru Jams Milner ganna kana yeroo kontiraanni Liiverpuul waliin qabu xumuramu fudhachuuf afaan guutee dubbata ajira. Liiverpuul ammooo bakka isaa tapahataa lammii Arjentiinaa umuriin isaa waggaa 24 ta'e Aleksiis Maak Alistar Sehaguls irraa fudhachuuf carraaqaa jira. Guardian)
Fuulham ganna kana taphataa sarara gidduu lammii Poorchugaal umuriin isaa waggaa 27 ta'e Joao Palhinha, fuchachuudhaaf baajanni Paawondiin 50 akka ramadamuuf gaafarteera. Taphataa kana garuu Liiverpuul fi Baayer Muniik fudhachuuf barbaadaa jiru. (Football Insider)
Niwukasil taphataa sarara gidduu Firans umurii waggaa 22 irra jiru Khephren Thuram Nice irraa fudhachuu barbaada. Kanaaf ammoo ganna kana abbaan Paawondii miiliyoona 60 kenne ganna kana fudhachuu danda'a jedhameera. (Football Insider)
Leenjisaa Cheslii itti aanu ta'a jedhamee eegamaa kan jiru Maawiriisiyoo Pochetiinoon taphataa lammii Beeljiyeem Romeluu Lukaakuun yeroo ergisa Inter Miilaan irraa deebiyutti akka of cimsuuf carraa kennaaf jedhamee eegamaa jira. Amma umurii waggaa 29 irra kan jiru Lukaakuun ergisaan kilaba Xaaliyaan, Inter Miilaaniif taphataa jira. (Gazzetta dello Sport - in Italian)
Reeyis Nilsan yaada Arsenaal kontiraata isaa haaromsuuf dhoyeesse jalqabaa dideera. Taphataa lammii Ingilaand umuriin waggaa 23 kana fudhachuuf kilaboonni baayyeen fedhii agarsiisa ajiru. (Fabrizio Romano)
Meenchester Siitiin ammoo taphataa sarara ittisaa ganna 18 Rikoo Lewis waliin qabu haaromsuutti dhiyaateera. (90min)