Naappoliin waggaa 33 booda Seeriyaa Xaaliyaan injifate

Maxxanfame

Naappoliin waggoota 33 booda taphootni shan osoo Seeriyaa A baraanaa xumuruuf isa hafuu qabxii 80 sassaabbatee shaampiyoonaa ta'uu mirkaneeffate.

Naappoliin dirree Udiniizee Dasiyaa Arenaatti qixxee bahuun shaampiyoonummaa isaa kan mirkaneesse.

Naappoliin jalqaba gooliin itti galee 1-0 durfamaa ture. Booda imala isaanii baranaa keessatti gahee olaanaa bahaa kan jiru jifataan lammii Naayijeeriyaa Viiktoor Osmiheen daqiiqaa 52 irratti isaan qixxeesse.

Naappoliin yeroo lammataaf shaampiyoonaa kan ta'e bara 1990 garee isaa keessa Diiyaagoo Armaandoo Maaraadoonaa yeroo turedha.

Yeroo jalqabaaf Seeriyaa A kan injifate ammoo bara 1987 ture.

Leenjisaan Naappolii Luusiyoo Sipaaleetii ''warri Naappolii akkastti gammadanii arguun miira isaanii argitee gammaduuf gahaadha'' jedhe.

''Uummatni kun yeroo jireenyi itti cimu yeroo kana yaadan tasgabbaa'u, akka kanatti gammachuu ibsachuuf mirga qabu. yeroo gammachuu kana isaanif kennuu kee yoo yaadattu boqonnaatu sitti dhagaahama.''

Kilabni kuni bu'aa bahii hedduu keessa darbeera. Hanqina maallaqaan rakkatee liqaa keessa galeera, osoo hedduudhuma hin fagaatiin bara 2006 ammoo Seeriyaa A keessaa gadi bu'ee Seeriyaa C keessa taphachuufis dirqamee ture.

Ta'uyyuu waggoota 11 darban keessatti kooppaa Itaaliyaa sadii injifateera.

Amma Kilabni kun qaxaleewwan ijji kilaboota addunyaa irra bu'e horateera.

Jifataan kilabichaa Viiktoor Osmiheen bara kana gooliiwwan 22 lakkoofsiseera. Khvicha Kvaratskhelia ammoo goolii 12 galchee 10 mijeessee kenneera.

Leenjisaa Lusiyaanoo kan ganna 64 guute, leenjisaa umrii guddaa Seeriyaa A injifate ta'eera.

Naappoliin tapha dirree isaa Diyaagoo Maaraadoonaan alatti shaampiyoonaa ta'uu mirkaneeffatus magaalaan Neeppils gammachuu daangaa hin qabne keessummessaa bulte.

Ijoollee hanga maanguddoo daandii Neeppilsitti bahanii gammachuu ibsataa bulan.

Akka mucaa ganna 13 tokkoo ''boohaan ture. Kuni yeroo seena qabeessa'' jedhe.

Jifataan abbaa oolmaa Naappolitii jedhamu Osmiheen gama isaan ''miira ajaa'ibaati, yeroon kun akka dhufu hedduu eegne'' jedhe.

''Waancaa Eskedetoo kana warra Neepplsiif gumaachuun miira dafee dagatamu miti. Jireenya keenya hafaa onnee kenya keessa jiraata.''