Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan Itoophiyaa fi Somaaliyaaf wixinee waliigaltee fayyadama handaara galanaa dhiyeessite
Muddama Itiyoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru tasgabbeessuuf Keeniyaan yaada waliigaltee fayyadama handaara galaanaa(Maritime treaty) dhiyeessuu qondaalli olaanoo biyyatti Kamisa kaleessaa Rooyitarsitti himan.
Itoophiyaan hulaa galaanaa buufata waraanaa dabalatee akka fayyadamtuuf Somaaliilaand wajjin waliigaluun Somaaliyaa wajjin muddama keessa galcheera.
Waliigalteen(treaty) Keeniyaan dhiyeessaa jirtu kuni Jibuutii waliin marii taasisuun kan raawwatamaa jiru dha.
IGAD ammoo biyyooti hulaa galaanaa hin qabne, buufataalee galaanaa akkamiin daldalaaf fayyadamuu danda'u dhimma jedhu akka qajeelchu barreessaan olaanaa Haajaa Alaa Keeniyaa Kooriir Singoyi Rooyitarsitti himaniiru.
Itoophiyaan gaafa Amajjii 1, 2024 qarqara galaanaa km20 fayyadamuuf Somaaliilaand, biyya walabaa jechuun of labsite, waliin waliigaltee kan raawwatte. Bakkasaa Itoophiyaan Somaaliilaandiif beekamtii biyya tahuu akka kennituuf himamus Itoophiyaan garuu kana hin mirkaneessine.
Waliigalteen wal-hubannoo Somaaliilaand waliin taasifame Somaaliyaa dheekkamsiisuun naannoo Gaanfa Afrikaa tasgabbii dhabsiisa yaaddoon jedhu jira.
Qondaalli haajaa alaa Keeniyaa Kooriir Singoyi ''IGAD qabeenya galaanaa qooddachuu irratti waliigaltee qopheessuu danda'a,'' jedhaniiru.
Roobii darbe pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad "Itoophiyaan yaaddoo birmadummaafi tokkummaa daangaa" Somaaliyaati jechuun Itoophiyaa waliin mariin gaggeeffamu homtuu akka hin jirre dubbatanii turan.
''Naannoon kuni wabii tasggabbii akka argatuuf jecha qaamota dhimmi kuni ilaallatu hunda wajjin ni marii'anna,'' jedhan Koriirin.
Yoo yaadni Keeniyaa kuni fudhamata argateef, ''Itoophiyaa qabeenya galaanaa haala tasgabbaa'aafi mirkana qabuun akka fayyadamtuuf, '' furamaata kenna. Kanas bilisummaa daangaa Solaaliyaatti otoo hin bu'iin akka raawwattu dandeessisa.
Qondaalli haajaa alaa Keeniyaa kuni, Somaaliyaa fi Itoophiyaan furmaata dhiyaate kana itti yaadaa jiru jedhan. Dhimmicha tarkaanfachiisuufis hogganooti akka walgahan gaafatamaniiru jedhaniiru.
Kooriirin gareen hidhataa al-shabaab Somaaliyaatti socho'u wal-dhibdee kana fayyadamuun mootummaan Somaaliyaa daangaa biyyattii akka tiksuu hin dandeenyetti dhiyeessaa jira waan taheef murtoorra gahuuf yeroo dheeraa fudhachuu dhiisuun akka barbaachisu himaniiru.