Haleellaa Israa'el Libaanositti raawwatteen hojjettoonni lubbuu baraaran 15 ajjeefaman

Namoota bakka haleellaan raawwatametti argaman

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Haleellaa Israa'el wiirtuu ittisa balaa Kaaba Bahaa Libaanosirratti raawwatteen hojjetoonni lubbuu baraaran 15 ajjeefamuu aanga'oonni biyyattii beeksisan.

Haleellaan Sadaasa 14, 2024 wiirtuu kanarratti raawwatame kun hojjetoota lubbuu baraaruuf namoota sababa waraanaatiin miidhaaman gargaaruuf kanneen achi keessa turanidha.

Haleellaa magaalaa Duuris keessatti raawwatame kanaan gamoon ejensiin ittisa sivilii mootummaa Libaanos waliin hojjetu barbadaa'eera.

Ejensiin kun garee Iraan deeggaramu, Hezboollaah waliin hidhata tokkollee akka hin qabne ibsameera.

Haleellaa kanaan itti-gaafatamaan ejensii magaalattii Bilaal Raada ajjeefamuu bulchaan kutaa biyyattii Baachiir Kihoodir ibsaniiru.

"Gocha gara-jabinaa" jechuun haleellaa Ministieerri fayyaa Libaanos ibse kana humni waraanaa Israa'el garuu dhimma kanarratti deebii homaa hin kennine.

Ejensiin ittisa sivilii Libaanos hojii barbaachaa, lubbuu baraaruufi balaa abiddaa balleessuu dabalatee tajaajilawwan yeroo balaan qaqqabaniirratti waajira hojjetudha.

Haleellaa Israa'el bulchiinsa kibba Naabaatii keessatti Kamisa raawwatteen dameen wiirtuu ejensii ittisa sivilii kanaa magaalaa Saaliim keessatti argamu barbaadaa'eera.

Haleellaa kanaanis ogeessota fayyaa shan dabalatee namoonni ja'a ajjeefamuu baddi oduu mootummaa Libaanos NN gabaaseera.

Israa'el haleellaa Fulbaanarraa kaastee gaggeessaa jirtuun yoo xiqqaate hojjettoonni lubbuu baraaraniifi fayyaa 192 ajjeeffamuuu ministeerri fayyaa Libaanos ibseera.

Israa'el guyyoota dhiyoo asitti magaalaa guddoo Libaanos-Beerut karaa qarqara kibbaan dabalatee haleellaa qilleensarraa bakkeewwan birootti raawwachaa jirtu cimsitee itti fufteetti.

Israa'el haleellaa qilleensarraa guyyoota afuriif osoo walirraa hin citiin gaggeessaa kan jirtu yoo ta'u, bu'uuraaleen misoomaafi wiirtuuwwan garee Hezboollaah waliin hidhata qabu jettee yaaddurratti kan xiyyeeffatedha jechuun humni ittisaashee beeksiseera.

Libaanos keessatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf waamichi idil-addunyaa dhiyaachaa kan jiru yoo ta'u, aanga'oonni Ameerikaa yaada waliigaltee jalqabaa aanga'oota Libaanosiif dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

Loltuu bakka haleellaan itti raawwate jiru

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Waliigalteen kamiyyu murtee galiigaltee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) 1701 jedhamuun waraana Hezboollaah fi Israa'el bara 2006 gidduu ture akka dhaabbatu taasiseen ta'uu akka qabu mootummaan Libaanos cimsee gaafateera.

Yaadni murtee UN gama Israa'eliifi Libaanos itti wal daangessaniin naannoo daangaa biyyattii 'Biluu Laayin' jedhamu kiiloomeetira 30 loltoonni Hezboollaa akka fagaatan gochuu kan jedhu kan dabalatudha.

Waliigalteen haaraa taasifamuu danda'u, miseensonni waraanaa Libaanos naannawaa sanatti akka bobba'aniif, akkasumas haalli raawwiisaa hordofuuf dandeessisu uumamuu danda'a jedhamus maalti ta'uu akka qabu tokko tokkoon hin ibsamne.

Israa'el gamasheetiin waliigalticha itti dhiyeenyaan hordofuudhaaf mirga Libaanos keessa socho'uu qabaachuu barbaaddi.

Hezboollaas ta'e mootummaa Libaanos, gaaffii kana fudhachuudhaaf akka jiran wanti akeekan hin jiran.