Itoophiyaan waraanaanis tahu karaa naga hulaa galaanaa ni argatti-Pirez. Beelaarus

Madda suuraa, BeiTA
MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed wal gahii BRICS, Raashiyaa magaalaa Kaazaanitti gaggeeffame cinatti gaggeessitoota biyyoota adda addaa waliin dhimmoota siyaasaa fi dinagdee irratti marii taasisaniiru.
Isaan keessaa pirezdaantii Iraan Masuud Pezeskishiyaanii fi pirezidaantii Beelaarus Aleeksaander Lukaasheenkooo waliin mari’ataniiru.
MM Abiy Ahimed pirezidaantii Beelaarus Aleeksaandar Lukaasheenkoo waliin yeroo mari’atan ‘akka carraa tahe biyyi keenya akkuma biyya keessanii hulaa galaanaa hin qabdu’ jedhan.
Tajaajilli Oduu Biyyaalessaa Beelaarus ‘BeiTA’ jedhamu, MM Abiy maricha irratti, ‘’teessuma ishee irraa kan ka’e rakkoo nu mudataa jiru Beelaarus nu hubatti’’ jechuu gabaaseera.
‘’Waa’ee dhukkubbii keenyaa beektu, isinittis akkasuma dhagahama. Kun dhukkubbii hulaa galaanaa dhabuuti,’’ jedhan.
Itoophiyaan biyya bishaan dhugaatii qulqulluu qabdu tahuu himuun ollota ishee bishaan dhugaatii barbaadaniif karuma nagaa akka dhiyeesituuf himan.
‘’Haa tahu malee olloonni keenya bishaan keenya qulqulluu dhugan, hulaa galaanaa fi hulaa garba bishaanii akka argannu hin fedhan,’’ jedhan.
Hulaa galaanaa fi hulaa garba bishaanii argachuu fi qabeenya jirutti karaa wal qixa taheen fayyadamuu qabna, irrattis wal dhabuu hin qabnu jedhan.
Beelaarusis haala wal fakkaataa keessa waan jirtuuf gaaffii keenya hubatti, biyyoota ollaa keenyaa waliin qabeenya jirutti ‘’karaa wal qixa tahee fi nagaa qabuun waliin itti fayyadamuu qabna’’ jedhan MM Abiy.
Baay’inaan uummanni Itoophiyaa Afrikaa irraa lammaffaa tahuu kan eeran MM Abiy ‘’uummanni hamma kanaa hulaa galaanaa yeroo dhabu hammam akka nama rakkisu yaadaa’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantiin Beelaarus Aleeksandar Lukaasheenkoo dhimma rakkoo hulaa galaanaa dhabuu kana lammiileen biyya keenyaa ni hubatu jedhan.
Pirezidaanti Lukaasheenkoon Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ''dhimma yerooti'' jedhan.
''Olloonni Itoophiyaa kana hin hubanne gowwootadha'' jechuu isaanii Tajaajila Oduu Beelaarus, BeITA gabaase.
Gabaasichi yaada pirezidaantichaa keessaa fudhachuun akka gabaasetti, olloonni Itoophiyaa ‘’dhiyoottis tahu bubbulus, karaa waraanaas tahu ykn karaa nagaan Itoophiyaan akka hulaa galaanaa argattu hubachuu qabu’’ jedhan.
‘’Karaa nagaa osoo tahee silaa namatti tola’’ jedhan pirezidaantiin Beelaarus Aleeksander Lukaasheenkoo.
Beelaarus ollaa Raashiyaa yoo taatu biyyoota akka Yuukireen, Lutaaniyaa,Raashiyaa fi Poolaandi fa’iin marfatee waan jirtuuf hulaa galaanaa hin qabdu.
Lukaasheenkoon gaggeesitoota biyyoota Awurooppaa keessaa isa yeroo dheeraaf aangoo irra ture yoo tahu erga bara 1994 aangoo qabatanii hanga har'aatti pirezidaantii Beelaarus tahuun bulchaa jiru.
Itoophiyaan hula galaanaa argachuuf erga Somaaliilaandi waliin waliigaltee mallatteesiteen as Gaanfa Afrikaa keessatti muddamni jabaan dhalateera.
Somaaliyaan erga ofiin of bulchuu jalqabdee waggoota 30 kan darbe Somaaliilaandi qaama bulchiinsakooti jetti.
Kanaaf wlaiigalteen wal hubannoo Itoophiyaa waliin mallatteesite walabummaa biyyakoo kan cabsedha jechuun himatti.
Kanaafis akka ishee cina dhaabataniif biyyoota Itoophiyaa wlaiin dhibdee qaban akka Eertiraa, Masirii fa’aa waliin michummaa cimsachaa jirti.
Kaleessa Onkoloolessa 29 ammoo dippilomaatiin Itoophiyaa Qonsilaa Itoophiyaa Moqadishoo keessaa hojjetanis sa’a 72 keessatti akka biyyashee gadhiisanii bahan ajajje.
Pirezidaantiin Somaaliilandi Musee Bihii ammoo sababa waliigalticha hordofee qaxanaa Gaanfa Afrikaatti atakaaroon uumameef osoo hojiitti hin hiikamiin turuu ibsan.








