Sagantaan barattoonni eebba dura tajaajila hawaasaa akka hojjetan dirqisiisu maali?

Madda suuraa, EBC
Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa sagantaa barattoonni yunivarsiitii ebbifamuu isaaniin dura waggaa tokkoof hawaasa keessatti tajaajila akka kennan taasisu eegaluuf akka ta'e beeksiseera.
Sagantaa maqaan 'Tajaajila Yunivarsiitii Itoophiyaa' jedhamu kennameef kana eegaluuf sababa kan ta'e ammoo hanqina barsiisotaa biyyattii mudate akka ta'e Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa himaniiru.
Gamaggama dhiyeenya taasifameen biyyattii keessatti hanqinni barsiisota kuma 100 akka jiru baramuusaas eeraniiru.
Ministirichi kana kan dubbatan wayita qorannoon gadi bu'uu qabxii barattoota kutaa 12ffaan walqabatee taasifame Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaattii Koree Dhaabbii Dhimmoota Humna Namaa, Misooma, Bobba'iinsa Hojiifii Tekinoloojiif dhiyaatetti.
Sagantaan barattoota eebba dura waggaa tokkoof hojiitti bobbaasu kun bara 2019 hojiirra ooluu akka eegalu Piroofeesar Birhaanuun ibsaniiru.
''Bara 2019tti Tajaajila Yunivarsiitii Itoophiyaa sagantaa jedhu eegaluuf jenna.''
Piroofeesarichi sagantaan kun duraan barattootni Yunivarsiitii waggaa sadaffaa gahan gara waggaa afurii ce'uu dura waggaa tokkoof naannolee adda addaatti duulaanii isa oogummaa isaaniin hawaasa tajaajilan waliin walfakkaata jedhaniiru.
Dabaluunis mootummaan sagantaa kanaan baasii bu'uuraa barattootaa qofa dand'a jedhan.
''Faayidaa baayyee qaba ture. Tokkoffaa deebi'anii waggaa arfaffaa yeroo galan sirriitti bilchaatanii galu, waayee hawaasa isaanii sirriitti hubatanii deebi'u, sagantaa kanaan barsiisummaa jaalatiin kan achumaan hafanis jiru'' jechuun bu'aasaa ibsaniiru.
Sagantaan kun hanqina barsiisotaa jiru ''hanga ta'e nuu salphisuu danda'a'' jedhan.
Barattoonni yunivarsiitiis damee barnootaa barataniin akka tajaajilan akka taasifamu kan himame yemmuu ta'u, baasiiwwan barattoonni kunneen wantoota bu'uraaf baasan akka uwwifamanis himameera.
Dabalataan sagantichi barattoonni barnoota gochaan deeggarame akka argatan taasisuun cinatti ogummaa barsiisummaatti akka makamaniif carraa kan uumu akka ta'es ministirichi dubbataniiru.
Barattoonni maal jedhu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yunivarsiitii Haramaayaatti barataa fayyaa hawaasaa waggaa 2ffaa kan ta'e Indaala Ayyalaa, barattoota karoora Ministeera Barnootaa kanan walqabatee BBC'f yaada kennan keessaa tokko.
"Wantumti nuti barannuuf hawaasa hin baratiin tajaajiluuf" kan jedhu barataan kun, yaadni ministirri barnootaa dhiyeessan gaarii ta'uu dubbata.
"Ani akka mataa kiyyaatti hawaasa tajaajiluu akka waan gaarii tokoottin fudhadha," jechuunis dubbata.
Dabalataan sagantaan kun hojiisaa gara fulduraaf muuxxannoo kan itti argatu akka ta'es abdii qabu himeera.
Barataa Yunivarsiitii Wallaggaa kan ta'efii BBC'f yaadasaa kan laate Daadhii Foollees yaada barataa Indaala qooddata.
"Waan baratteen, gahumsa yunivarsiitii keessatti argatteen baatee ummata kee keessatti hagam akka baratte, maal akka baratte hojiirra oolchuuf yaaluun tattaafii gaariidha," jedha.
Sagantaan kun komii yeroo eebbaa barattootaa dheeressuu danda'a jedhu kaasuu akka malu yaaddoo qabu himuun, 'sagantichi garuu barattoonni gahumsa isaanii akka mirkaneeffataniif carraa kan uumudha' jedheera.












