Elon Maask bulchiinsa Tiraamp gadhiise, caasaan 'Doge' garuu itti fufa jedhe

Iloon Maask

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Elon Maask bulchiinsa Tiraamp keessatti caasaa baasii mootummaa hir'isu hogganuun hojii mootummaa federaalaa baayyee hir'isuun booda Waayit Haawus gadhiisuuf tahuu hime.

Miidiyaa hawaasaa ofii dhuunfatu X irratti dureessi addunyaa kanaa Tiraamp hoggansa Damee Bu'aa-qabeessummaa Mootummaa(Doge) akka gargaaaru carraa isaaf kennuu isaaf galateeffate.

Roobii galgala Waayit Haawus Maaskiin akka hojjetaa addaatti geggeessuu jalqabuusaa BBC'n hubateera.

Gaheen hojiisaa kan yeroo murtaa'aa tahus gadhiisuunsaa kan dhagahme garuu guyyaa tokko dura Maask seera wixinee Tiraamp qeequun booda dha.

Akka hojjetaa addaa mootummaatti yeroon koo dhumeera, ''Tiraamp baasii akkasumaan badu akkaan hir'isu carraa waan naa kenneef galateeffachuun barbaada,'' jechuun X irratti barreesse.

''Ergamni caasaa Doge kan jabaachuu danda'u dameelee mootummaa hunda keessatti hojimaata yoo tahe qofadha,'' jedhe.

Dureessi dhalata Afrikaa Kibbaa ''hojjetaa mootumaa addaa'' tahuun waggaa keessattti guyyaa 130 akka dalagu eeyyama argatee ture.

Erga Tiraamp aangoo qabachuuf gaafa amajjii 20 simannaan taasifameefi dhuma Caamsaa kanarratti guyyaa 130 guutuuf jedha.

Haa tahu malee waajira gadhiisuunsaa Tiraamp wixinee seeraa boqonnaa taaksii kennuufi raayyaa ittisaa jabeessuu abbaa doolaara tiriiliyoona baayyee dhiyeessuutti ''gaddeera'' jechuusaan booda dhagahame.

Hogganaan SpaceX fi Tesla af-gaaffii michuu BBC kan tahe CBS waliin taasiseen wixineen seeraa Tiraamp ''guddaafi bareedaa'' jedhan mootummaa federaalaa irratti hanqina fiduu mala jedhe.

Dabaluunis hojii inni Doge keessatti hojjechaa ture ''kan busheessu dha,'' jedhe.

''Wixinee dhiyeeffame guddaa ykn bareedaa tahuu danda'a,'' garuu al takkaatti lamaansaa tahuu danda'a jedhee hin yaadu jedhe.

Maask kaabinoota Tiraamp muraasa waliin wal dhibdee keessa kan gale yoo tahu yeroo hojiisaa eegale baajata mootummaa federaalaa keessaa baasii doolaara tiriliyoona lama akka hir'isu karoorsus boodarra karoora kana walakkaan kuteera, dhumarratti doolaara biiliyoona 150 godhe.

Karoora Doge kanaan hojjattoonni mootummaa federaalaa miiliyoona 2.3 keessaa kan 260,000 hojiisaanii dhabaniiru.

Haala gariin dhaddachi mootummaa federaalaa arii'amuu hojjettoota kanaa dhorkee kanneen arii'amanis akka deebi'an taasiseera.

Maask dhuma ji'a Eblaa keessa dhaabota ofiisaa hogganutti akka deebi'u himee ture kunis tattaaffii Tiraamp Waashingitan jijjiiruuf taasisu irratti qeeqni jabaachuun boodadha.

''Doge waan hundumaaf maqaan badaa jira,'' jechuun Waashingitan Poostitti hime.

Yeroo Maask mootummaaf hojjechaa turetti gurgurataan konkolaataa elektrikii dhaabbatasaa gad bu'e.