Dhohinsa peejar Libaanos: ‘Namni ija tokko dhabe hundi ijasaa kaaniin lola’

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dhohinsi marsaa lammataa Libaanoon keessatti Roobii kaleessaa kan dhaga’ame wayita namoonni baay’een guutuu Libaanos keessatti sirna awwaalchaa namoota dhohinsa meeshaan qunnamtii (peejiroonni)n ajjeefaman gaggeessuuf walitti qabamaniitti ture.

Sirna awwaalchaa irratti namoonni gaddaan mormii fi aarii guddaa itti dhagahame ibsaa turan. Gama biraatiin ammoo hakiimonni miidhaa suukaneessaa yaalan ibsaniiru.

Gareen BBC dhiheenyatti argamanis odeessa kana kana itti dhiheenyaan guutuu magaalaa guddoo Beerut keessatti hordofaa tureera:

Erga kaleessa dhohiinsi cimaan meeshaa qunnamtii irra qaqabeen booda, bilbilaafi meeshaa qunnamtii biraa fayyadamuuf yaadda'aa jiruutti, deebiisee har'as dhohinsi marsaa lammaffaa mudate.

Guyyaa har'aa kan mucaa xiqqaa dabalatee, sirni awwaalchi namoota kaleessa ajjeefamanii osoo adeemsifamaa jiranuu dhohinsa biraa dhagahamuun namoonni rifachuu eegale. Ummannis kallattii adda addaatiin fiiguu eegalan.

Hundii sirna awwaalchaa dhiisnuun bakka dahoo qabu barbaaduu qabu turan.

Haataʼu malee, gabaasaan BBC sirna awwaalchaa sanarratti namoota wajjin haasaʼuu fi wanta taʼaa jiru hubachuu dandaʼeera.

Namoonni sirna awwaalcha mucaa ganna 11 fi miseensota Hezbollaa sadii kanneen haleellaa meeshaa qunnamtii Kibxata darbe raawwatameen ajjeefaman irratti hirmaachuuf baay’inaan achitti walitti qabamanii tuan.

Dhiironni, dubartoonnii fi barattoonnillee baanarootaa fi poostaroota suuraa mucaa ajjeefame agarsiisu qabatanii daandiirratti bahanii turan.

Gariin alaabaa keelloo Hezbollaa, kaan ammoo alaabaa gurraacha gurguddaa suuraa hogganaa Hezbollaa, Hasan Naasraallaah qabatanii turan.

Dubartoonni ammoo daraaraa saanduqa namoota ajjeeffamanii irratti firfirsan. Marsariitichi namoota akka koo kanaan dura sirna awwaalcha miseensota Hizbullah irratti argamaniif baayyee beekamaadha.

Maatiiwwan tokko tokko ammoo ijoollee isaanii fidanii dhufanii ture.

Namoonni wanti ta'e yakka guddaa dhala namaarratti raawwatame ta'uu akka dubbatu, akkasumas diddaa fi kutannoosaanii akka cimu taasisu himu.

Sagaleen isaanii kan mormiiti. Kadhannaan sagalee guddiftuun kan tamsaasan yoo ta’u, ijoolleen tokko tokkos uffata iskaa'utii uffachuun mucaa ganna 11 ajjeeffameef kabajasaanoo dhaamuuf dhufan.

Baanaroonni suuraa muciichaa waliin hojjataman tokko tokkos wareegamaa jechuun waaman.

Dargaggeessa tokko namoota madaa’an keessaa tokko kan beekuu yoo ta'ef gaafatamee ture.

Innis akkas jedhee deebii kenne: "Namni hundu nama ta'e beeka. Dhukkubbiin isaas qaamaa fi onnee keessatti cimaadha. Garuu kun waan itti barannedha, diddaa keenyas itti fufna'' jedha.

Dubartiin umuriin ganna 45 sirna awwaalchaa irratti Gabaasaa BBC cinaa turte tokko fuulashee irratti seequutu mul’ata ture. Isheenis akkas jette: "Kun nu jabeessa, kan ija tokko dhabe ijasaa biraatiin lola. Hundi keenya waliin dhaabbannee jirra'.

Kaarine Torbey Yunivarsiitii Beerut gaara Libaanos keessatti

Taateen hospitaala fuuldura jiru ganama har'aa namaan kan guutame ta'us, garuu tasgabbii kan qabu ture. Firoonni hedduun waa'ee namoota beekanii ykn firoota isaanii odeeffannoo haaraa argachuuf hospitaalaan alatti eegaa turan.

Haalli achi tures kan halkan darbee irraa faallaa ture. Dhohinsaan booda battalumatti wayita namoonni miidhaan irra qaqaabee gara hospitaalchaa geeffamanii sagalee boo’aa fi iyyaan itti guttamee tureetiin addadha.

Piroofeesar Eliyaas Waaraak ogeessa wallaansa ijaa achuma Hospitaala Yunivarsiitii Gaara Libaanos ypp ta'an, taateen guyyaa Kibxata waaree booda argan waan sukkanneessaa ta'uu dubbatan.

Pirof. Waaraak, ‘innis guyyaa jireenyakoo keessatti isa hamaa turedha’ jedhe.

Biiroo isaa keessa taa'ee haala tasgabbaa'een akkas jedhan: "kan nama gaddisiisu, baroota ogummaa doktorummaa koo waggaa 25 guutuu caalaa halkan edaa ija namoota baay'ee baasuu (baasu) qaba ture."

"Yoo xiqqaate ija namoota miidhaman keessaa tokkolleen baraaruun barbaade (arguu isaanii baraaruuf) haala ta'eerratti hin dandeenye, rasaasni kallattiin ija keessa gad fageenyaan waan seeneef ija lamaan baasuun qaba ture."

Biiroo isaanii keessatti osoo gaazexessaa waliin wayita haasa'aniitti, Dr Waaraak waan baay'ee gaddanii fi waan argan kan xiinxalan fakkaatu.

Akkas jedhan: "Baayyee ulfaataa ture. Dhukkubsattoonni irra caalaansaanii dargaggoota umurii mana digdamaa keessa jiru yoo ta'an, yeroo tokko tokko ija lamaan baasuun qaba ture. Jireenya koo guutuu keessatti mudannoowwan isa kan kaleessa argeen wal fakkaatu hin argine ture."

Oggeessi kunis gara sa'aatii 24f hospitaalicha keessatti namoota miidhaman wal'aanaa kan turan yoo ta'u, boqonnaa gabaabaa qofa fudhate.

Gama biraatiin Dr Waaraak miseensoonni irootaa fi maatiin namoota miidhamanii fi waan namoota jaallatan mudate obsa guddaadhaan turusaanitiif leellisaniiru.

Namoonni gara 3,000 ta'an miidhaman keessaa 200 kan ta'an haala yaaddessaa keessa jiru.

Dambalii dhohinsa marsaa lammataa Roobii kaleessaa mudateenis yoo xiqqaate namoonni 14 yoo du’an, 300 ol ammoo madaa’uu ministeerri fayyaa Libaanos beeksiseera.

Iraaniin kan deeggaramu Hezbollaan, meeshaaleen qunnamtii kunneen “kan hojjettoota kutaalee fi dhaabbilee Hezbollaa adda addaati” jechuun du’a loltotasaa mirkaneessee jira.

Gareen kunis akkuma ministira muummee Libaanos Israa'el komate. Haata'u malee waraanni Israa'el yaada kennuu hin barbaadne.

BBCn battaluma dhohinsi qaqabeetiin booda hojjettoota wallaansa fayyaa gara biroo muraasa dubbiseera.

"Baayyee miira namaa kan miidhu yoo ta'u, mudannoon tokko tokkos suukaneessaadha," jechuun hojjetaan hospitaalichaa tokko BBCtti hime. Itti dabaluunis miidhaan irra caalaan sadarkaa mudhii, fuula, ijaa fi harkaa irratti akka ta'e dubbataniiru.

Biyyi guutuun haala naasuufi rifaatuu keessatti argama. Namoonni waan dhuguma ta'e mataasaa amanu hin dandeenye.

Taateen kunis haala attasitiin kan kana dura ta'e hin beekamnee fi biyya taateewwan akkasii itti baratteef illee hubachuun garmalee rakkisaadha jechuu nan danda’a.