Hogganaa Nato: Chaayinaan waraana Putin deeggaruutti gatii baaftu qabdi

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Naatoo Chaayinaan karaa ishee yoo jijjiirrachuu baatte, waraana Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessaa jirtu deeggaruusheettii gatii baasuun ishee hin oluu jechuun akeekkaachisaan.
Hogganichi Jeensi Istooltenbargi BBCtti wayita dubbatan akkka jedhaniitti, Beejiing gama tokkoon waraanaa Raashiyaa deeggaruudhaan'' karaa biraatiin ammoo, michoota Awurooppaa waliin hariiroo qabaachuuf yaaluun gama lamaanuu milkaa'uuf yaalaa jirti jedhan.
''Kunis kan yeroo dheeraaf hojjechuu danda'u miti,'' jedhan hogganaan Nato kun tibba daawwannaa Waashingitanitti taasisaniitti BBC News'tti yoo dubbatan.
Gaaffii fi deebii bal’aa BBC waliin taasisaniin, Aab Istoolteenbarg akkasumas waa'ee baasii meeshaa niwukilaraa fi ittisaa irrattis dubbataniiru.
Yaadni aanga'aa kanaa kunis kan dhufe yeroo Raashiyaan waraana Yukireen keessatti gaggeessaa jirtu dhaabuudhaaf mallattoo tokkollee hin agarsiifne kanattiidha.
Yaa'ii nagaa dhuma torban darbeerratti Siwiizarlaanditti gaggeeffame irratti biyyoonni baayyeen Kiiv deeggaruuf waadaa galaniiru. Haata'u malee, Raashiyaan kun yeroo qisaasuudha jechuun Yukireen harka yoo kennite qofa marii nagaa irratti walii akka galtu himte.
Hogganaan Nato kunis deeggarsa Chaayinaan Raashiyaadhaaf taasisaa jirtu irratti waan miseensonni Naatoo gochuu akka danda'an cimsuun yoo dubbatan, qoqqobbii kaa'amuu danda'amurratti ''haasawa itti fufee jiru'' akka jiru dubbataniiru.
Ittii dabaluunis, Chaayinaan ''teknooloojiiwwan hedduu, kanneen [akka] maaykiroo elektirooniksii, kan Raashiyaan misaa'elaa fi meeshaa waraanaa Yukireen irratti fayyadamtu ijaaruuf barbaachisaa ta'an qoodaafi jirti'' jedheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabaluudhaanis ''Chaayinaan amala ishee kana yoo jijjiirruu baattee, sadarkaa ta'e tokkorratti adabbiin dinagdee gosa tokko yaadu qabna'' jedhan.
Beejiing deeggarsa Raashiyaaf taasiftuun ammayyuu hanga tokko qoqqobbii jala jirti. Baatii darbe keessa, Ameerikaan dhaabbilee Chaayinaa fi Hoong Koong keessa jiran gara 20 irratti uggura beeksiisuun ishee ni yaadatama.
Chaayinaan daldala Moskoo waliin qabdu meeshaa waraanaa nama ajjeesu gurguraa akka hin jirree himuudhaan waakkatte.
Dowannaan hogganaan Naatoo waashingitan kunis erga Viilaadmiir Puutiin Kibxata har'aa Kooriyaa Kaabaa dowwachusaanii Kiremiiliin mirkanneessiteen boodadha.
Kunis dowwannaa baatii darbee keessa Chaayinaatti taasisaniitti aanee kan dhufeedha.
Raashiyaan erga bara 2022 keessaa Yukireen irratti weerara guutuu eegaltee kaasee waltajjiiwwan addunyaa irratti loogeeffamunshee dabalaa dhufeera. Puutiin ammoo irra dedeebiidhaan aangoon warra liixaa jijjiramaa jiraachuufi dureewwan sammuu wal fakkaatu qaban waliin walitti dhufeenya isaa cimfachuuf hojjataa jirachu dubbata.
''Raashiyaan ammatti dabaluudhaan dureewwan abbaa hirree waliin michoomaa jirti'' jechuun ture hogganaan Nato kun BBCtti kan hima biyyoota akka Iraan, Beejiing fi kooriyaa Kaabaa tarreessuudhan.

Madda suuraa, Reuters












