Namtichi cuucii daakkiyyee karaa qaxxaamursaa ture konkolaataan rukutamee du'e

Sirni  gaddaaa Keesiy Rivaratti galateffachuuf magaalaa Rookilinitti qophaa'e

Madda suuraa, CBS

Maxxanfame

Lammiin Ameerikaa balaa konkolaataan du’e kun otoo balaan irra hin gahiin dura daakkiyyeen ilmaan ishee waliin daandii akka qaxxaamurtu gargaara ture jedha poolisiin naannichaa.

Namni kun Keesiy Rivaraa jedhama, umrii isaa ganna 41 yoo ta’u, otoo konkolaachisaa dargaggeessa tokkoon balaan irra hin qaqqabiin dura Kaaba Sakiraamentoo, Rokiliniitti konkolataa isaa keessaa ba'uu ture jedhe poolisiin.

Keesiy Rivaraa, daakkiyyee toora galtee yaatu erga karaa konkolaataa qaxxaamursee booda balaan isarra qaqqabuu namoonni taatee sana argan himaniiru.

Balaa Keesiy Rivaraa mudateef garuu namni hidhame hin jiru.

''Namtichi ilmaan daakkiyyee akka karaa qaxxaamursuuf yaalaa turuun gabaafame kun bakka karaan walqaxxamurutti gargaaruu yaale,’’ jedha ibsi Dippaartimentii Poolisii Rokiliin.

''Otoo namtichi karaa walqaxxaamura gubbaarra jiruu konkolaachisaan dargaggeessi gara Baha Istaanfoord Raanchi Bulevarditti qajeelu itti dhufe. Konkolaachisaan dargaggeessi kun nama karaa gubbaarra ture sana konkolaataan rukute,’’ jedhe bsi poolisiin baase.

Namni taate sana argite Samar Pitarsan miidyaa naannootti akka himtetti, ijoolleen ishee waliin taateen Kamisa halkan qaqqabe yeroo gahu arguu himte.

''Ijoolleen koo baayyee bareeda jechaa turan. Inni karaa ceesisu sun nama gaariidha jechaa turan. Akka tasa haalichi geeeddarame namtichi konkolataan dhahame,’’ jette.

Bakka balaan sun gahetti namoonni abaaboo fi waanta daakkiyee fakkaatu olkaa’anii kabajaa qabaniif mul’isan.

Sagantaa karaa toora intarneetii galii walitti qabuuf firoota Obbo Rivaraaniin baname gubbaatti akka ibsametti, Obbo Rivaraan ijoolleesaa shaakala daakaa bishaaniirraa gara manaatti konkolaataan otoo galchuu’’haadha daakkiyyee cuucii ishee waliin karaa walqaxxamuruuf rakkatte argan,’’ jedha.

''Keesiy Rivaraa nama arjaa, abbaafi abbaa warraa ajaa’ibati ,’’ jedha barreeffamichi.

''Kan biraa yoo hafe, waanti inni yeroo du’u dalageeyyuu mallattoo qajeelummaati,’’ jedha.

Haati warraan Obbo Rivaraan Aadde Anjel Chow, dhaamsa jajjabinaa erga ergameefi kanatti gammaduu himte.

''Keesiy Rivaraa jireenya namootaa keessatti dhiibbaa gaarii uumuusaa dhaga’uun nu gammachise,’’ jette.

Poolisiin Rookiliin akka himetti, balaa qaqqabe sanaan walqabatee namni ammatti to’atame hin jiru, garuu balaan sun qoratamaa jira.