Itoophiyaatti miidhaa suukanneessaan dubartootarra gahu maaf dabale?

Maxxanfame

Sabila Nigusee digirii lammaffaa ishee ‘Business administration’n qabxii olaanaan eebbifamte.

Isaan booda ammoo waggoota 12'f damee bulchiinsa qabeenya humna namaarra hojjattee jirti.

Waajjiraalee hedduu keessa kan hojjatte yoo ta'u wayita dhimmishee dhiyaatetti ammoo Baankii Hibrat keessa hojjataa turte.

ALI Mudde 30, 2014 garuu reebichi cimaan irratti raawwatame. Meeshaa qara qabuun waraanamte.

Akkasumas erga saanitaayizariin itti firfirfame booda haala suukanneessan gubattee ajjeefamte.

Sabila irratti gochaa suukanneessaa kana kan raawwate ammoo nama isheen ''jaalallee kooti’’ jettuun turte.

Murtichi lubbuushee deebisu baatulleen, nama ishee ajjeesuun shakkamaarratti dhiheenya kana adabbiin du'aa murtaa'eera.

Tarii osoo xiqqoo durfamee ture lubbuu Sabila oolchun danda'ama ture laata?

''Ajjeestonnis kanuma hawaasa keenya keessaa bahaniidha’’

Beetiliheem Dagguu, Waldaa Ogeeyyii Seera Dubartoota Itoophiyaatti Daarektara Sagantaati.

''Lakkoofsi dubartoota miidhaa saalaatiin du’aanii fi miidhaan qaamaa irra gahuu haala naasisaan dabalaa jira,’’ jedhan.

Aaddee Beetiliheem hammi miidhaa dabalaa jiraachu kan hubatan, miidhamtoota deeggarsa seeraa barbaacha isaan bira dhaqan irraayi.

Damee waajjirasaanii ammoo iddoo hundatti hin argamu. Osoo qorannoon sadarkaa biyyatti gaggeeffame lakkoofsi miidhamtootaa hedduu akka ta'u tilamamuun hin ulfaatu.

Gaaffiilee bara 2022 keessaa deeggarsaaf waldichatti dhiyaatan keessaa 47 ajjeechaafi yaalii ajjeechaa turan. 32 ammoo kan yakki gudeeddii irratti raawwatameefi dubartoonni 158 haala suukanneessaan kan reebamaniidha.

Gaaffileen gara waldaa kanaa dhiyaatanis sadarkaa biyyaatti yoo ilaalaman bayyee xiqqaa ta'usaa hubatamu qabaata.

Aaddee Beetiliheem miidhaan dubartoota irra gahu kunis irra dedebii'amunsaa akka 'baramu' kan taasise fakkaata jedhan.

Miidhaan saalaa 'kan barameedha' jedhamee bira taruun yoo jalqabame, kufaatii hawaasaati jetti.

Aariin kana dura dhagahaman, iyyi sadarkaa biyyaatti ture, gaddiiwwan biyyaaleessaa akka irra hin deebii'amnee gaafatan amma eessa dhaqan? Badaa jiruu? Ykn gadda biyyaaleessaa baraa dhufne laata?

''Amma amma du'a obboolaa keenyaan gadduun hafee sagalee miidiyaalee hawaasaarratti namni miidhaa qaqabsiise 'gaarii godhe' jedhan fa'i dhagahamu eegalaniiru,'' jedhu Betiliheem.

Miidhaa suukaneessaa dubartootarra wayita qaqqabuutti kanneen miira ''maal haata'uree?’’ jedhan yoo dhageessifame, hawaasaa tokko keessattu mallattoo kufaatii naamusaati.

Akkasumas kallattii balaafamaafi agarsiiftuu imala irraan gadii eegalu keenyati jetti.

Dhiheenyatti kan agarree ammoo, '' kan isaa eenyutu hubateef? Yoona gubdee ta'u danda'a’’ yaadoonni jedhan nama miidhameef du'a lammataati.

''Yaadoonni akkasii nama miidhaa qaqqabsiisee maddii dhaabbatan baayyataniiru'' kan jedhan Aaddee Beteliheem, '' ..wanti hubachu qabnu garuu, dubartiittiin yoo gochaa naamusaan fudhatama hin qabnne kamu raawwatte, dhiirrii akka ajjeessuuf mirga kamu hin kennuuf,'' jedhan.

Aaddee Beteliheem ‘’namoonni lubbuu namaa baasan hawaasuma keenya keessaayi’’ jedhan.

Miidhaawwan tokko tokko dursanii ittisuun hin danda’amu ture?

Yeroo dhiyoon asitti miidhaa dubartootarra gahu dhageenyee maaltu wal fakkeessaa yoo jennee, kan namoota fira dhiyoo jedhaman kan akka abbaa warraa, abbaa buddeenaa, jaalallee ykn kadhimaan kkfn kan raawwataman ta'usaaniti.

Aadde Betiliheem miidhaawwan namoota akka fira dhiyootti ilaalamuun raawwatamunsaanii kunis mataansaa rakkisoo ta'u kaafti.

Namni wayita balaan irra qaqabuu fiigee dahoo kan barbaadu maatii isaarra ture. Abbaa warraa, jaalalleewwan, kaadhiimaa, qaama maatii fi abbaarraa daho argatu ture.

Garuu ammoo yoo namni balaa namarraa ittisa jedhuun abdatan balaa kan namarraan gahu ta'e garamiitti deemama?

Miidhaan dubartoota irratti raawwataman dursuun ittisuun kan dadhabameefis sababiidhuma kanaan.

Sababii inni dahoo kennu qabaatu mataansaa miidhaa kan qaqabsiisu waan ta'ufiidha. ''Diina alagaarraa ni baqqatta. Nama firakoo jettuun mana keessaa irra attamiin baqatta?'' jechuun gaafatti Betiliheem.

Yoo firaan miidhaan irra qaqabuuttis, dafanii poolisiitti gabaasa taasisuuf mamii keessa nama galchu mala.

Haata'u malee miidhaawwan tokko tokkoos erga poolisiitti gabaasa taasifamaniin boodha kan balaa guddaa harkiisanii dhufan. Kunis sababii atattamaan tarkaanfiin hin fudhatamneef jetti. Kanaafis gama raawwachiiftoota seeraatiin qaawwii jiraachu akka hin oollee kaafti.

Haalli poolisiin itti odeeffannoo (ragaa) walitti qabu fi kan shakkamaan itti hordofamu ganaa hin hammayyoofne.

Seerawwan fageenya hanga kanaatti dubartii miidhaa irraan geesseetti hin siqiin jedhaniin wal hin barree kan jettu Betiliheem, dubartiin 'abbaan warraakoo na ajjeessuuf' jette himattuurraa poolisiin jecha fudhuu dhiira yoo ta'e maal jechuu akka danda'u tilmaamuun nama hin dhibu jetti.

Rakkoon qaama kamirra jiraa laata?

Adde Beetaliyeem bu’uurri rakkoo poolisii qofarratti kan dibamu miti jedhan.

Rakkinnisaa walxaxaadha. Waan qaama tokko qofaarrati cimsamee hojjatameef rakkinichi kan furamu miti.

Gama seeraatiin addabbiin barsiisaa ta'e murtaa'u dhabuusaatti miidhaan baayyate ta'a.

''Bu'uurri rakkoosaa adda durummaan hawaasa dubartii gadi aansuun ilaaluudha'' jedhan Aaddee Betiliheem. Kan miidhaa qaqabsiisees bu'aadhuma hawaasa keessatti guddatee sana raawwate?

mootummaa hojii raawwachisaa tokkoo qofaa kan dhiifamu miti jedhan.

‘‘Waldaan Ogeeyyii Seeraa Dubartoota Itoophiyaa miidhaan dubartootarrati gahu akka hammaatuuf maddisaa qaawa gama seeraatiin jiru qofadha jedhee hin amanu. Gama hundaanuu hojjatamuu qaba jennee amanna,'' jedhan Waldaa Ogeeyyii Seeraa Dubartoota Itoophiyaatti Daarektarri Sagantaa Aadde Betiliheem Dagguu.

Namni hundi ittigaafatamummaasaa yoo bahate, akka hwaasaatti ilaalcha keenya yoo sakkataane, ilaalchi dubartootaaf qabnu yoo jijjirre, aadaa keenya keessatti sirriidha kan jenne sirrii akka hin taane yoo hubanne, miidhaan wal jalaan hir'achu danda'a ta'a jedhan.