Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bunni Sidaamaa Waancaa Itoophiyaa injifate Walaayittaaf akka deebisu murtaa'e
Kilabiin Buna Sidaamaa Waancaa Itoophiyaa dhihoo kilaba Walaayittaa Dichaa 2fi 1'n injifachuun argate jalaa haqame.
Koreen Hojii Raawwachiiftuu Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa walga'ii Kibxata taa'en yeroo beeksisetti kuni kan dhagahame.
Federeeshinichi ibsa baaseen murteen kuni kilabichi qajeelfama bulchiinsa faayinaansii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa waan cabseef akka ta'e ibse.
Tapha Isteediyeemii Finfinneetti taasifameefi hookkara uume kanaan deeggartoonni akka dirree hin seenne dhorkamanii turan.
Sidaamaa dabalatee kilaboonni gaaffiin wal fakkaataa irratti ka'e murtee kana gara mana murtii idilee geessuufi dhimmicha irrattis har'a mari'achuu ibse.
Kilaboonni kunneen murteen federeeshichaa akka dhorkamu gochuun taphattoota dhorkaan irra ka'ame akka taphatan taasisaniiru jedheera.
Kilaboonni kunneen Buna Sidaamaa, Hawaasaafi Machaal ta'uu ibse.
Dhimmi taphattoota kanaa koree ol Iyyaannoo federeeshicarraa gara Mana Murtii Ijibbaataa idil-addunyaa adeemuu osoo qabu mana murtii idilee geessan jechuun federeeshinichi gaaffii irratti kaaseera.
Adeemsi kilaboota kanaa gidduu seentummaa kan affeeru akkasumas dambii ittin bulmaata FIFA ni cabsa jedhe.
Akkaatuma kanaanis Koreen Hojii Raawwachiiftuu Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa murteewwan garagaraa dabarsuu beeksiseera.
Maal murtaa'e?
Federeeshinichi kilaboonni kunneen murtee qaamolee haqaa ''atattamaan'' akka raawwachiisan akkasumas adabbii maallaqaa irra kaa'ame akka kaffalan ajaje.
Gama kaaniin, taphoota taphattoota hin malle hiriirsanii taphachiisan jedhe hundammoo 'forfee'' akka kennan murteesse.
Kana jechuun tapha taphattota kana hirmaachisan mara akka mo'amaniifi idaa galchiin sadii akka irratti galmaa'u ta'a.
Faallaan immoo morkattoonni isaanii galchii sadiifi qabxii sadii galmaa'aaf.
Akasumas tapha kilaboonni sadan waliin taphatan kilaboota hundaafuu 'forfee' dhaan akka mo'aman murtaa'e.
Murteen ijoo biroo immoo Kilabiin Buna Sidaamaa taphattoota dhorkaman hiriirsuun waancaa mo'ate ni dhaba jechuudha.
Akkaatuma kanaanis waancicha mo'amee waancichi morkataa isaa kan ta'e Walaayittaa Dichaa akka kennamu murteessuu beeksiseera.
Murtee kanaanis kilabiin Walaayittaa Dichaa Bara 2025/26 Waancaa Konfedereeshinii irratti akka hirmaatu murtaa'u isaas beeksiseera.
Akkaataa murtee federeeshinii kanaan sadarkaan Pirimiyeer Liigii Itoophiyaa jijjiiramuu danda'a.
Barri dorgomii ALI Bara 2018 kilaboota 18 bara dorgommii 2017 keessa turaniifi lama liigii olaanaarraa dhufan dabalatee kilaboota 20'n taasifama jedheera.
Murtee kanarratti yaadni kilaboonni jedhan ammaaf hin baramne.