Balaa abiddaa magaalaa Maanillaa keessatti mannen 1,000 ol gube
Balaa abiddaa magaalaa Maanillaa keessatti mannen 1,000 ol gube
Maxxanfame
Magaalaa guddoo biyya Filiippins, kan taate Maanillaa keessatti balaan abiddaa dhalatee manneen 1,00o ol gube.
Abiddi kun balaa abiddaa kan biraa ji’a dura uumamee namoota 11 galaafateen booda kan dhalatedha.
Balaan abiddaa safara manneen harka-qalleeyyii wal walirratti ijaaramanitti mudatee, jiraattota hedduu mana malee hambise kun, yeroo laboobisaa samiitti ol ba’aa jiru dirooniidhaan waraabameera.






