Arsenaal v Liiverpuul- Taphataa kamtu garaagarummaa uumuuf qophaa'e?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taphattoota

Arsenaal taphaa jabaa har'aaf taphattoota murteessoo lama, Wiiliyaam saalibaa kaardii diimaan, Rikaardoo Kalafiyoorii miidhamaan dhabeera.

Leenjisaan Arsenaal Mikel Arteettaa Bukaayoo Saakaa fi Juuliyaan Tiimber jiraachuunis ''waan amansiisu miti'' jedhan.

Gama Livverpuuliin taphataan sarara duraa Deegoo Jootaa tapha Cheelsii irratti waan miidhameef har'a Liiverpuuliif hin taphatu.

Karra eegaan Liiverpuul ALisanii fi Eliyoot miidhamarraa jiru. Konor Biraadiliifi Federikoo Kiizaa garuu bayyaannachaa jiraatanis tapha har'aa kanaaf hin dhaqaban.

Hangam wal mo'anii beeku?

Taphoota arfan darban Liiverpuul wlaiin taphate irratti Arsenaal mo'amee hin beeku.

Lama mo'achuun lama ammoo qixa bahaniiru. Taphoota 17 darban Liiverpuulii fi Arsenaal taasisan irratti Liiverpuul osoo galchii hin lakkoofsisiin bahee hin beeku.

Inni dhumaa galchii malee xumuran Hagayya bara 2015 ture. Liiverpuul taphoota jaha kana dura Imireetis irratti taasise keessaa taphoota afur mo'ateera. Taphoota dlama ammoo mo'ameera.

Arsenaal

Arsenaal taphoota torba dirree isaa irratti bara kana taasie keessaa jaha mo'ateera. Tokko qofa qixa bahe.

Erga mudde 2023 as yeroo jalqabaaf taphoota lama wlaitti aansanii mo'amuu danda'u.

Arsenaal seenaa isaa keessatti taphoota idilee waliigalaa gaggeessa keessaa hanga ammaatti 2,000 mo'achuuf tokko qofatu isa hafa.

Deklaan Raayis tapha Piriimer Liigii 250ffaa isaa taphachuuf jedha. Kanaanis taphattoota umurii xiqqaan sadarkaa kana irra gahan keessaa tokko tahuuf jedha.

Bukaayoo Saakaa galchii Piriimer Liigii 50ffaa isaa lakkoofsisuuf tokko qofatu isa hafa.

Liiverpuul

Liiverpuul taphoota jaha dirree isaan ala bara kana taasise hunda mo'ateera.

Kanaanis rikardii bara 2019-20 galmeessan darbaniiru. Rikardii kana kilebichi kan galmeessa bara 1990-91 ture.

Liiverpuul bara kana galchii sadii qofatu Piriimer Liigii irratti irratti lakkaa'ame.

Arne Isloot seenaa leenjistoota Piriimer Liigii keessatti jalqabbii argamee hin beekne galmeesseera. Taphoota 12 keessaa 11 mo'ateera.

Mohaammad Saalaa galchii 163 isaa har'a yoo lakkoofsise rikardii taphataa beekamaa duraanii Liverpuul Roobii Foowuler qixxaata.

Mohaammad Saalaan taphoota Piriimer Liigii 14 irratti galchii 10 Arsenaal irratti lakkoofsiseera.