Tibbana Itoophiyaatti qorri maaliif hammaate?

Maxxanfame

Dabra Birihaaniif qorri keessummaa miti. Kanaaf ammoo uffatni qorraa ykn uffati qorraa Dabra Birihaaniifi araqeen Dabra Birihaan ragaadha.

Kan baranaa garuu addaa jedhu jiraattotni magaalittii.

Miidiyaa hawaasummaa gubbaatti yaadni ''qorri hammaate'' jedhu dhagahamaa jira.

Yuunivarsiitii Dabra Birihaanitti Afaan Amaaraa fi hog-barruu kan barsiisan Sarkaalem Yiggaramuu (Dr) manaa kan bahan surree lama walirratti uffatanii kanateeraafi shurraaba irratti jaakettaa dabaluun akka ta'e himu.

Qorruurraa garuu na hin oolchine jedhu.

''Ammayyuu qorra dandamachuu dadhabeen guyyaan manatti deebi'eera. Yeroo kanatti bishaan boombaa osoo bantee harka si hadoocha. Ganama yeroo kaatu qorri cabbii uumee argita'' jedhu.

Duruu ji'a Onkololessaa hanga Amajjiitti ibidda qabsiisanii gaabii uffatanii taa'u. Kan baranaa kana garuu waan ittiin ofirraa ittisnu dhabnee jedhu.

''Kanaaniin ofirraa ittisa kan jedhan miti qorri baranaa.

''Keessumaa barii sa'aa 11 hanga sa'aa lamaatti aduunuu bahee qilleensa qorraatu jira. Kan bara dheengaddaas bara kaan irraas adda.

''Aduun isaa ammoo si guba waan isaa hin beeku. Gaaddisa jala yeroo taatu ammoo qorri isaa kan biraadha. 'Qorra lafee cabsu jedhutu isa ibsa'.''

Jiraattotni magaalaa Finfinnees tiwiitaraa fi feesbuukii gubbaatti ''qorra baranaa dadhabne'' jechaa jiru.

Dhugumatti qorri baranaa kun bara kaan irra addaa? jennee Inistitiyuutii Meetiriyoolojii Itoophiyaatti hojii gaggeesaa damee raaga qilleensaa fi of eeggannoo kan ta'an Dr Asaamminaw Tashoomee gaafanneerra.

Akka Dr Asaamminaw jedhanitti qorri amma mul'atu yeroo kanatti kan eegamuun adda miti.

Dabra Birihaan fa'a eeruun qorri halkanii fi barii naannoleen itti hammaatu jiraachuus himan.

ALI Mudde 24 - 26 ho'i qilleensaa naannoo Dabra Birihaan zeeroo gadi bu'ee digirii seelsiyeesii -1.2 (negatiiva) ture.

Finfinneetti ammoo digirii Selsiyeesii shanii gad bu'ee hin beeku.

Naannolee akka Wagan Xeenaa, Baatii, Ambaa Maariyaam, Dabaarq, Jimma, Baalee Roobeefi Hosaa'anaatti digirii Selsiyeesii shanii hanga zeeroo gaheera.

Qorra akkasiif sababni maali kan jenneen Dr Asaminew waqxiiwwan afran biyyattiin ittiin beekamtu garba guddaa fi galaanota irratti haala qilleensaa mudatuun haalli baramaa isaanii jijjirama jedhan.

Saayibeeriyaa irraa ka'ee biyyoota Awurooppaa qaxxaamuree gara Itoophiyaa qilleensi seenaa jiru qilleensa gogaafi bubbee qabu naannolee biyyattii adda addaa keessatti qorri galgalaa fi barii akka hammaatu sababa ta'uu dubbatan.

Qorri baranaa addaa?

Namoonni ‘qorri nutti hammaate, kana dura agarree hin beeknu’ jedhanis ogeessi BBC’n dubbise kuni garuu ‘’barana haalaan qorra gamaggama jedhu hin qabnu’’ jedhan.

Bona baranaa dumeessi guyyaa hedduuf ture ni ture. Kuni yeroo ta’u hammi ho’a gad-aanaa guyyaa mul’atu digirii selsiyeesii 5 gadi ta’e hin beeku.

Barana garuu guyyoota muraasa keessa Dabra Birhaanitti guyyoota afuriif akkasumas Hararitti guyyaa tokkoof digirii selsiyeesii 0 gadi galmaa’eera.

‘’Odeeffannoon bonni baranaa kaanirraa ni qorra jedhu walitti hin qabamne. Qorri bariifi ganamaa garuu mudateera. Baay’ee cimaadha. [Baay’ee] ni qorra jechuus baannu,’’ jedhan.

Qorra ganamaafi barii

Hammi ho’a gad-aanaa guyyaa tokko (minimum temperature) yeroo baay’ee bakkeewwan hedduutti bariifi ganama galmaa’u.

Namoota baay’ee kan rakkise qorra kanadha.  

Dhiibbaan qilleensaa gad-aanaa Galaana Diimaafi Mediteraaniyaaniitti waan uumameef haalli qilleensaa jiidhinsa qabu gara Itoophiyaa seenaa akka ture Dr Asaamminaw ibsu.

Kanatu bakkeewwan biyyattii baay’eetti duumessa kan uume. Kunis qorra bariifi ganamaa hammeessa.

Barana Onkololeessaafi Sadaasa irratti bakkeewwan hedduutti duumessiifi roobni waan turef keessumaa dhuma baatii Amajjii irratti qorri akka dabalu raagi qilleensaa ni mul’isa.

Jijiirama qilleensaa

Biyyoota jijjiiramni haala qilleensaa ifatti keessatti mul’atu keessaa tokko kan taate Itoophiyaatti hongeen waggoota 40 keessa hammaataadha jedhame mudateera.

Kunis horiin miiliyoonaan lakkaa’aman akka dhuman, lammiileenis hedduus gargaarsaaf akka saaxilaman taasise.

Jijjiiramni qilleensaa ‘’bakkeewwan biyya keenyaa hedduutti hammi ho’a guyyaafi hammi ho’a qilleensaa akka dabalu taasiseera,’’ jedhu Dr Asaamminaw.

Biyyoota addunyaa garagaraattis ho’is hammaataan akkasumas cabbiin lubbuu lammiilee dabarseera. Tajaajila geejjibaafi tajaajiloonni bu’uuraas akka adda citan taasiseera.