Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaaba Amerikaatti cabbiifi qorra dandamachuu dadhabuun namoonni 38 ol du'an
Kaaba Ameerikaa, US fi Kanaadaa, keessatti caabbiifi qorri akka malee hammaachuu irraa kan ka'e yoo xiqqaate namoonni 38 du'uun himame.
Namoota kanneen keessaa 34 kan ta'an US magaala Buffaaloo jedhamtu keessaatti kan du'an.
Kaneen hafan afur ammoo Kanaadatti konkolaataan nama fe'ee deemu karaa cabbiin guutame irraa sigigaachun garagaluuni kan du'an.
Haalli qilleensaa cabbiifi rooba bubbee makate kun bifa kanaan dura hin baramneen Kanaadafi US mudate jedhama.
Ogeeyyiin raaga haala qilleensaa cabbiifi diilalli kun guyyoota muraasa gidduutti akka hir'atu himanis, waanti addaa yoo isaan mudate malee namoonni mana isaanii keessaa akka gadi hin baane gorsu.
Sababa haala qilleensaa baay'ee dilallaafi cabbii kanaaf bakkeewwan heddutti anniisan elektirikii adda citee turus hatattamaan suphamuu aangawoonni himan.
Namoonni miliyeena 1.7 hanqinni tajaajila ibsaa dhabanii turan Dilbata kaleessaa gara namoota 200,000 tti gadi bu'uu Asooshiyetid Pirees gabaase.
Balaaliiwwan xayyaaraa kumaataman lakkaa'aman haqamuu irraa kan ka'e namoonni hedduun ayyaana bara haaraa faranjootaa kana maatifi firota isaanii waliin osoo hin kabajin hafaniiru.
Dilbata Mudde 25 lammiilen Ameerikaa miliyeena 55 ta'an bubeen qorra hamaa qabu waan jiruuf akka of eeggannoo godhan akeekkachiisni isaan qaqqabe.
"Roobni bubbee makate kun seenaa Bufaaloo keessatti isa hamaa jedhamee galmaa'a," jette bulchituun Isteeta Niwu Yoork Kaatii Hochal.
Ammayyuu taanan jiraattonni "haala lubbuu isaanif yaaddessaa keessa jiru waan ta'eef manaa bahuu hin qaban," jechuun dhaamte bulchituun kun.
Kaawuntii Erie jedhamu keessatti namoonni 12 ta'an du'uutu gabaafame.
Kaan isaanii konkolataa keessatti cabbaa'anii yoo du'an kaan immoo kuufama cabbiitu itti jige jedhame.
Naannolee akkaVermont, Ohaayoo, Mizuurii, Wiskonsan, Kaansas fi Koloraado bakkeewwan sababa cabbiifi diilalla kanaan namoonni baay'inaan itti du'aniidha.
Bakkeewwan akka Kibba filoriidatti tempireecharri digrii seentigireedii negatiiva 45 (-45C) galeera.
Kanaadatti cabbiifi diilalli kun bulchiinsa Kiyuubek fi Ontaariyotti hammaate jedhame.