Dhaddachi olaanaa UN Israa'el haleellaa Raafaa akka dhaabdu ajaje

Madda suuraa, EPA
Dhaddachi Haqaa Addunyaa(ICJ) murtoo addaa dabarseen Israa'el, ''haleellaa waraanaa Raafaa keessattii adeemsisaa jirtu hatattamaan akka dhaabdu,'' ajaje.
Dhaddachi kuni iyyata Afrikaan Kibbaa Israa'el duguggaa sanyiin himachuun tarkaanfiin akka fudhatamu gaafatte deeggaruun murtoo kana torbee darbe fudhate.
Abbaan murtii dhaddacha kanaa Nawaaf Salaam Israa'el haala Gaazaa keessa akka fooyyeessitu dhaddacha yeroo darbe taa'een itti himamuun boodas haalli ittuu hammaatee jedhan.
Israa'el himannaa irratti ka'u hunda miira jabaa taheen kan haaltu yoo tahu, ajaja kennamu kamiyyuu akka hin hordofne mallattoo agarsiisteetti.
Abbaan seeraa Nawaf Salaam Jimaata kaleessaa murtoo darbe yeroo dubbisan,''Israa'el haleellaa waraanaafi tarkaanfii Raafaa keessatti adeemsiftu hatattamaan dhaabuu qabdi,'' jechuun ''badiin lammiilee Filiisxeem irra gahaa jiru'- seera idil-addunyaan duguggaa sanyiitti ramadamuu danda'a jedhan.
Israa'el qaama UN kamiyyuu himannaa duguggaa sanyii qorachuuf gara Gaazaa dhaqu daangeeffama tokko malee eeyyamuu qabdi jedhan.
Kana malees murtoon kenname irradeebiin Israa'el tajaajillii bu'uuraa fi deeggarsi namoomaa ''daangeeffama malee,'' Gaazaa akka seenu gaafateera.
''Haalli namoomaa yeroo ammaa Gaazaa keessa hamaa dha,'' jedha murtoon darbe kuni.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa'el murtoo dhaddachi kuni kenne kuffisuun haleellaan Gaazaa keessatti fudhataa jirtu seera idil-addunyaa akka hin cabsine himte.
''Israa'el haleellaa waraanaa jireenya namoota nagaa Filisxeem Raafaa keessa jiranii guutummaanis tahe gariin mancaasu hin raawwattu,'' jedhe Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa Zaachi Haneegbii ibsa Minsiteera Hajaa Alaa wajjiin kennaniin.
Ministarri Kaabinee Waraanaa Beenii Gaantiiz Israa'el ''Raafaa dabalatee yeroofi iddoo barbaachisaa tahetti ni raawwatti,'' jedhan.
UN'tti ambaasaaddarri Filiisxeem Riyaad Mansuur murtoo darbe dinqisiifachuun Israa'el akka bitamtuuf waamicha dhiyeessan.
''Murtoon Dhaddacha Haqaa Addunyaa(ICJ) boodatti harkifannaa tokko malee akka raawwatu eegna, kunis murteessaa dha, Israa'el immoo qaama konveenshinii kanaati,'' jedhan.
Murtoo dhaddacha kanaan booda, dippiloomaatiin olaanaa Gamtaa Awurooppaa Jooseep Booreel, gamtichi olaantummaa seeraafi deeggarsa Israa'eliif kennu ''wal-siimsiisuun akkaan rakkisuu tahuu mala,'' jedhan.
UN deeggarsi Gaazaa qaqqabaa jiru gahaa waan hin taaneef jiraattonni beelaaf saaxilamaniiru jedha.
Abbaan seeraa Salaam namoonni Israa'el irraa fudhataman ammallee harka Hamaasiifi gareewwan hidhattootaa biroo jala jiraachuun ''akkaan nama yaaddeessa, ulaagaa tokko malee gadhiifamuu qabu,'' jedhan.
Hogganaan mormituu Yaa'ir Laapiid murtoo darbe, ''kufaatii naamuusaa guddaa'' jechuun Raafaa haleeluun warreen buutaman baasuuf jecha raawwachuu murtichi ilaaluu dhiisuusaa qeeqan.
Erga Israa'el Raafaa keessatti haleellaa jalqabdeen as lammiileen UN 800,000 achii baqachuu himuun, duraan namoonni miiliyoona 1.5 tahan lola Gaazaa iddoo kaan jiru baqataniitu achi jiru ture jedha gabaasni UN.
Dhaddachi miilana taa'ame qaama himannaa Afrikaan Kibbaa Mudde bara darbe Israa'eliin Gaazaa keessatti duguggaa sanyii raawwachuun himatte dha. Dhimmi kuni ammallee waan ilaalamaa jiru dha.
Hidhattoonni Hamaas gaafa Onkololeessa 7 daangaa Israa'el irratti namoota 1,200 ajjeesuun kanneen 252 buutuun Gaazaatti fudhachuun booda Israa'el haleellaa raawwachuu jalqabde.
Hanga ammaa yoo xiqqaate lammiileen Fiilisxeem 35,800 yoo ajjeefamaniiru jedha ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu.












