Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shirooppii utaalloo Indiyaan omishte keessatti waanti summaa'aan argame- WHO
Shirooppin qufaa Hindiin oomishte kan faalame ta'uu bira gahuusaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ibse.
Shirooppin kun Guaifenesin TG kan jedhamu yoo ta'u faalamaansaa Maarshaal Ayislaandfi Maayikirooneeshiyaa jedhamanitti argamuudha ibse dhaabbatichi.
Dhaabbati fayyaa kun akka jedhetti shirooppin utaalloo kun kan oomishame Hindii bulchiinsa Puujaab yoo ta'u dhaabbata QP Pharmachem Ltd jedhamuuni.
Samuda shirooppichaarratti qorannoo gaggeeffameen "hangi keemikaalota diethylene glycol fi ethylene glycol hin hayyamamne" keessatti argamuu ibse WHOn.
Gosti qabiyyee qoricha qufaa kana keessatti argame lamaanuu namni yoo fudhate balaa guddaa geessisa.
Sababa shirooppii faalamee kanaan namni dhukkubsate ykn du'e jiraachuu WHOn ifa hin goone.
Ji'oota muraasa duras shirooppin qufaa Hindiin omishte Gaambiyaafi Uzbeekistaanitti ijoollee ajjeesee akka ture.
Dhaabata omisha qorichaa Hindii QP Pharmachem jedhamutti gaggeessaa kan ta'e Sudhiir Paathaak BBCtti akka himetti dhaabbannisaanii shirooppii Guaifenesin TG 18,000 ol gara Kamboodiyaatti ergus akkamitti Maarshaal Ayislaandfi Maayikirooneeshiyaa akka gahe akka hin barre.
Akka inni jedhutti qorichi kun yeroo Kaamboodiyaatti ergamu ulaagaa hundumaa guutun hayyama argateeti.
Shirooppi qufaa- dhukkubbii lapheefi mallattoo qufaa [gogaaf] kennamu- kun dhaabata to'annoo qorichaa Awustiraaliyaatin akka qoratame ibse WHOn.
Hidii addunyaarratti qorichoota heddu omishtee gabaaf dhiyeessun beekamti.
Keessumaa biyyoonni guddataa jiran baay'en qoricha kan galchan Hindiirrayi.
Ji'oota dhiyoo as garuu, dhaabbileen Hindii qoricha omishan hedduunsaanii rakkoo qulqullinaafi nageenya qorichaatin gaaffin irratti ka'a jira.
Bara darbe ji'a Onkoloolessaa keessa shiroopin afur kan dhaabata omisha qrichaa Hindii Maiden Pharmaceuticals jedhamuun omishame Gaambiyaatti ijoollee 66 ajjeesuu hordofee WHOn qorichicha akka hin fudhanne akeekkachiisa kennee ture.
Mootummaa Hindiis ta'ee dhaabbanni omisha qorichaa Maiden Pharmaceuticals himata irratti dhiyaate hin soba jedhan.
Ji'a Bitootessaa keessa Hindiin hayyama dhabbatta shirooppiisaa Uzbeekistanitti ijoollee 18 ajjeese jedhamee haqxee turte.