'Dubartoonni laguurra jiran akka koo waraqaa ciccitaa akka fayyadaman hin fedhu'

Madda suuraa, 0077 MULTIMEDIA
Tamara Magwashu sababa maatiinshee meeshaa qulqullinaa yookiin paadii bituufii hin dandeenyeef qofa wayita laguun itti dhufu mana barumsaatti qaana'aa, nama kolfaa ta'aa turte.
Dubartiin amma umriinshee waggaa 27 kun Dhiha Bulchiinsa Keep magaalaa akkaan hiyyeettii taate keessatti dhalatte.
Harmeenshee tibba laguun itti dhufu huccuu ciccitaa yookiin waraqaadhaan wayita qulqulleeffatan argaa guddatte.
Tamaran wayita laguun itti dhufu yeroo hunda yoo xiqqaate torban tokkoof mana barumsaa hafti turte.
Akkamiin akka huccuu yookiin waraqaa ciccite qixeessitee qulqullinaaf akka itti fayyadamtus barachuuf baayyee wallaansoo qabde.
Sunuu yoo godhattu mijataa miti. Haala kanaan rakkoo keessa kan dabarte Tamaran waan kana jijjiiruuf hojjechuu akka qabdu yaaduu eegalte.
"Namoonni kaan waan an keessa darbe keessa darbuu hin qaban kan jedhu keessa koottin murteesse,'' jechuun BBCtti himte.
''Kanaaf kubbaaniyyaa mataa kootii banuuf yaadan qaban ture. Hiyyummaa laguudhaan walqabatee jiru haquun fedha.''
Dubartiin kun amma manneen barnootaa Dhiha Keep keessatti argaman dhibbaan lakkaa'amaniif meeshaa qulqullinaa yeroo laguu hiraa jirti.
'Godoo keessatti guddachuu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojiin dubartii kanaa hawaasa isheen keessa jiraattuun beekamtii guddaa argate.
Namoota addunyaarratti duula hawaasa fayyadu gaggeessuu fi hojii uumuun milkaa'an 30 keessaa tokko ta'uun barruu Forbes irratti galmoofteetti.
Tamaran umuriishee gara caalu godoo yookiin mana citaa foddaa hin qabne, mana fincaanii fi bishaan homaa bakka hin jirre keessa akka jiraatte himte.
Barnootashee cinaatti yeroo qabdutti fayyadamuun hojii hojjettee maatiishee jiraachisaa, akkasumas yeroo laguun itti dhufu of gargaaraa turte.
''Carraa argadhe hundatti fayyadamee hojjechaan ture, barnoota koo cinaatti. Haala kanaan meeshaa qulqullinaa yeroo laguuf na fayyadu bitachaan ture. Waraqaa yookiin huccuu ciccitaa fayyadamuun natti hin tolu waan ta'eef,'' jette.
Tamaran wayita marsaan laguushee ga'u maaliif akka dhukkubsattullee hin beektu ture, barnoonni dhimma kanarratti kennamus hin turre waan ta'eef.
Dubartiin kun qabsoo akkanaa keessatti kophaashee hin turre.
Dhaabbati Miti-Mootummaa hiyyummaa balleessuurratti hojjetu- Borgen jedhamu shamarran Afrikaa Kibbaa miiliyoona torba ta'an meeshaa qulqullinaa yeroo laguu bitachuu hin dandeenye jedhe.
Akka addunyaatti dubartoonni fi shamarran miiliyoona 500 ta'an yeroo laguunsaanii dhufu carraa meeshaa qulqullinaa argachuu hin qaban jedhe Baankiin Addnuyaa.
Akkasumas addunyaarratti dubartoonni biiliyoona 1.2 ta'an carraa mana fincaanii naga qabeessaa fi kan dhuunfaa ta'e argachuu hin danda'an jedhe UN.
Tamara fi maatiinshee haala akkasii keessa turan. Magaalaa xiqqoo keessa jiraattu keessatti mana fincaanii tokko nama 50 ta'anii fayyadamu turan.

Madda suuraa, 0077 MULTIMEDIA
Afrikaan Kibbaa akka biyya guddatee fi soorettiitti ilaalamti, dubartiin kun garuu ilaalchi kun alaa yoo ta'e malee keessa kan jiru waan biraadha jetti.
Tamaran wayita gosa barnootaa- Public Relation barachuuf Yuniversitii Johannesburg seentu maallaqa muraasa barataaf kennamurraa qusachuu eegalte.
Maallaqa yeroo boqonnaasheetti hojjettee argatturraas qusachuu eegalte.
Dubartiin kun kana kan gootuuf jiruu fi jireenya dubartoonni biyyattii keessa jiran jijjiiruuf karoorfatteeti.
Hojii biizinasii karoorfatte eegaluuf ammoo maallaqa ga'aa qabaachuu qabdi. Maallaqa liqeeffachuuf nama ishee amanu hin jiru, qabeenyi maqaasheetiin galmaa'ee jiru waan hin jirreef.
Akkuma ta'etti bara 2021 dubartoota harka qalleeyyii ta'aniif meeshaa qulqullinaa yeroo laguu gatii madaalawaan dhiyeesuu eegalte.
Maqaa biizinesii kanaa 'Azosule' jettee moggaaste. Jechi kun Afaan gosa Xhosa jedhamuun ''ija boo'e hundarraa imimmaan haxaawuu,'' akka jechuuti.
Jaarmiyaan ishee kun damee tola-ooltummaarratti hojjetus qaba.
Tamaran kana qofaan hin dhaabbanne, mata duree ''Isheen si barbaaddi/She needs you,'' jedhuun duula eegalte.
Haala kanaan boodarra baadiyyaarra deemtee manneen barnootaa keessatti shamarraniif meeshaa qulqullinaa (pads) bilisaan qooduu eegalte.
Jaarmiyaan miti-mootummaa- The Borgen Project jedhamu shamarran dhibbeentaa 30 ta'an wayita laguurra jiran mana barumsaa hin deeman jedhe, sababni isaas meeshaa qulqullinaa (Sanitary pads) waan hin arganneef.
Hojiin Tamara dubartootaa fi shamarran hedduu boqochiise, barsiisonni ishee hojiisheetiin guddoo boonan.
Mana barumsaa isheen sadarkaa lammaffaa itti baratetti daarektara kan ture Taazeyaa Minyaakaa ''isheen dubartoota hedduu gargaarte. Paadii ji'oota ja'aaf shamarran keenya ga'u hirteetti,'' jedhe.
Gaazexeessituun hojii Tamara yeroo jalqabaaf gabaaste Yaaziinii Kusee, ''hojiisheetiin baayyeen booji'ame. Kabaja shamarranitti horte. Mirga dubartootaa kabachiifte,'' jette.
Yeroo ammaa namoonni Tamara irraa arganii hojii walfakkaataa hojjechaa jiran heddummaataniiru.
Jiraattuun magaalaa Darban Nokuzola Ndwandwe meeshaa qulqullina qaama saalaa dubartootaa raabsuuf eeyyama argatteetti.
Tamaran hojiinshee kun Afrikaa Kibbaa keessatti qofa daangeffamee akka hafu hin feetu.
Dubartoonni fi shamarran Afrikaa hedduun rakkoo walfakkaataa keessa waan jiraniif hojiin ishee kun biyyoota Afrikaa kaanittis akka babal'atu feeti.












