Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Labsiin immigireshinii bara darbe raggaasifame waa'ee imaltoota gara Itoophiyaa seenanii maal jedha?
Jalqaba torban kanaa gaafa Wiixataa Guraandha 10, 2025 Obbo Lidatu Ayyaaleew gara biyyaa akka hin deebiineef dhorkamu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Obbo Lidatuun taatee sanaan booda BBCtti wayita dubbataniitti, Imbaasii Itoophiyaa Ameerikaatti argamu dubbiisuudhaan ''hayyama addaa'' argachuu baannaan imalu akka hin dandeenye akka itti himame dubbatan.
Obbo Lidatuun gara biyyaatti akka hin deebiineef dhorkameera erga jedhaniin booda, miseensi paarlaamaa Dr Dasaalanyi Caannee, ''mormiitoota mootummaa biyya alaatti argaman labsii dhiheenya raggaasiifameen bal'inaan adabuudhaaf qophiin taasifamaa kan jiru natti fakkaata'' jechuun dubbatan.
Bakka bu'aan ABIN Dr Dasaalany labsii seera fooyya'an keessaa fooyya'insi labsii tajaajila Immigirashinii fi lammummaa tokkodha jedhan.
Barreeffama miseensi paarlaamaa kun miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin, ''daandiiwwan qilleensaa gara itoophiyaatti balali'an kamuu tarree imaltootaa sa'aatii sadiin dura akka tajaajila imigireshinii fi lammuummaatiif beeksiisan dirqama kaa'aniiru'' jedhan.
Dr Dasaalanyi itti dabaluudhaan, dambiin kun, ''namoonni gara biyyaa akka hin galle dhorkaman buufataalee xiyyaaraa biyya keessaatti tursiisuudhaan bakka irraa dhufaniitti akka deebii'an taasisuudhaan alattis, ka'umsarraa akka gara Itoophiyaa hin imalle ittisuu akka tarkaanfii dursaatti akka fudahtu aangoo kan kenne'' ta'u mul'isa.
Fooyya'insa labsii tajaajila imigireshinii fi lammuummaa Dr Dasaalany eeran kunis kan mana maree bakka bu'oota ummataatiin raggaasifame baatii Waxabajjii darbe ture.
Labsiin seera waggoota 21 hojiirra ture fooyyeesse wantoota haasaa qabatee keessaa tokko, sirna odeeffannoo imalaa fi galmee imaltootaati.
Labsii itti gaafatamummaa imalaa tarreesse kunis, ''geejibaan kamuu imaltoota gara biyya keessaa galchuuf ykn biyya keessaa baasuun dura sa'aatii sadiin dura odeeffannoo imltootaa duraa fi maqaa isaanii tajaajilichaaf akka beeksiisu ykn akka ergu'' jedha.
Geejibsiisaan imala qilleensaa imaltoota Itoophiyaa keessaa bahan qabatu kamuu haaluma walfakkaatuun, ''odeeffannoo dursa imalaa imaltootaa fi tarree maqaa osoo in geejibiin dura sa'aatii sadiin dura gara biyya itti imaluutti beeksiisuu qabaata'' labsii jedhu hammateera.
Fooyya'insi labsii baatii saddeetiin dura mana mare bakka bu'oota ummataattti dhiyaate kun kaayyoonsaa duubaa kan qajeelfama bulchiinsa daangaa qindaa'aa Dhaabbanni Siivil Aviyeeshinii baasee akka ta'e ibseera.
Qajeelfamni dhaabbatichaa biyyoonni odeeffannoo imla imaltootaa dursaa fi sirni galmee akka diriiruuf kan dirqisiisuudha.
Qajeelfamni bara 2017tti baje kun odeeffannoo imala dursa mala imaltootaa wal qunnamtii elektoroniksii yoo ta'u, osoo balaliinsii hin eegaliin dura odeeffannoowwan barbaachisaa ta'an walitti qabamuudhaan gara ejansiiwwan to'annoo daangaatti akka dabarfaman kaa'eera.
Haala qajeelfama kanaatti, odeeffannoon dursaa imaltootaa ramaddiiwwan garaa garaa lamatti kan qoodamu yoo ta'u, opireetaroota geejiba daandii qilleensaatiif odeeffannoo dursa balaliinsaa karaa sirna awutomaatikiitiin argamudha.
Ramaddii lammaffaan ammo odeeffannoowwan tokkoo tokkoo imaltootaa fi miseensoota balalii xiyyaaraa paasportoota yeroo ammaa maashinaan dubbiifamu danda'anii fi sanadoota imalaa ofiiseela ta'an kaan irratti argaman waliin kan wal qabatudha.
Qajeelchi dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Addunyaa odeeffannoo imaltootaa dursa imalaa oppereetoota xiyaaraatiin walitti qabaman aanga'oota mootummaa dhimmisaa ilaalatuutti karaa sirna elektironikiitiin akka dabarfamu ibsa.
Odeeffannoon dura imala imaltootaa maqaa guutuu, bara dhalootaa, koriniyaa fi lamummaa kan qabatuudha. Odeeffannoon kun balaliinsaan guyyaa sadiin dura ergamu akka qabaatu qajeelfamicha irra taa'eera.
Odeeffannoo imaltootaa dursanii erguu dhabuun imalli xiyyaaraa akka guyyaafatu ykn biyya itti balali'amuutti addabbiif saaxilu akka dandeessisu qajeelchichi kaa'eera.
Itoophiyaanis waliigaltee dhaabbata siviil aviyeshinii addunyaa kan mallatteessite ta'u kan yaadachiise labsiichi, ''geejiibtoonni imaltoota gara biyya keessaa galchuudhaaf ykn biyyaa basuun dura odeeffannoo dursa imalaa imaltootaa fi tarree maqaa tajaajilichaaf sa'aatii sadiin dura beeksiisuu ykn erguuf dirqama akka qabaatan'' taasifamu himan.
Fooyya'insi labsii ''yakoonni balaafamaa odeeffannoo jijjiruuf barbaadan keessattuu shororkeessitoonni osoo balaa hin qaqabsiisiin dura to'annoo jala oolchuudhaaf gahee olaanaa qabaata'' jechuun faayidaa sirnichaa ibseera.
Labsiin kun akkasuma namoota Itoophiyaa keessaa akka hin baaneef dhorkaman irratti danbii haaraa qabateera.
Haala labsii kanaatti, Daareektarri olaanaan tajaajila imigireshinii, ''odeeffannoo ofiisaatiin argatu irratti bu'urreeffamuun yoo balaa olaanaan ifattiifi haala oolchamuu hin danda'amneen faayidaa biyyaaleessaa fi nageenyaa irra akka gahu yoo amane, namni kamuu akka biyyaa hin bane dhorku ni danda'a.''
Labsiin dura abara 1995tti bahe, aangoo kana kan kenne mana murtii qofaaf ture. Labsiin kunis ''Namni kamuu biyyaa akka hin baaneef dhorkamu kan danda'u seeraan ajaja mana murtii qafaadhaan,'' labsii jedhu qaba.
Fooyya'insi haaraa garuu, aangoo kana daarektara olaanaa tajaajilaatiif kenneera.
Oduufi seenaa akkanaa dubbisuuf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.