Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Gujiitti duulli calallii shakkamtoota dhibee daranyoo sombaa maaliif eegale?
Duulli calallii shakkamtoota dhibee daranyoo sombaa (TB) aanaalee godinichaa albuudni keessaa bahuu fi aanaalee buqqaatiin keessatti baay’atu irratti kan xiyyeeffatedha.
Lakkoofsi namoota dhibee daranyoo sombaan qabaman akka addunyaatti namoota kuma 100 keessaa namoota 42 yemmuu ta’u akka godina Gujiitti garuu dachaan dabaluun namoota 93 ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Gujii Obbo Taarikuu Taaddasaa yoo BBCtti himan.
“Dhibeen TB akka godina keenyaatti babal’inni isaa baay’ee bal’aafi sadarkaa ulaagaa addunyaa fi biyyattiin oli,” jedhu Obbo Taarikuun.
Rakkoo kana bifa idileen hojjechuun fiixa baasuun waan hin danda’amneef duula kana gochuuf murteessuu isaanis angawaan kun BBC'tti himan.
Duulli kun aanaalee godina Gujii torba: Sabbaa Boruu, Aagaa Waayyuu, Oddoo Shaakkisoo, Adoolaa Reedde, Booree, Uraagaa fi Girjaa keessatti adeemsifamaa jiraachuu ragaan arganne mul’isa.
Babal’achuu fi tamsa’ina dhibee daranyoo sombaa godina Gujii keessa jiru kana to’achuufis Waajjirri Fayyaa godinichaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa waliin ta’uun duula kana akka gaggeessu himameera.
Iddoowwan albuudaa fi buqqaatonni qubatan
Duulli calallii shakkamtoota dhibee daranyoo sombaa (TB) godina Gujii keessatti adeemsifamu kun iddoowwan ijoo lama irratti xiyyeeffatee kan adeemsifamaa jiru ta’uu Obbo Taarikuu Taaddasaa BBC'tti himaniiru.
“Inni tokko bakka albuudni jirufi ummanni baay’inaan sosocha’ufi dhibeen kun itti baay’atu yemmuu ta’u inni lammaffaan immoo iddoowwan namootni sababa rakkoo nageenyaafi sababoota garagaraan buqqa’an keessa qubatani” jedhan.
Duulli iddoowwan kunneen irratti taasifamus namoota dhibee daranyoo sombaan qabamanii osoo irraa hin fayyin maatii walin jiraatan fi namoota haaraa dhibichaan qabaman calaluu irratti akka xiyyeeffatu himaniiru.
“Keessattuu naannoo albuudaatti namni baay’inaan walitti siiqee hojii hojjetaa oola waan ta’eef, baay’achuu dhibee kanaaf sababa ta’uu danda’a waan ta’eef akka inni tatamsa’ee ummata hin miineef duula kana gaggeessina,” jedhan.
“Bakka buqqaatiin jiruttis ummatni akka malee walitti siiqee bakka mijataa hin ta’initti waan jiraatuf namni dhibee qabu nama hinqabnetti dabarsuu keessatti gahee guddaa qaba,” jechuunis himan.
Namootni duula kanaan calalamanii dhibichi irratti argames yaala akka eegalan akka taasifamu Obbo Taarikun himu.
Gama biraatiin yaadni “faalama qilleensaa warshaalee omisha albuudaa godinicha keessatti argamaniin uumamutu babal’achuu dhibee kanaaf sababadha,” jedhu miidiyaalee hawaasaa irratti yeroo ka’u ni mul’ata.
Dhimma kana kan gaafanne itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Gujii Obbo Taarikuu Taaddasaa, qorannoon isaan dhimma kanarratti taasisan kan hin jirre ta’uu himan.
“Dhukkeen albuudarraa ka’u tokko tokko qorichi dhibee kana akka hin arganne taasisuu keessatti gahee mataasaa qaba kan jedhu qorannoowwan tokko tokko ni agarsiisu,” jedhan.
“Garuu nuti akka godina keenyaatti babal’achuu dhibee kanaatif yookiin immoo fayyuu dhabuu dhukkubsattoota tokko tokkoof sababni kana kan jedhu qorannee biraan baanee hin jirru,” jechuun himaniiru.