Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Galmi aadaa Jahan Jiillee bu’urrisaa tibbana kaayame maali?
Ijaarsa Galma aadaa Jahan Jiilleef Abbootiin Gadaa Tuulamaa akkasumas aangawootni aanaa Dugdaa fi magaalaa Maqii Dilbata Onkololeessa 4, 2016 A.L. I dhagaa bu’uuraa kaa’anii jiru.
“Galmi kun kanaan dura baay’ee hawwamaafi yaadamaa kan turedha” jedhan godina Shawaa Bahaatti Itti Gaafatamaan Waajjira Aadaafi Tuurizimii Aanaa Dugdaa Obbo Abbabaa Baalchaa.
Jiille ilmaan Tuulamaa sadeen keessaa tokko yemmuu ta’u ilmaan jaha qaba. Ilmaan Jiillee maqaa ‘Jahan Jiillee’ jedhamuun beekamanis Goona, Guusa, Looyya, Warre, Gindo fi Siiba dha.
Galmi magaalaa Maqii ganda Boolee keessatti ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ames aadaafi duudhaa hawaasa naannichaa guddisuu keessatti gumaacha akka qabaatu Obbo Abbabbaan himu.
“Kaayyoon galma kanaa aadaa naannoo kanaa, aadaa uummata Jiillee kana guddisuu fi babal’isuudha. Ilmaan jahan Jiillee akka walitti dhufan kan godhudha” jedhan.
Ijaarsi kun “galma guddaa ilmaan Jiillee jahan bakka bu’u ni qabaata. Galmoota xixiqqoo ilmaan Jiillee jahan bakka bu’anis ofkeessatti hammatee kan ijaarramudha” jechuunis himan.
Galmi kun tajaajila aadaa kan kennu yemmuu ta’u, aadaa uummatichaa gara dhaloota itti aanutti gama dabarsuutiinis gumaacha akka qabaatus aangawaan kun himaniiru.
“Galma kana keessatti waltajjiiwwan aadaa hawaasa Jiilleen walqabatantu keessatti gaggeeffama. Jilawwan adda addaas achitti adeemsifamuu danda’u. Mariiwwan garagaraa hawaasa kanaan walqabatanis as keessatti gaggeeffamu” jedhaniiru.
Mariiwwan kana dura gaaddisa jalatti fi iddoowwan garagaraatti gaggeeffamanis kanaan booda galma kana keessaatti kan adeemsifaman ta’uu himan.
Ijaarsi Galmi Aadaa Jahan Jiillee birrii miliyoona 50-60 fudhachuu akka danda’u tilmaamamuu kan himan Itti Gaafatamaan Waajjira Aadaafi Tuurizimii Aanaa Dugdaa Obbo Abbabaa Baalchaa, maallaqni ijaarsa galmichaaf oolus hawaasa naannoo, abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee naannichatti argamanirraa kan gumaatamu akka ta’e dubbataniiru.
“Galmi kun kanaan dura baay’ee hawwamaafi yaadamaa kan turedha. Amma immoo karaa guutuu fi milkii qabuun qaamni mootummaa harka osoo keessa hin seensifatin dhalattootni naannoo kanaa quuqama qaban kaka’umsa mataasaaniitin akka ijaarrataniif haalli mijatee kan itti galamedha” jedhan.
Gama biraatiin sanyiin Jahaan Jiillee yeroo ammaatti Sulula Qiinxamaa keessa bal’inaan qubatanii jiraatu.
“Naannoo Adaamaatii kaasee Sulula Qiinxamaa kana qabatanii hanga Shaallaatti qubatanii jiru.
Shawaa Bahaa keessa keessattuu aanaa Booraa, Dugdaa darbees hanga aanaa Shaallaatti akkasumas Wanjii fi Adaamaa dabalatee gosti Jiillee ni jiru.
Akkasuma dameen isaaniimmoo hanga Kamiseetti kan deemudha” jedhan Obbo Abbabaan.