"Humni Faannoo uummatarraa adda bahaa jiru sadarkaa yaaddoo hin taanerra gaheera," Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa

Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa waa'ee tarkaanfii naannoo Amaaraa keessatti hidhattota irratt fudhatame ibsa kennan

Madda suuraa, FDRE DEFENSE FORCE

Maxxanfame

‘’Finxaaleyyiin naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho’an sadarkaa yaaddoo tahuu hin dandeenye irra gahaniiru,’’ jedhan Itaamaajooriin Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa, Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa.

Ajajaan waraanaa, Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa kana kan jedhan yeroo humni waraanaa biyyattii naannoo Amaaraa keessa bobba’uun hidhattoota Faannoo irratti tarkaanfii fudhataa jiruttidha.

Ji’a Eeblaa darbe keessa yeroo mootummaan Itoophiyaa poolisii humna addaa naannolee irra deebiin gurmeessuu fi qaama al-idilee meeshaa waraanaa hidhate hiikkachiisuuf murteessu, naannoo Amaaraa keessatti muddamne uumame.

Hidhattootni Faannoo humna nageenyaa mootummaa waliin walitti bu’aa turan.

Hookkarri naannoo Amaaraa keessatti mudate dabalaa dhufuun naannichi humna koon ol waan taheef mootummaan federaalaa gidduu galuun tasgabbeessuu qaba jechuun gaafatee ture.

Manni Maree Ministerotaa Hagayya 28, 2015 ALItti wal gahii ariifachiisaa taa’uun Labsii Yeroo muddamaa naannicha keessatti akka hojiirra oolu labse.

Komaandi postiin hundaa’uun naanicha bakka afuritti qooduun oppireeshinii akka gaggeessu qaamni labsicha raawwachiisu beeksiseera.

Torbanoota darbaniif magaalaa Baahirdaar fi magaalota kaan dabalatee hidhattoota Faannoo fi humna nageenyaa mootummaa gidduutti dhukaasni gaggeeffamaa ture.

Ajajaan humna waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuun akka jedhanitti tarkaanfii humni waraanaa fudhataa jiruun ‘’rakkoo nageenyaa mudatee ture fooyya’aa jira,’’ jedhan.

Gaaffii uummta Amaaraa akka dahootti fayyadamuun fedhii isaa humnaan galmaan gahachuuf qaama socho’aa ture irratti tarkaanfiin fudhatamaa ture ‘’bu’aa argamsiiseera’’ jedhan.

Itti dabaluun ‘’finxaaleyyiin’’ naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho’an sadarkaa yaaddoo tahuu hin dandeenye irra gahaniiru jedhan.

‘’Waraanni keenya rakkoo naannoo Amaaraatti tibbana mudateefi Shaneen naannoo Oromiyaa keessatti uume sirreessuuf hojjechaa jira,’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin karaa nagaa mari’atanii wal dhabdee isaanii furuuf marii marsaa jalqabaa Taanzaaniyaa odola Zaanzibaaritti taa’anii ture.

Marii marsaa lammattaa itti fufa jedhamus ergasii waan haaraan hin dhagahamne.

Naannoo Amaaraa keessatti hidhachuun nageneya naannichaa booressaa kan ture ‘’hanna irratti kan bobba’ee fi daandii cufaa kan turedha’ jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa walitti fufinsaan tarkaanfii fudhatuu humni kun dadhabaa deemuun sadarkaa uummata irraa adda bahuurra gahaa jira jedhan.

Muddama naannoo Amaaraatti mudateen labsiin yeroo muddamaa labsame ji'oota jahaaf kan turudha.

Haa tahu malee, magaalota naannichaa adda addaa keessatti humni nageenyaa mootummaa fi hidhattoota al-idilee naannichaa gidduu walitti bu'insi tureera.

Kana hordofee walitti bu’iinsa bakkeewwan garaa garaatti mudateen namootaa lakkoofsi isaanii hin beekamne kan darbe yoo ta’u, naannicha keessatti bakkeewwan irra gudeessatti sochiin danqamee jira.

Raayyaa ittisaafi hidhattoota Faannoo gidduutti erga lolli eegalee kaasee yoo xiqqaate namoonni 183 du’uusaanii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibse.

Komishinarri olaanan Komishinii Mirgoota Namoomaa UN Hagayya 23, 2023 ALItti ibsa baasen Itoophiyaatti sarbamni mirga namoomaa kan heddummate ta’uu ibsuun, keessumaa naannolee Amaaraa, Oromiyaafi Tigraayitti qabiinsi mirga namoomaa yaaddessaa ta’aa dhufuu ibse.

Naannoo Amaaratti walitti bu’iinsa mudateen wal-qabatee miidhaa mirga namoomaa qaqqabe hanga ammaa gama mootummaan waanti jedhame hin jiru.

Walitti bu’iinsa naannoo Amaaratiin wal-qabatee, du’aatiifi miidhaa qaamaa namoota nagaarra qaqqabe dabalatee Finfinneefi bakkeewwan garaa garaatti hidhaan jumlaa gaggeeffamuu kanneen mirga namaaf falmaniifi maatin warra hidhamanii ni dubbatu.