Tapha Arsenaal fi Chelsii walitti fidu dabalatee dhum-torbee kana eenyutu mo'a?

Taphattoonni Yukireen Darbii Landan irratti walitti dhufuu jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Taphni Piriiimer Liigii Ingiliiz boqonnaa guutummaa addunyaarra torban lamaaf tureen booda Sambata deebiyee jalqaba.

Akkuma yeroo kaanii taphoonni ciccimoofi Darbii ta'an eegaman jiru.

Darbii Landan, Chelsii fi Arsenaal yoo walitti fidu, Darbiin Marsiisaayid ammoo Liiverpuul fi Everten walitti fida.

Darbii Landan irratti taphattoonni lammii Yukireen lama (Zinchenkoon Arsenaal, Muudiriik ammoo Chelsii waliin ta'uun dhiyaatu).

Kan ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan timaamu akka itti aanutti isiniif dhiyeessina. Kiriis Saatan taphooota bara kanaa keessatti tilmaama eenyu akka mo'atu keessatti kennuun milkaa'aa jira.

Isin ammoo kan ogeessi kun tilmaamu ilaalaatii tilmaama keessan kaawwadhaa.

SANBATA, ONKOLOOLESSA 21

Liiverpuul v Evertan (12:30)

Loogoo Liiverpuul fi Everten

Warri Evertan Liiverpuul waliin taphatanii mo'achuurratti seenaa gaarii hin qaban. Erga bara 2010 dirree isaaniirratti takkaa qofa mo'ataniiru.

Ammas taanaan jijjiiramni hin jiraatu jedheen yaada jedha Saatan.

Liiverpuul sarara gidduurraa cimina inni karaa Doominiik fi Aleksiis Maak Alisteriin agarsiisaa jiru baayyeen dinqisiifadha. Jifattoota qaqqaxalees ni qabu. Kanaaf Everten irratti ni cimu jedheen yaada.

Baroota lamaan darban Liiverpuul Anfiild irratti si'a lamaanuu goolii lama lakkoofsisuun Everten mo'ateera. kanaaf, ani ammas akkuma kana lama lakkoofsisa jedheen yaada.

Akka kootti ani Everten goolii tokko lakkoofsisuu danda'u jedheen tilmaama, garuu intalli koo Liiverpuul 2-0n mo'ata waan jetteef ishee dhaggeeffachuun qaba.

Tilmaama Saatan: 2-0

Barnimaawoz v Wolviis

Loogoo Barnimaawoz fi Wolviis

Taphni kun leenjisaa Bornimaawoz Andonii Irra'oolaatiif murteessaadha.

Sababiin isaas ammoo isa dura leenjisaa Bornimaawoz kan ture yeroo ammaa garuu Wolviz leenjisaa kan jiru Gaarii O-Neeyil gara kilaba isaa duraaniitti deebiyee ittiin morkata.

Warri Bornimaawoz Irra'oolaa jalatti tapha Piriimer Liigii isaa jalqabaa mo'achuuf dhimmee barbaada. Tapha kana mo'amuun isaaniif qaanii ta'a, sababiin isaa ammoo leenjisaa ar'aniifi Wolvis waliin taphatu.

Gaarii O-Neeyil ammoo kilaba isa ar'e kana mo'achuuf dhufa. Ani ni mo'ata jedheen yaada.

Tilmaama Saatan: 0-1

Bireentifoord v Barnilee

Loogoo Bireentifoord fi Barnilee

Barnileen taphoota shan darban dirree isaaniirratti taphatan shananuu mo'amaniiru. Kanaaf, amma waan toko gochuutu isaanirra jira. Ani garuu ammatti waan jijjiiruu danda'an jira jedhee hin yaadu.

Barnileen kubbaa gara fuula duraatti yeroo geessan gaarii fakkaatu garuu sararri ittisaa isaanii dadhabaadha.

Warri Bireentifoord karaa biraatiin wayyaa'oodha. Bireentifordis bara kana dirreesaaniirratti tapha tokkollee hin mo'anne. Ta'us garuu, ani saanumati mo'ata jedheen tilmaama.

Timaamaa Saatan: 2-1

Maan Siitii v Biraayitan

Loogoo Maan Siitii fi Biraayitan

Taphoota 5 Kallattiin asiin daawwadhe, ammas asuman jira. (Dirree Maanchester Siitiirraa jechuudha.)

Leenjisaan Biraayitan Roobertoo de Zerbii 'jagnadha' -hin sodaatu. Maanchester Siitiin ammoo deebiyanii tokkoffaa qabachuu barbaadu. Kanaaaf, taphni kun tapha cimaafi kan eegamudha.

Siitiin erga bara 2016 as taphoota Piriimer Liigii sadii mo'amna jedhanii yaadda'uun cichoominaan deemuu malu. Taphoota darban lamaan Wolvis fi Arsenaaliin mo'ameera.

Siitiif taphataan sarara gidduu murteessaa ta'e adabbiirra ture Roodiriin ni deebiyaaf.

Biraayitan ilaalchisee maaltu akka ta'u beekuu hin dandeessu. Tarii akka yeroo darbe Aston Viilaa waliin bananii wayita taphatanitti 6-1n mo'aman sana ta'uus danda'a.

Tilmaama Saatan: 6-2

Niiwukasil v Kiristaal Paalas

Loogoo Niiwukasil fi  Kiristaal palaas

Gareen kunneen lamaan yeroo darbe si'a sadii waliin taphatanii tokko isa kaan irratti osoo goolii hin lakkoofsisiin hafaniiru.

Haata'u malee, Niiwukasil jalaa gooliin bareedaan VARn jalaa haqamee ture.

Leenjisaan Kiristaal Paalas Roy Hojsan tooftaa biraan dhufuu mala, garuu Niwuukasil sirriitti waan taphataniif ni mo'atu.

Tilmaama Saatan: 2-0

Notingihaam Forest v Luuton

Loogoo Notingihaam Forest fi Luuton

Luuton tibba kana cimaa jiru jedheen yaada. Haata'u malee warri Forest dirree isaaniirratti yeroo taphatan laafoo miti.

Timaamaa Saatan: 2-1

Chelsii v Arsenaal (17:30)

Loogoo Chelsii fi Arsenaal

Morkii kanarratti xiqqoo tilmaamuun na rakksti. Arsenaal taphoota sadan darban dirree Chelsii Istaamforn Biriij irratti taphatan mo'ataniiru.

Haata'u malee, Chelsii erga dhiyoo as dadammaqeera. Keessumaa taphataan Chelsii Raahem Isterliing akka malee cimaa jira.

Gaafiin Arsenaal ammas akkuma tapha darbe Maanchester Siitii mo'atan, dirree Chelsii deemanii Darbiii Landan kana mo'achuu danda'uu?

karoora tapha kanaaf Mikeel Arteettaan qabu hin beeku garuu, gareen isaa yoo muddee taphate qabxii sadan isaa fudhatee gala jedheen yaada.

Tilmaama Saatan: 0-1

Sheeff Utd v Maan Utd (20:00)

Loogoo Sheeff Utd fi Maan Utd

Ani kanaan duras jedheera, ammas nan dubbadha. Ani maanchester Yunaayitid fi karra eegaa isaanii Andiree Onaanaa irratti amantaa hin horanne.

Osoo tapha yeroo darbe Bireentifoord waliin taphatan daqiiqaa dhumaarratti hin mo'anne ta'ee hamilee du'aatiin boqonnaa torban lamaaf ba'u ture.

Tarii goolii Maarkas Raashifoord Kibxata darbe biyya isaa Ingilaandiif lakkoofsise hamilee guddaa ta'eeraaf.

Sheefiild Yuniyaatid garuu takka bakkaa badu, takka ammoo ni deebiyu. Kanaaf, gareen Erik Ten Haag dhum-torbe itti aanutti Darbii manchesteritti isaan eeggatu duranii tapha kana mo'achuun kaka'umsa dabalatu jedheen yaada.

Tilmaama Saatan: 0-2

DILBATA ONKOLOOLESSA 22

Aston ViIlaa v West Haam (16:30)

Loogoo Aston ViIlaa fi West Haam

gareen kunneen lamaan barana jalqabbii gaariirra jiru. lamaanuu gaaliiwwan hedduu qabu. Kanaaf, taphni kun kan walitti dhiyatu ta'a.

Aston Viilaan dirree ofiirratti taphoota sadan darban irratti gooliiwwan 13 lakkoofsisaniiru. Kanaaf, tapha kanarrattis ni mo'atu.

Tilmaama Saatan: 2-1

WIXATA ONKOLOOLESSA 23

Tootenhaam v Fulhaam (20:00)

Tootenhaam v Fulhaam

Ani tapha kanarratti leenjisaa Tootenhaam Anjee Postekooguluuf nan yaadda'a. Leenjisaan kun ji;a lama walitti aansee manaajera cimaa jedhamuun badhaafameera. Akka kanan dura beeknutti yeroo akkas mo'atan, tapha itti aanu yoo mo'aman barameera.

Baruma kana Fuulhaam peenaaliitiidhaan Tootenhaamiin Waancaa karabaa'oon ala taasiseera.

Bara kana Tootenhaam taphni akka isaan barbaadan ta'uu baatus, mo'ataniima galu. Kanaaf, tapha miillanaa kanas ni mo'atu.

Timaama Saatan: 3-1