Yukireen Raashiyaa keessatti waajira waraanaa bante

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Yukireen bulchiinsa Raashiyaa Kuurisk lafa haleellaa tasaa bantetti waajira waraanaa banuu komaandarri olaanaa biyyatti himan.

Jeneraal Oleeksaandar Siiriiskii waajirri achitti baname, ''seeraafi seer-qabeessummaa eegsisa,'' fedhii battalaa'' uummataa naannichaas ni guutaa jedhan.

Viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfameen Jeneraal Siiriiskii walgahii Pireezidantiin biyyattii Voloodmiir Zeleenskii geggeessan irratti kana yeroo dubbatan dhagahaman. ''Waajirichis daangaalee Yukireen qabatte keessatti banama,'' jedhan.

Minsiteerri Ittisaa Raashiyaa, Andiree Beloosoov qaama ''nagaaneya uummataa'' eegu erginaa jedhan.

Yukireen haleellaa tasaa Kamisa darbe raawwatteenis mo'icha akka argatte himti.

Loltoonni bulchiinsa Kuurisk daangaa Raashiyaa keessa hamma km35 deemuun iskuwweer kiloomeetira 1,150 fi qubasuma 82 to'achuu Jeneraal Siriiskii dubbataniiru.

Raashiyaan bara 2022tti Yukireen irratti weerara raawwachuun booda haleellaan tasaa Yukireen guyyaa 10ffaa qabate kuni isa guddaa dha.

Haa tahu malee Yukireen kaayyoo daangaa Raashiyaa to'achuu akka hin qabne beeksifteetti.

Inumaa haleellaan kuni Rashiyaan ''nagaa deebisuutti'' akka waliigaltu dhiibbaa taasisuuf yaalii godhamu tahuu dubbii-himaan hajaa alaa biyyattii Hee'oorih Taayikii Roobii darbe gaazexeessitootatti himaniiru.

Haleellaa Yuirkeen taasisaa jirtu kana qolachuufi uummata akkasumas bu'uuraalee misoomaa daangaa Raashiyaa irra jiran eeguuf qondaaloti Raashiyaa, ''tarkaanfii dabalataa'' akka karooraatti qopheeffataniru.

Tarkaanfii fudhatamu keessaa, ''haala loltootaa naannoo Beelgorood kan daangaa Kuuriskitti jirtu fooyyeessuu'' tahuu viidiyoon ministeera ittsaarraa Telegiraamii irratti gadhiifame agasriisa.

Maddi Oduu Intefaakis karoorri kuni daangaalee Raashiyaa sadii biroosa dabalachuu danda'a.

Raashiyaan bulchiinsa Beelgoorood keessatti labsii yeroo atattamaa labsiteetti.

Gaafa Wiixtaaa namoonni 11,000 bulchiinsa Beelgoorod Kirsanaayaa Yaarugaa irraa baafamuu maddi oduu Raashiyaa Taas jedhamu ibseera.

Haa tahu malee Raashiyaan daangaalee jalaa qabaman gadhiisisuu ibsa karaa ministeera waraanaan baasteen himteetti.

Maddeen UK akka himanitti haleellaa tasaa Yukireen raawwatte kanaan taankii UK irraa kenname akka fayyadamte himaniiru.

Minsiteerri Ittisaa UK meeshaa waraanaa Yukireeen fayyadame jettu kanarratti addatti yaada kennuu baatus, Yukireen haleellaa Raashiyaa irraa of tiksuuf deeggarsa meeshaa waraanaa UK'n kennituuf fayyadamuuf mirga guutuu qabaachuu hime.

Meeshaalee waraanaa warra Lixaa ammayyaa tahan Yukireeniifi biyyoota jalqabarratti kennan keessaa tokko UK'n tokko dha. Kan kennite garuu Yukireen daangaa mataashee akka kabajachiiftuufi.

Ministeerri Ittisaa UK ammallee imaammatni isaanii akka hin geeddaramne himan.