Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haati daa'imashee waggaa sadiif saanduuqa keessatti dhoksite adabamte
Haati daa'imshee dubaraa dhalattee hamma waggaa sadiitti saanduqa keessatti ishee dhoksaa turte hidhaa waggaa torbaa fi ji'a jahaan adabamte.
Akka abbootiin alangaa jedhanitti daa'imni kuni ''ifa guyyaa fi qilleensa qulqulluu argattee hin beektu,'' dhokfamaa akka jirtu kan barame erga keessummaan manasaanii UK Cheeshaayer dhaqe yeroo boossu dhagaheeti.
Daa'ima kana eeguuf jecha maqaanshees tahe kan maatiishee barreefama kanarratti hin eeramne.
Haati daa'ima kanaa himannaa gara jabummaa afur irratti ka'e amantee Dhaddacha Cheestar Kiraawuniin adabamteetti.
Abbaan seeraa Isteevan Eveereet dubartiin kuni daa'ima kana ''jaalalaafi mararteen dhabuun beelessaa turte, xiyyeeffannoo, haasaa akkasumas nyaataafi hordoffii fayyaa isheef tahu kennaafi hin turre,'' jedhan.
''Daa'imni qaxalee saanduqa du'aa jedhamuu danda'u keessaa suuta bayyanachaa jirtiis,'' jedhan
Haati kuni daa'ima kana qabaachuuyyuu saanduqa keessa dhoksuun obbolaasheerraa dhoksaa turte, jaalalleeshee yeroo baayyee mana dhufuttis otoo hin himiin icciitiin qabattee turte.
Reechel Woorziiigitan Tajaajila Seeraa Kiraawun irraa, daa'imni kuni gaafa argamtu maqaasheellee awwaachuu hin dandeessu ture, yeroo dheeraaf nyaata gahaa malee, garagraasa malee turte jette.
Haala suukaneessaa
Daa'imni kuni nyaata gahaa argachuuu dhabuurraa kan ka'e daa'ima ganna sadii otoo hin taane kan ji'a torbaa fakkaatti. Aannan qamadii lilmoodhaani akka nyaataatti kennamaafi ture.
Funyaan ishee jalasa baqaqaa kan qabdu yoo tahu rakkoo fayyaa biraafis haatishee wal'aansa hin geessineeni.
Yakki kuni daa'ima ''hamma gatuuti'' jedhameefi daa'ima kanarratti raawwate bara 2020-2023 dha. Keessummaan mana dhufee sagalee dhagahetu eeruu kenne.
Hojjettuun hawaasaa waamamtee erga ishee argitee booda haala jiru ''haala suukaneessaa sammuuf ulfaatu,'' jechuun ibsiti.
Rifeensishee bosoree, qaamnishee akka malee taaheefi hooqxoon irratti baheti argamte.
Hojjettuun hawaasaa: ''kana keessa ishee keessaa? Jedhee gaafannaan haati lakkillee hin jenne ''eeyyee sanduuqa keessan ishee kaa'a'' jettee jette.
''Haati miira tokkoyyuu agarsiisuu dhiisuunshee na naasiseera...
''Haadhasheen ala namni ijaan argite ana qofa tahuu danda'a,'' kunis waan suukaneessaa dha jetti.
Daa'imni kuni kunuunsa dhabuurraan kan ka'e rakkoo qaamaan guddachuu qabdi- yeroo ammaa wiirtuu guddisa daa'immanii keessa jirti.
Af-gaaffii poolisii waliin taasifteen dubartiin kuni ulfa akka turte akka hin beekneefi yeroo deessuu ''akkaan sodaattee,'' akka ture himte.
Saanduqni komadinoo kanaa yeroo hunda banaa akka tureefi yeroo mara achi keessatti akka ishee hin tursine himte.
''Daa'imni kuni qaama maatii kanaatii miti,'' jechuun poolisiitti himte.
Daa'imni biraa isheen kunuunsaa turte amma wajjin akka hin jiree dubbattee jirti.
Manni murtii Eveereet waan dubartiin kuni raawwatte waan ''amanuuf nama rakkisu dha,'' jedhe.
''Haala kana hamma dandeessun baasuu dhiisuuf yaaltee turte carraa tasaatu icciitii kee baase,'' jetteen.
''Waggaa 46 keessatti haala akkasii mana murtii dhufe dhagahee hin beeku,'' jedhan.