Seenaa dubartoota lamaa wayita dhalatan maatiin wal jijjiirame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Maatiin lama West Midlands seenaa Tajaajila Fayyaa BiyyaalessaaUK (NHS) keessatti daa’imman yeroo dhalatan jijjiiramuu isaanii erga mirkanaa’e beenyaa waan kanaaf kanfalamu eegaa jiru.

Guyyaa tokko akka carraa qorannoon DNA akkasumaan taasifame waan kan dura hin yaadamne fidee dhufe. Dubartootni lamaa fi maatiin isaanii waan waa'ee isanii kana dura beekan dhiisanii irra deebi'anii akka of ilaalan isaan dirqamsiise.

Hiriyoonni Toonii bara 2021tti meeshaa qorannoo DNA manatti itti fayadaman ayyaana Qilleedhaaf fidaniif, inni mana kushiinaa keessatti dhiisee ji'a lamaaf dagate. Guyyaa tokko roobni robee Toonii manaa ba'a dhoowwee utuma oliif gadi jedhuu meeshaa sana argee samuda isaa fuudhee emaaliin erge.

Bu'aan samudaa sanaa guyyaa dilbataa tokko emaalii toonii irratti ergame, akkuma argeen haadha isaa Joheneef bilbile.

Jalqaba irratti wanti hundi akka inni eege fakkaata ture. Garuu qorannichi bakka maatiin haadha isaa irraa dhufan Ayerlaanditti adda baase. Hiddi dhaloota eessummaan isaa, kan obboleetti isaa achi ta'uu agarsiisa.

Garuu yeroo maqaa obboleettii isaa ilaalu dogoggorameera. Bakka Jeesikaa namni Kilaar jedhamu akka obboleettisatti barreeffamte(iccitii namoota kanaa eeguuf jecha maqaan Jeesikaa fi Kilaar maqaa isaanii isa dhugaa miti)

Tooniin ijoollee Johene afran keessaa isa hangafa. Ilmaan dhiiraa sadii booda dhumarratti mucaa durbaa hawwii ishee ta'e kana kan argatte yeroo Jeesikaan bara 1967 dhalattutti ture.

“Hawwii guddaa booda mucaa durbaa qabaachuun koo miira ajaa’ibaa ture" jetti.Haa ta'u malee, bu'aa DNA Toonii keessatti wanti hin eegamne akka jiru yommuu dhageesse battaluma sanatti yaaddoo keessa galti. Innis akkasuma ture, garuu agarsiisuu dhiisuuf yaale.

Abbaan isaanii erga duʼee waggaa kudhaniin booda haati Toonii umrii waggaa 80 keessa kan galte yoo taʼu, kophaashee jiraachaa turte. Innis akka isheen dhimma kanaan yaaddoftu hin barbaanne.

Guyyaa biraa tajaajila ergaa dhuunfaa dhaabbata qorannoo DNA qoratutti fayyadamuun dubartii obboleettii isaa akka taatetti DNA'n kaa'e Kilaar qunnama.

“Hey, maqaan koo Toonii jedhama. Qorannoo DNA naaf hojjatamerratti akka ati obboleettii guutuu taateetti agarsiisa. Dogoggora natti fakkaata. Kanraatti waan naaf ibsuu dandeessuu tokko jiraa? "

'Akka nama of fakkeessuu natti dhaga'ame'.

Kilaar waggaa lama dura akka kennaa guyyaa dhalootaatti intala ishee irraa qorannoon DNA walfakkaataan kennameefii ture.

Bu'aan isaas ajaa'iba ture, bakka warri ishee itti dhalatan waliin walitti dhufeenya kan hin qabnee fi ilma obboleessa ishee jalqabaa isheen hin beeknee fi ibsuu hin dandeenye waliin walitti dhufeenya sanyummaa akka qabdu tarressa.

Sana booda bara 2022tti beeksisni tokko ishee qaqqaba- obboleessi ishee hidda sanyii maatii isheetti makamee ture.

Bitaa namatti gala, garuu karaa tokkoon hiika biraa qaba ture.Kilaar yeroo guddachaa deemtu, akka waan kan ishee taatti itti dhagaʼamee hin beeku.

"Akka nama of fakkeessuu wayiitti natti dhaga'ame," jetti. "Ilaalcha ykn bifa walfakkeenyi hin turre," kanaaf 'Eeyyee - guddifadtameeni' jedheen yaade." jette

Kilaariifi Tooniin ergaawwanii fi seenaa jireenyaa isaanii wal jijjiiruu yeroo jalqaban, Kilaar obboleettii Tooniin waliin guddatte Jeesikaa wajjin yeroo wal fakkaataa fi hospitaala tokkotti akka dhalatan hubatan.

waanti hin oolle tokko mul'achuu jalqabe dubartootni kunneen waggaa 55 dura kan dhalatan yoo ta'u maatii adda addaa keessatti guddataniiru.

Dhimmoonni daa'imman kutaa dahumsaa keessatti akka tasaa wal jijjiiruu UK keessatti waan dhaga'ame hin beekne ture.

Gaaffii bilisummaa odeeffannoo bara 2017 dhiyaateef deebii kennuudhaan, NHS hanga galmeen isaa agarsiisutti, taateewwan daa’imman warra dogoggoraa waliin gara manaatti ergaman galmaa’an hin jiran jedhee deebiseef.

Bara 1980moota irraa eegalee daa'imman reefuu dhalatan battaluma erga dhalatanii booda mallattoon adda baasuu raadiyoo friikuweensii (RFID) kan kennamu yoo ta'u, kunis bakka isaan jiran hordofamuu danda'a. Sana dura kutaaleen dahumsaa mallattoo harkaan barreeffamee fi kaardii siree irratti maxxanfamuun ture kan daa'imman adda baafaman

Oduu kana argachuuf yeroo yaalan, Kilaariifi Tooniin itti aansee maal akka godhan murteessuu qabu turan.

Tooniin Kilaariif barreesse, “Rabbaan kanarraa dhufu baayʼee guddaa taʼa” jedheera. “Yoo asitti dhiisuu barbaadde, sana booda ani guutummaatti sana nan fudhadha, kanas tasumaa hin tarkaanfachiifnu.”

"Waanti kun hanga dhumatti dhokateehafuuf deema," jechuun Tooniin Kilaariif barreesse. "Yoo as bahuu barbaadde, ani guutummaatti sana nan fudhadha, gonkumaa akka callifamee hafu hin eeyyamnu."

Kilaar osoo hin shakkiin Toonii fi haadha isaanii waliin jiraatan waliin wal arguu barbaaddi turte.

"Isaan arguu, isaan qunnamuun, isaan waliin haasa'uu fi hammachuu barbaade" jette.

Tooniin dhumarratti wanta qorannoon DNA mulʼise Haadhasa Jooneetti yeroo himu, waan jettu wallaalte, Kun akkamitti ta'e jettee deebisaa argachuuf abdii kutte?

Halkan cabbaa'aa bara 1967

Joohanneen halkan intalli ishee dhalatte ni yaadatti. Mana keessatti da'uuf turte, garuu sababa dhiibbaa dhiigaatiin da'umsi ishee gara Hospitaala Weesti Miidlaandiitti jijjiirame.

"Guyyaa Dilbataa tokko gara Hispitaalatti na fudhatan," jetti. "Guyyaa sana qorri fi roobni akka malee."

Daa'imattiinis naannoo sa'aatii 22:20tti dhalatte. Joohaan intala ishee hawwii guddaan eegaa turte sana daqiiqaa muraasaaf qofa qabde - fuula diimaa fi rifeensa daa'ima reefuu dhalate arguu ishee ni yaadatti.

Sana booda daa'imni kun haati ishee akka boqotuuf gara mana daa'immaniitti geeffamte. Kun bara 1960moota keessa gocha barame ture.

Saʼaatii muraasa booda, halkanuma sana walakkaa , Jeesikaanis hospitaala sana keessatti dhalatte.

Borumtaa isaa ganama Joohanneef mucaa ishee Kilaar jedhamtu utuu hin taane Jeesikaatu kennameef.

Daa'imni kun garuu haala maatii kaanirraa adda ta'een rifeensa diimaa qabdi ture – maatii kaan hundinuu rifeensa gurraacha qabu turan - garuu Joohanneen homaa hin yaadne. Adaadaaf durbiiwwaan ishee rwifeensa haalluu mucaa haaraa dhalatte kanaan wal fakkatu waan qabaniif akka waan guddatti hin ilaalle.

Abbaan warraashee daa'ima Jeesikaa waliin wal arguuf hospitaala yeroo gahu, lamaan isaanii iyyuu haaraa dhufuu isaaniitti gammadanii shakkii qabu.

Abbaan daaʼima Jeesikaas mucaa dubaraa isaa wajjin wal arguuf yeroo hospitaala gaʼu, daa'ima haaraa dhalatte kanatti gammachuu waan qabuuf waan akkasirratti shakkii tokkollee hin qaban ture.

Waggaa 55 booda, Joohanen Kilaar jireenya akkamii akka qabaatte beekuuf abdii kutatte. Gammachuudhaan guddattee turtee?

Garuu deebii argachuu ishee dura, isheen fi Tooniin oduu kana Jeesikaa isheen jireenya ishee guutuu Joohaanen haadha ishee, Tooniin immoo obboleessa ishee ta'uu amantee jiraattetti cabsuu qabu turan.

Toonii fi Joohanen qaamaan isheetti himuuf gara mana Jeesikaatti imalan. Joohaneen yeroo hunda haadha fi intala akka ta'an akka ishee mirkaneessite eerti, ergasii garuu hariiroon isaanii tokko akka duraa akka hin taane dubbatti.

Jeesikaan seenaa kanaan walqabatee gaaffii fi deebii akka taasifamu hin barbaanne.

'Sirrii ta'ee itti dhaga'ame'.

Guyyaa tokko booda – akkasumas Tooniin bu’aa DNA isaa erga argatee guyyaa shan qofa booda , Kilaar fageenya gabaabaa mana ishee fi mana Joohaneen gidduu jiru deemte.

Waggootaaf, gara hojiitti deemtee fi deebiʼuuf ganda Joohaneen keessa konkolaataa oofaa kan turte siʼa taʼu, bakki haati dhaloota ishii jiraattu gonkumaa hin beektu turte.

Tooniin karaa konkolaataatiin ishee eegaa ture. “Akkam obboleetti, kottu Harmee waliin wal argi.” jedheen

Kilaar yeroo Joohanen argitee kaasee akka waan yeroo hundumaa wal beekanitti akka itti dhagaʼame dubbatti: “Ishee ilaaleen, ‘yaa Waaqa koo, ija kee akkami! Ija wal fakkataa qabna, Yaa Waaqa koo, ani fakkatti ko nan qabaa!" jette

Joohanenis, “Sirruma taʼee natti dhagaʼame, ani bara dargaggummaa kootti natti fakkaatte.”jette

Waaree booda suuraa maatii ilaalaa dabarsan. Kilaar waa'ee hiriyaa ishee, ijoollee ishee fi ijoollee ijoollee ishee Toonii fi Joo'aanitti himte. Waa'ee abbaa dhalootaa isheen gonkumaa wal arguu hin dandeenye hunda itti himan.

Garuu gaaffii ijoollummaa gammachiisaa ta'e qabaachuu fi dhiisuu ishee ilaalchisee ka'u, Kilaar baay'esaa hasa'uu hin feene

“Yeroo sanatti dhugaa dubbachuu hin dandeenye” jette. “Warri koo yeroon baayʼee xinnoo turetti addaan baʼaniiru. Waliin ta'uu isaanii hin yaadadhu. Hiyyummaa guutuu, mana dhabuu, yeroo baayʼee beelaʼee fi wanti kana of keessaa qabu hunda keessatti guddadhe. Ijoollummaa koo baayʼee rakkisaa ture.”jette

Kilaar haadha ishee guddifteef oduu kana cabsuun waan isheen gochuu qabdu hunda caalaa ulfaataa akka ta'e dubbatti.

Warra isheen waliin guddatte lamaan, hariiroo isaanii keessatti wanti jijjiiramu akka hin jirre mirkaneessuuf waan dandeessu hunda akka goote dubbatti. Haati ishee jalqaba bara kanaa du'aan boqotte.

Eenyummaa sanyummaa haaraa wajjin walii galuu bira darbee, Kilaar irrattis dhiibbaa qabatamaa ture. Halkan walakkaa dura waan dhalatteef, kan kanaan dura yaadde caalaa guyyaa tokko akka guddatte hubatte “Ragaa dhaloota koo dogoggora, paaspoortiin koo, hayyamni konkolaachisummaa koo - wanti hundi dogoggora.”

'Dogoggora suukaneessaa'

Tooniin argannoo kana erga taasisee torban lama booda, hospitaala Kilaar fi Jeesikaan itti jijjiiran to'atu, imaanaa NHS'f barreessee, qorannoon DNA manaa maal akka mul'ise ibse.

Imaanaan kun itti gaafatamummaa fudhateera waggaa lamaa fi walakkaa boodas sadarkaan beenyaa hanga ammaatti waliigaltee irra hin ga’amne. Toonii fi Joohaaneef bara darbe akka xumuramu itti himamee ture jedhu.

NHS Resolution kan komii NHS irratti dhiyaatu ilaalu qunnamne. Jijjiirraan daa'imaa kun ''dogongora suukaneessaa'' itti gaafatamummaa seeraa fudhate ta'uu ibseera.

Haa ta’u malee, “dhimma addaa fi walxaxaa” ta’uu fi ammallee hanga beenyaa kaffalamuu qabu irratti waliigaluuf hojjechaa akka jiru ibseera.

Kilaariifi Joohaaneen wal fakkaachuu qofa utuu hin taane akka haadha fi intalaatti walitti siquu eegalaniiru, ayyanaotallee waliin dabarsaniiru

Kilaar maatiishee haaraa argatte ilaalchisee, “Baayʼee walitti dhihaanna” jetteetti. “Yeroo hamman isaan waliin dabarsuu akkan barbaadu beekamaadha, garuu yeroo hammataan sun darbeera.

Kilaar amma “Harmee” jettee kan waamtu yoo ta’u, Joohanenkana booda Jeesikaan akkas akka hin taane natti himti. Joohanen garuu intala akka argatte qofa itti dhagaʼama.

''Jeesikaan intala dhaloota koo ta'uu dhabuun ishee garaagarummaa tokkollee naaf hin fidu,'' jetteetti. “Hanga ammaattis isheenis intala kooti yeroo hunda" jetti