Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Iraan daawwachuuf

Puutin erga waraanni Yukireenitti eegalamee biyyoota Gamtaa Raashiyaa durii qofa daawwatan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin erga Yukireenitti weraara jalqabanii asitti marroo lammaaffaaf biyya alaatti imaluun Kibxata Iraan daawwachuuf jiru.

Putiin hogganaa olaanaa Iraan Ayatolaah Alii Hameniifi Pirezedantii Tarkii Resiip Xayyib Erdogaan waliin wal arguuf jiru.

Qondaaltonni Tarkii akka himanitti, dhimmoota al-ergii midhaanii, Siriyaa fi Yukireen irratti Aab Puutin Teheeranitti mariyachuuf jiru.

Hogganaan Raashiyaa Puutin biyya Gamtaa Raashiyaa duraanii kan taate Yukireen keessatti erga waraanni ka’ee asitti biyya alaatti yeroo muraasaaf qofa daawwannaaf imalan.

Waraanni Yukireenitti ji’a Guraandhalaa kessa erga eegalamee asitti Waxabajjii darbe biyyoota Gamtaa Raashiyaa duraanii Tajakistaaniifi Turkimeenistaan Aab Puutin daawwatanii turan.

Biyyootni lamaan hoggantoota abbootii hirreen kan hoogganaman yoo ta’u, michuuwwan Raashiyaati.

Daawwannaan Kibxata dhufu kun Aab Puutin hariiroo isaanii Iraan waliin kan itti cimsatan yoo ta’u, Iraan michuuwwan Raashiyaa muraasa keessa tokkoo taate kun fuulleffannoo qoqqobbii biyyoota Lixaa jala jirti.

Dawwannaan Puutin kun kan dhaga’ame qondaaltoonni Ameerikaa torban darbe keessa Iraan dirooniwwan waraanaa dhibbaan lakkaa’aman waraana Yuukireen keessatti gaggeesituuf jecha akka kennituuf himamuu hordofeeti.

Dhaabbanni Raashiyaa annisaarraatti hojjatu guddivchi Gazpiroom waliigaltee haaraa doolara Ameerikaa miliyoona 40 ta’u dhaabbata bobba’aa Iraan waliin mallatteessera.

Gorsaan Imaammata Dantaa Alaa Raashiyaa Yurii Ushaakoov,’’Hamenii waliin wal arguun dhimmaa baayyee barbaachisaadha,’’ jedhanii miidyaaleetti himan.