Pirezidantiin Firaans TV irratti gaaffiifi deebiirra osoo jiranii sa'aatii harkaa isaanii baasuun dubbii kaase

Madda suuraa, LFI
Pirezidantiin Firaans Imanu'eel Maakiroon TV irratti gaaffiifi deebii osoo taasisanii gidduutti sa'aatii harkaa isaa baasuun dubbii kaase.
Pirezidant Maakiroon TV kallattiin tamsaasaa jiru irratti kan dhiyaate mormii guddaa umurii soorama itti ba'an ilaalchisee ka'e irratti ibsa kennuuf ture.
Haata'u malee, sa'aatii harkaa isaa akka dhoksuu tokko godhee baasuun isaa waltajjii miidiyaa hawaasaa irratti dubbii ijoo ta'uu danda'eera.
Warri isa qeeqan akka jedhanitti Maakiroon gaggeessaa rakkinaafi iyyummaa beeku miti.
Osoo uummanni Firaans dheekkamee addabaabaayiitti bahee jiruu isa garuu kun isa hin dhibne, hin dhibus jechuun mormitoonni qeeqaa jiru.
Maakiroon pirezidantii sooressoota Firaans malee iyyeessa bakka hin bu'u jechuun cimsanii morman.
Kanaaf agarsiistuu godhanii kan kaasan ammoo Maakiroon wayita gaaffiifi deebii taasisaa jirutti komii irratti dhiyaatu kana jalaa ba'uuf jecha sa'aatii isaa "gati-jabeessa" ta'e dhokfachuuf osoo ofirraa baasuu mul'achuu isaati jedhan warri isa qeeqan.
Dubbi-himaan waajira pirezidantii garuu Pirezidant Maakiroon sa'aaticha kan ofirraa baaseef minjaala waliin wal tuttuqee sagalee uumuun waan jeqqeefidha jechuun ibseera.
Firaans keessatti umuriin soorama ba'uu waggaa 62 irraa gara 64tti akka guddatu mootummaa Maakirooniin murtaa'uu hordofee biyyattii keessatti mormii guddaa erga kaasee bubbuleera.
Haata'u malee, bulchiinsi Maakiroon mormii uummataaf gurra osoo hin kenniin karoora kana itti fufsiiseera.
Sa'aatiin Maakiroon osoo TV irratti gaaffiifi deebii taasisaa jiruu ofirraa baase Yuroo 80,000 baasa jedhamee tilmaamama.
Kun kan ta'e gaaffiifi deebii Roobii darbe gaggeeffame irratti yoo ta'u, Maakiroon yeroo ibsa kennanitti sochiin harkaa taasisan sagalee uumaa tureera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanarraa kan ka’e Maakron harka isaa minjaala jala dhoksuun sa’aatii harkaa baase.
Hoji gaggeessan paartii libiraalii ta’ee tokko fuula Tiwiitara isaarratti, “Maakroon namoonni mindaa gadi aanaa argatan dandeettin nyaata bu’uuraa bituu isaanii dabaleera jechuun falma, kana ibsuuf ammoo sa’aatii isaa qaalii ta’e sana baasuu qaba” jechuun itti qoose.
Gatiin sa’aatii Pirezidaant Maakron ofirraa baasee paawundii 80,000 ni baasa kan jedhan jiru. Waajjirri pirezidaantii miidiyaa biyya keessatti akka himetti sa’aatichi modeela "Bell and Ros V-92”dha.
Masaraan Elize akka ibsetti, gatiin sa’aatii kanaa marsariitii gubbaatti paawundii 3000 hin caalu. Mootummaan ibsa baasen sa’aatii kana Pirezidaant Maakron yeroo heddu godhata.
Maakron garaan isaa hiyyeessota Firaans irraa kan fagaate jedhamuun komatama. Pirezidaantii sooressootaa jedhanii kan waamanis jiru.
Ji’a Guraandhalaa keessa yeroo biyyattiin mormiin raafamaa turte, Maakron dureessafi abbaa qabeenyaa Amazon kan ta’e Jeef Beezos waamee badhaasa Kabajaa Faransaayi badhaasun isaa namoota heddu aarsee ture.
Maakron labsii umurii soorama itti bahan dheeressuu kan hojiirra oolche mirga addaa heerri biyyattii kennuufitti fayyadamee malee manni maree irratti walii galee miti. Kuni ammoo muddama keessa isa galcheera.
Murtee pirezidaantichaa kana hordofee lammiilen biyyattii heddu hojii dhaabun karaatti bahanii mormii dhageessisaa jiru. Kanarraa kan ka’e Mootin UK Chaarlas III daawwannaan isaan Firaansitti taasisuuf turan yeroo hin beekamneef dheerateera.












