Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waayee ajjeechaa abbaa qabeenyaa Zaakir Abbaa Oliirratti raawwatee maal beekna?
Ajjeechaa 'suukaneessaa' Godina Jimmaa Aanaa Geeraa Ganda Waallaatti abbaa qabeenyaa Zaakir Abbaa Olii jedhaman irratti raawwatamee dheekkamsa hawaasaa kaaseera.
Dheekkamsa kana booda ammoo, "qaamoleen Zaakir Abbaa Olii irratti ajjeechaa raawwatan too'atamaa jiru" jedha ibsi Godinni Jimmaa baase.
Ajjeechicha abbaa qabeenyaa kana hordofee jiraattota aanichaatiin hiriirri mormii dhaadannoo gara garaa dabaalame gaggeefamuun suuraafi viidiyoon miidiyaalee hawaasaarra qoodameera.
Miseensi maatii BBC'n taatee kanarratti dubbiseefi nageenyaaf jecha maqaan hin eeramen tokko, ajjeechaa suukaneessaa Obbo Zaakir irratti raawwateen maatiin gaddaa cimaa keessa galuu dubbataniiru.
"Bakka hojiisaa Booree jedhamu osoo ciisaa jiruu achitti waraananii ajjeesan. Achii lafa bunni itti miiccamu [buna qolaa baasan] qaba. Dur waardiyyaa qaba ture. Gaafas waardiyyichi kana beekee baqate ta'ee, wanni nu ammaaf irra geenye hin jiru. Sa'aatii sanatti waardiyaan akka hin jirredha kan nutti himame,'' jechuun taateen kun haala itti mudate himte miseensi maatii kun.
Kan ajjeeffaman bakka ciisanii turaniitti waraanamuudhaan ta'uu kan himan miseensi maatii kun, ''fuulasaa miidhaa baay'ee irra geessisan. Namoonni ajjeesan ammoo saba biraati. Ammaaf kan qabame hin jiru. Nama harkaa bahanii, baqatanii jiru" jechuun haala ajjeechaa Obbo Zaakir ibsiti.
Ibsi bulchiinsi Godina Jimmaa Kamisa, Guraandhala 13, 2025 halkan baase ammoo "qaamoleen ajjeechaa abbaa qabeenyaa Zaakir Abbaa Olii irratti raawwatan to'atamaa jiru" jedha.
Namni biraa Godina Bunnoo Beddellee irraa xabala fayyadamuuf Geeraa dhufes ajjeefamuu dabaluun hima ibsi kun.
Abbaan qabeenyaa kun, "iddoo hojii isaaniitti qaamolee hin beekamneen kan ajjeefaman" jechuun "kanneen kallattiidhaan ajjeechaa kana raawwatan jedhamanii shakkaman keessaa namoonni lama to'annoo seeraa jala oolanii jiru'' jedheera ibsi Godinni Jimmaa baase kun.
Qaamolee gocha suukanneessaa kana raawwatan, qindeessanii fi haala mijeessaniiru jedhamanii shakkaman to'annoo seeraa jala oolchuuf hojiin qindominaan eegalame cimee" akka itti fufu kaasa ibsi kun.
Bulchaan Aanaa Geeraa Obbo Hawwii Sa'iid gamasaaniitiin, ajjeechaa abbaa qabeenyaa kana hordofee "Gareen oppireeshinii geggeessu, gareen qorannoos achi deemee jira. Humni olaantummaa seeraa mirkaneessus ganda sanarra jira'' jechuun BBCtti himan.
Obbo Hawwiin itti dabaluudhaan, ''ammaaf adeemsa qorannoorra waan jirruuf, battaluma jarri nu qaqqabsiisanitti ragaa qulqulluu isiniif kennuu dandeenya" jechuun ajjeechaa aanaa isaan bulchan keessatti raawwatame irratti odeeffannoo bal'aa kennuurraa of qusataniiru.
Jiraataan Gandichaa BBC'n dubbise tokko ammo, ''Ganda Waallaa bakka ajjeechaan kun itti raawwate sanatti jiraattonni sabaan Amaara ta'an bal'inaan akka argaman hima. Yeroo dhihoo as gandicha keessatti qubsuma seeraan alaatiin lafaafi bosona weeraruun'' akka itti fayyadamaa turanis kaasa.
Akkasumas, gandicha keessatti hidhannoon seeraan alaa bal'inaan kan baramedha jedhu. Gandi sun waan naannoo Oromiyaa keessa jiru hin fakkaatu kan jedhan namni eenyummaan isaanii akka hin baramne gaafatan kun, humni [ABO Shanee] gara aanicha akka hin galle jedhamee yeroo gara garaatti meeshaaleen seeraan ala hidhatan gara seeraatti deebifameefii, leenjinis kennamaafii akka ture dubbatu.
Jiraattonni aanichaas ajjeechaa abbaa qabeenyaa kana hordofee hiriira mormiitiif bahanis, dhaadannoo "Mirgi keenya nuu kabajamuu qaba. Biyya keenyarratti kabajamnee jiraachuu qabna. Oromoon dhiibamuu, ajjeefamuu hin qabu. Oromoon biyya isaa irratti keessumaa ta'uu hin qabu" jedhu geggeessaa turani.
Oduufi xiinxala akkanaa argachuuf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.