Ajjeechaa aangawoota mootummaa aanaa Sulultaarratti raawwate maal beekna?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Godina Shawaa Kaabaatti, bulchaan aanaa Suluultaa Obbo Abbabaa Warquu ajjeefamuu mootummaan ibse.

Ajjeechaa bulchaa Aanaa Sulultaa kanarratti raawwatameef mootummaan qaamolee hidhataniifi 'faallaa imala jijjiiramaa dhaabbatan' jedhe himate.

Aanaan Sulultaa ibsa Guraandhala 13 fuula miidiyaa hawaasaa irratti baasen, qondaalli mootummaa kun osoo hojiif imalaa jiranii qaamolee hidhataniin ajjeefamuu beeksise.

"Obbo Abbabaa Warquu … dirqama hojii isaanitti kenname bahachuuf imaanaa uummataa of harkaa qaban kabajanii gara hojiitti imaluuf wayita ka'anitti ajjeechaa gara jabinaa qaama hidhateen irratti raawwatameen addunyaa kanarraa du'aan boqataniiru," jedha ibsi aanichi baase.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) gamasaan ibsa kaleessa, Guraandhala 13, baaseen aanaa Sulultaatti haleellaa gaggeessuufi bulchaa aanichaa Obbo Abbabaa Warquu ajjeesuun qondaalota mootummaafi qaamolee nageenyaa biroo to'achuu beeksise.

Ibsa fuula X gubbaatti baase kanaan, aanga'ooa aanaa Sulultaa ajjeefamaniin alatti "itti gaafatamaan bulchiinsaafi nageenyaa, waheloonnii hojii isaanii fi loltoonni sirnichaa isaan waliin turan waliin to´annoo jala oolfamaniiru," jedha.

Aanaa Sulultaatti ajjeechaan qondaalota mootumaarratti qiyyaafate yeroo raawwatu baatii lama keessatti kuni yeroo lammataafidha.

BBCn maatiirraa akka odeeffateetti, Obbo Abbabaan Roobii darbe kan ajjeeffaman yoo ta'u, kaleessa, Guraandhala 13 sirni awwaalchasaanii gaggeeffameera.

Akkaataa du'a isaanii aanichi yeroo ibsu, gara hojiitti imaluuf wayita ka'anitti ajjeechaa gara jabinaa qaama hidhateen irratti raawwatame jedhe.

Hidhattoonni ajjeechaa raawwatan "kanneen faallaa imala jijjiirama biyyaa dhaabbatanidha," jechuun kan ibse aanichi, "garuu tarkaanfii isaanin imalli gufatu hin jiru" jedhe.

Hooggansi faayidaa ummataa mirkaneessuuf kutannoo guddaan carraaqaa turan jedhan ajjeefamuun gaddi nutti dhagame ol'aanaa ta'us, dantaa uummataatiif jedhanii aarsaa kaffaluun, biyyaaf jedhanii wareegamuun kabajaa fi gootummaa waan ta'eef seenaan bara baraan ni yaadata jedha.

Ibsi Kominikeeshiniin Aanaa Sulultaa baase namoonni du'an bulchaa anichaa dabalatee nama lama ta'uu ni eera.

"Walumaa galatti wareegamuu bulchaa aanaa fi jaallee isaa waliin lubbuu isaanii dhabaniif gadda guddaa [nutti] dhagahame ibsaa maatii, firoottanii fi miiltoowwan isaa hundaaf jabina akka kennu hawwina," jedha ibsichis.

Ibsi hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo baasanis namoonni ajjeefaman lama ta'uu mirkaneessa.

Haleellaa raawwataniin hogganaan dhaaba Badhaadhinaa aanichaafi bulchaan ajjeefamuu ibsi bahe ni akeeka.

Ji'a lama dura baatii Mudde keessa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaa lola jiran, aanadhuma kana keessatti haleellaa gaggeessaniin ajajaa poolisii dabalatee namoota lama ajjeesanii ture.

Yeroos aanichi ibsa baaseen, "qondaaltota poolisii waliigaltee araaraa raawwachiisuuf marii hawaasaaf bobba'an irratti dhukaasa banuudhaan lubbuu qaalii namoota lamaa wareeguun, akkasumas namoota lama madeessaniiru,'' jedhee ture.

Baatiiwwan muraasa darban ajjeechaan qondaalota irratti qiyyaafate Godina Shawaa Kaabaatti dabaleera.

Ji'uma tokko dura Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullalleetti haleellaa hidhattoonni raawwataniin hoggantoonni godinaa sadiifi namoonni biroo waliin turan lama ajjeefamuunsaanii ni yaadatama.

Baatii sadii durammoo godinichuma Aanaa Waacaaleetti bulchaa aanichaa dabalatee namoonni 45 ol hidhattootaan ajjeefamuu BBCn gabaasee ture.

Qondaalli kana dura BBCn dubbise, godichichatti hidhattoonni haala addaatiin badii guddaa geessisuuf itti xiyyeefatanii hojjechaa jiru jedhu.

Kana malees, godinichi dhiheenya Magaala Finfinneetti qabuuf jecha xiyyeeffannaa addaa kennuun dararaa fi miidhaa geessisuun dhageettii miidiyaalee argachuuf waan raawwatamaa jiru akka ta'es himan.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.