FBI Yuuniversitii Delaware keesaatti waraqaa Joo Baayidan sakatta'e

Maxxanfame

Biiroon Basaasaa Biyyaalessaa Ameerikaa (FBI) Pireezidantiin biyyattii Joo Baayidan dhuguma ragaa iccitii biyyattii dabarsanii qaama biraaf kennuu isaanii adda baasuuf waraqaasaanii Yuuniversitii Delaware keessatti sakatta'e.

Jaarmiyaan dhimmoota adda addaa- keessattuu dhimmoota mootummaa fi iccitii biyyaa ilaalan sakatta'uu fi qoratu kun ji'a darbe keessa yeroo lama ragaa Baayidan sakatta'e.

Qorattoonni sakatta'iinsa guyyaa lamaaf gaggeessaniin kuusaa ragaalee hedduu arguu miidiyaan michuu BBC ta'e CBS gabaaseera.

Yuuniversitiin Delaware bakka Pireezidanti Baayidan itti baratan ture, bara isaan seenaatara turan irraa kaasee ragaa isaanii walitti qabee harkaa qaba.

Pireezidantiin duraanii US Donaald Tiraamp akkaataa qabiinsa ragaa iccitii mootummaa irratti himannaan yakkaa irratti dhihaatee ture.

Ji'oota dhihoo as ragaaleen iccitii mootummaa olaanaa kuusanii qabatan hedduun mana Pireezidant Baayidan Delaware keessatti argamutti, akkasumas Washington DC keessatti waajjira isaan itti fayyadamaa turan keessaa argameera.

Gareen FBI ji'a darbe wayita mana pireezidnatii kanaa sakatta'an faayiloota garii argachuu ibsaniiru.

Maddeen FBI'tti dhihaatan akka himanitti, sakatta'iinsi Yuuniversitii Delaware kan gaggeeffame xumura ji'a Amajjii fi jalqaba ji'a Guraandhalaa, 2023 ture.

Ragaaleen barbaadamanii argaman kunneen iccitii guddaa kan qaban ta'uu wanti ifatti mul'isu hin jiru, garuu gareen FBI ragaalee kunneen sakatta'uutti jiran.

Miidiyaan NBC News jedhamu akka gabaasetti hanga ammaa wayita sakatta'iinsi gaggeeffamu Pireezidant Baayidan fi gareensaanii eeyyamuu hin didne, kana jechuun waraqaan mana murtii hin barbaachisu jechuudha.

Yuuniversitichi bara 2012 irraa eegalee kuusaawwan ragaalee 1,850 ta'an Pireezidant Baayidan harkaa fuudheera.

Erga bara sanaatii garuu ragaaleen kunneen uummatatti mul'atanii hin beekan.

Gorsaan seeraa pireezidant Baayidan, Dameen Haqaa US fi yuuniversitichi hanga ammaa yaada hin kennine.