Tajaajilli WhatsApp guutuu addunyaatti adda citee ture tajaajilatti deebi'e

Maxxanfame

Tajaajilli miidiyaan hawaasummaa ergaa qooduuf oolu WhatsApp guutuu addunyaatti rakkoo godhatee ture deebi'ee hojjete.

Dhaabbati WhatsApp dhunfate, Meta’n, rakkoon mudate furamuu ibse. Haa ta’u malee, sababa rakkoon mudateef waan ibse hin qabu.

Qabeenyummaan isaa kan dhaabbata Feesbuuk(Meta) kan ta'e waltajjiin miidiyaa hawaasaa kun Kibxata naannoo sa'aatii afurii irraa qabee ergaa daddabarsuu didee ture.

Marsariitii tajaajiloota adda citan hordofu down detector jedhamu irratti daqiiqaa 30 keessati komiiwwan 12,000 ol dhiyaataniiru.

Namootni hedduunis miidiyaa hawaasummaa gubbaatti gama WhatsApp ergaa erguufi simachuu akka hin dandeenye maxxansaa jiru.

UK keessatti waltajjiin kun ergaa walii dabarsuutti filatamaa yeroo ta'u, guutuu addunyaattis fayyadamtoota biiliyoona lama qaba.

Dubbii himaan dhaabbata Meta ''Namootni gariin ergaa dhamuuf rakkachaa jiraachuu isaanii hubanneerra, atattamatti namni hunduu WhatsApp tajaajilamuutti akka deebi'u hojjechaa jirra'' jechuun ibsee ture.