Poolisiin Niiw Yoork falmii hijaabaan walqabatee $17.5m kanfaluuf

Poolisiin Niiw Yoork waggaa afur dura imaammata isaa dhimma hijaabaan walqabatee qabu jijjiireera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin Niiw Yoork waggaa afur dura imaammata isaa dhimma hijaabaan walqabatee qabu jijjiireera
Maxxanfame

Waajjirri Poolisii Niiw Yoork dubartoonni Musliimni lama suuraa poolisiin yakkaan shakke yoo suuraa kaasu hijaaba akka baasan dirqaman himannaa bananiin dolaara miiliyoona 17.5 kanfaluufi.

Himannaan bara 2018 baname kuni Jamiilaa Kilaark fi Ariwaa Aziiz walabummaa amantii isaanii sarbameera, akkasumas mateenyi (privacy) isaanii cabeera jedha.

Akka ogeeyyiin seeraa jedhanitti akkaataa waliigaltee kanaan namoonni 3,600 ol kaffaltii kana argachuu danda’u.

Imaammati poolisii hijaabaan suuraa ka’uu waggaa afur dura eeyyameera. Magaalaan Niiw Yoork dhimmichi "riiformiin qajeelaa" akka dhufu kan karra saaqe jedhe.

Waliigalteen beenyaa kuni akka kanfalamuuf garuu abbaa seeraa federaalaa dhimmicha hordofaa turaniin ragga’uu qaba.

Akkaataa ragaawwan mana murtii agarsiisanitti, Aadde Kilaark hijaaba ishee uffachuu akka barbaaddu ibsuun boossee turte, poolisiis kadhattee turte.

‘’Hijaaba kiyya akka baasu gaafa na dirqisiisan, akka waan qullaa ta’etti natti dhagahame,’’ jechuun jechaan ibsuunu ni rakkisa jechuun haala tura ibsa gaafa Jimaataa baasteen ibsite.

‘’Haqni jiraattota Niiw Yoork kumaatamaaf akka argamu gahee kiyya gumaachuu kiyyaan baay’een boona.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Waliigalteen kuni suuraa poolisiin kaasuuf hijaaba kiyya baasuun dogongora jedhee inniin dubbataa ture sirrii ta’u kiyya kan mirkaneessudha,’’ jetteetti.

Abukaatonni dubartoota kanaa poolisiin namoota shakke waajjira poolisiitti suuraa yoo kaasu kan hijaaba uffatan akka baasan dirqamsiisuun walabummaa amantii, darbees mateenya isaanii cabsa jechuun falmaniiru.

Kutaan seeraa magaalaa Niiw Yoork ibsa Niiw Yoork Taayimsiif ergeen waliigaltichi kutaan seeraa magaalichaa amantiiwwaniif kabajaa qabaachuufi kanneen seera kabachiisan suuraa nama hidhan kaasuun barbaachisaa ta’u akka wal madaalu kan taasisudha jedheera.

Waliigalteen raawwatees fedhii qaamota hundaa kan bu’uura godhate akka ta’es ibse.

Maallaqani kuni Bitootessa 2014 hanga Hagayya 2021 gidduutti namoota kumaatama hidhamaniif qoodama.

Ogeeyyiin seeraa namoonni himannaa banan kuni dolaara 7,000 hanga 13,000 dhunfaa dhuunfaa isaaniin argachuu danda’u jedhan

Dhaabbanni guddichi dhimma Musliimotaa Ameerikaa keessatti akka dhagahamu dalagu, The Council on American-Islamic Relations (CAIR), dubartoota kana jajuun murteen kuni namoota amantii kaan uffata fuularra uffataniifis fayyada jedheera.