'Shawaa Caammaa': Itoophiyaatti Warshaa waggoota 60 oliif Armanoonni waldhaalchisaa dhufan

Maxxanfame

Varaataan Asleeniyaan jedhama. Itoophiyaaf keessummaa miti. Namni kun dhaloota warra Armaan Itoophiyaa jiran isa sadaffaadha. Akaakayyuun isaa Itoopihyaatti dhalatan.

Amma nama ganna 60'oota keessa jiru kan ta'e Varaataan, ''bara 1898'tti haadha harmee kootu jalqaba Itoophiyaa keessatti dhalatee jedha. Maatiin abbaa isaas bara 1911 Itoophiyaa deemanii achumatti hafuu hima.

Haatii koo Inxooxxootti dhalatte. Achi xiqqoo erga turtee booda gara Finfinneetti gadi bu'an.''

Inniis achuma Itoophiyaatti abbaa ijoollee dubara lamaa ta'e. Warshaa kophee abbaa isaa kan dhaale Varaataan nama Itoophiyaati ofiin jedha.

Maatiin isaanii gara Finfinnee erga dhufee boqonnaaf yookan bashannanaaf yoo ta'e malee ''biyya keenya baanee hin beeknu'' jedha.

Warshaa kophee abbaan isaa hundeessan kan dhaale waggaa 37 dura wayita abbaan isaa du'aniidha.

''Anis obbolaan koo dubaraas hojii kophee kana hojjechuuf fedha hin qabnu ture garuu ammoo waliigallee hambaa abbaa keenyaa eeguuf ani akkan itti fufu goone'' jedha.

Abbaan isaa osoo inni hin dhalatiin warshaa qophee ''Shawaa Caammaa'' jedhu hundeessan hanga ammaattis Varaataan warshaa kophee kana itti fufseera.

Warshaan kophee kun gara bakka amma jiru naannoo Goorgiis erga dhufee waggaa 67 ta'eera.

Varaataan dargaggoo bara ture muuziqaatti hawwatamaa waan tureef ''Sivaan baand'' jedhamu hundeessuun ''waggoota 22'f muuziqaa hojjedheera'' jedha.

Hambaa abbaa isaa itti fufsiisuuf bakka qalbiin isaa jirtu muuziqaa dhiisee gara hojii kopheetti garagale. Waan jalatu fedha abbaa isaa itti fufsiisuuf jecha dhiisuutti hin gaabbus jedha.

Warshaan kophee erga hundaa'ee waggaa 60 dabarse waggaa sadii dura ibidda ollaa ka'een gubatee ture. Varaataan warshaa abbaa isaa ibiddi mancaase deebisee ijaaruuf kutate.

Bala kana yeroon waan dhaamsuun danda'ameef maashinoota oolchuun danda'amee ture. Kuusaan kophee isaanii garuu manca'ee ture. Nama irra garuu miidhaan hin geenye ture jedha.

Moodeelonni kophee isaanii durii seenaaf olkaahaman jalaa gubataniiru. Kopheen abbaan isaa waggaa 57 dura hojjetan warra balaa kanarraa oolan keessaati.

Warshaan kun moodeloota kophee 25 kan qabu yeroo ta'u, Itoophiyaa keessatti moodeela kophee Safarii jedhamu yeroo duraa kan hojjete nuyi jedha.

Warshaan kun kophee harkaan waan oomishuuf qullina olaanaa qabaatanis akka warra kaani heddumminaan hin oomishu.

Warshaalee guyyaatti kumoota omishan waliin hin dorgomnu kan jedhu Varaataan maamiltoota isaaniif kophee gaarii omishuun maqaan waggoota 10 hedduuf horatan takkaatti akka rakkoo keessa hin galle amanu. Itti dabaluunis qaalayinsi gatiifi haalli diinagdee jiru qormaata akka itti ta'u ibsaniiru.

''Maamilli keenya hojiidhaanis ta'u maatii keenya. Kuni nuuf gahaadha.''

Warshaa isaanii wanta adda godhu keessaa ijoon bifti kophee isaanii kan hin jijjiiramne ta'uufi hanga kophee lakkoofsa 47 kan oomishan ta'uu himan.

Kophee lakkoofsa guddaa hojjechuu rakkisaa kan taasisu wanti kophee moold godhu dhibuu ture jedhanii amma Itoophiyaa keessatti san gochuun waan danda'ameef lakkoofsa guddaa omishuun salphaadha jedhu.

Kanaan achi mooldii Xaaliyaan ykn Chaayinaatii fiduun dirqama ta'a jedha.

Varaataan amma umriin isaa gara sooromaa dhiyaachaa waan dhufeef hambaan abbaa isaa kun akkam akka ta'u isa dhiphisaa jira. Ijoolleen isaa garuu hojii fedha isaanii ta'erra akka boba'an barbaada.

Maatiin haadha warraa isaa makaa Xaaliyaaniifi Ayeerlaand qabu. Isaanis Itoophiyaa keessatti dukkaana kaama konkolaataa qabu.

Ijoolleen isaanii sadan hojii adda addaarratti boba'anii hojjetu, dukkana qaama konkolaataa gurguru keessa kan lammataa Ayeerlaanditti hojii qabdi, isheen sadaffaa darbee sarbee gara warshaa kophee akka deemtu himan. Ijoolleen koo osoo hojii hin tuffatiin nama kabajanii akka jiraatan barsiiseera, filannoo isaaniin eegaaf jedha.