Shamarree waggaa torbatti hatamtee 16n booda miliqxe

Puunjaa suuraa ishee durii waliin

Madda suuraa, BBC and Mumbai police

Maxxanfame

Puujaan bakka buteenshee kan dhabame wayita umuriin ishee wagga torba turedha.

Daa'imni kun mana barnootaa biyya Hindi magaalaa Mombaayiitti argamu tokko irraa hatamte.

Haatii warraa fi abbaan warra tokkotu ‘kottuu ayiskireemii siif kenniin’ jechuun sossobanii hatan.

Bara 2013tti bakka buteenshee kan dhabamee ture Puujaan, haala dinqisiisaadhaan namoota ishee butan jalaa miliquun yeroo umuriin ishee waggaa 16 qaqqabu maatiisheetti makamte.

Haatii Puunjaa, Poonaam Gaawud wayita intala isaanii arganitti wanti godhan akka jalaa badee ture yaadatu.

‘‘Mucaakoo hin argadhu jedhee bakkan abdii kutadhee tureetti ergamtoonni gaarummaa isaanitiin mucaakoo naaf deebiisan,’’ jette.

Mucaan tunis kan butamtee turte haadhaafi abbaa warraa Haarii Daasowezaa fi Saanii Daasowuz jedhamaniin akka ta’e poolisiin ibseera.

Puujaan osoo hin badiin dura oboolaashee lamaafi maatii ishee waliin ollaa Indiyaa ummanni itti baayyatu tokko keessa jiraataa turte. Akkuma obboleessashee angafaa waliin mana barnootaa deemteetti turte kan hatamte.

Guyyaa sanas obboleessa ishee waliin wal dhabaniiti ishee dhiisee daree gale. Isaan booda jarri sun dhufani ishee hatan.

Jarri ishee hatanis jalqaba bulchiinsa Goowaa jedhamu, achiin ammoo gara Kaarnaataakaatti geessaniin. Namoonni akka ishee oolchaniif bossuulleen jarri ishee hatan akka reebaniifi doorsiisaanii turan yaadatti.

Bara 2013tti baddee kan turte Puujaan haala ajaa’ibsiisaa ta’een namoota ishee butan harkaa miliquun waggoota 9 booda maatii isheetti makamte.

Puujaa maatii ishee waliin

Madda suuraa, Rafiq

Na reebu turan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo muraasaaf mana barnootaa akka itti fuftuuf hayyamaniif ture. Booda garuu maatiin ishee hatan kunneen ilmoo godhannaan mana barnootaa akka dhaabdu taasisan. Dararamnis baayyee akka itti hammaataa ture himti Puunjaan.

‘‘Qabattoo/Saqiidhaan na reebuu ture. Yeroo tokko waan furdaa tokkoon dugda koo na dhahanii diigee ture. Sa’aatii dheeraaf kanan mana keessa hojjadhuun alattis na hojjachiisu ture.’’

Jarri ishee hatan kunneenis kan jiraatan dhiheenya maatii ishee ta’anilleen garuu daandii waan hin beekneef omaa gochuu hin dandeenye ture.

Baayyee ishe hordofaa waan turaniif haalli gargaarsa namootaa itti gaafattuus hin turre.

‘‘Namoonni akka na gargaaranii miliquun murteeffadhe.’’ Guyyaa tokko osoo jarri kun rafaa jiranii bilbilasaanii fudhachuun YouTube saaqxee maqaashee barreessite.

Achinis beeksiisa naaf barbaadaa jedhu argatte. Beeksiisa sanarratti lakkoofsi bilbilaa barraa’ee ture.

Isaan booda namoonni akka ishee gargaaran gaafachuun miliquuf murteessite. Haata’u malee, murtee kana hojiirra oolchuuf baatii torba itti fudhate.

Dubartii waggaa 35, Paamiilaa Deevaandiraa mana jara Puujaa hateetti hojjattuu manaa ta’uun tajaajilaa jirti. Puujaanis Paamiilaan akka ishee gargaartuuf kadhatteen. Paamiilaanis walii galte.

Wayita bilbila beeksiisa nuuf barbaadaa jedhu irratti maxxanfame irratti bilbilanis nama ollaa maatii Puujaa ta’e, Raafiiqiin argatan.

Puujaanis yeroo jalqabaatiif haadha ishee waliin karaa viidiyootiin wal arganii waliitti dubbatan. Achiinis wal arguuf wal beellaman.

Haatiis mallattoo qaama intal isaanii irratti beekan yoo argan attamiin gammachuun akka itti dhagahame ni yaadatu.

Pramila Devendra

Madda suuraa, Pramila Devendra

Haatiishees amma baroota isheen adda bahanii itti jiraatan sana bakka buusuuf yaalaa jiru. “Intalakoo akkan argadheen bare.’’

‘‘Battaluman mallattoo qaama isheerra jiru argeettan akkan mucaakoo argadhe bare. Shakkuun dhaabe,’’ jedhan haatii.

Paamiilaanis haadhaa fi intala walitti fiduutti baayyee gammadduu ta’ushee dubbatti.

Puujaan erga haadha ishee waliin wal agarteen booda maatiin gara buufata poolisiitti qajeelan.

‘‘Waan hunda poolisootattiin hime. Namoonni na butan eessatti akka argamanan itti hime,’’ jetti shamarreen tun.

Achinis haatii warraa fi abbaan warraa Puujaa butan batalumatti to’annoo poolisii jala oolfaman.

Inspeektarri olaanaa Mumbaay Miiliind Kurdeen, dhirsaafi niitiin kunneen butuu, doorsiisuu, darara qaamaa fi human daa’imaa saamuun himatamaniiru jedhe.

Puujaan erga maatiishee waliin walitti makamteen booda nagaa argattee jirti. Ollaan daa’imummaan ishee beekanis gammachusaanii ibsataniiru.

Haatiis gosa nyaataa intallisaanii jaalattu qopheessaniif. Rifeensashees hojjataniif. Hanga danda’ameefinis yeroo waliin dabarsaa jiru. Puujaan miidhaa warra ishee buteen irra gaheen ammalleen hiriiba gahaa hin qabdu. Yeroo hunda ni weerarti.

Nageenya isheef jechas yeroo hedduu namaa gadi hin baatu. Yoo baatees maatii waliin ta‘uun.

‘‘Haadhakoo gargaaruu barbaadulleen manaa bahuuf naaf hin hayyamamu. Barachuus nan barbaada," jette shamarreen ku.

Maatiin rakkoolee adda addaatiin marfamulleen haatishee baayyee gammadduudha.

‘‘Hojiin dadhabsiisaadha. Garuu Puujaa yoon ilaalu humnan argadha. Bakka baddee deebii’usheetti baayyeen gammada jetti.