Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin US sobaan Indiyaa keessatti butame jette to’annoo jala oolte
Magaalaa guddittii Indiyaa Deelhii keessatti poolisiin dubartii Ameerikaa ofiin sobaan ugguramuu ishee qopheessite, to’annoo jala oolcheera.
Dubartiin umurii ganna 27 kun, maallaqa of harkaa waan fixxeef, maatiin ishee akka isaan maallaqa erganiif ‘dirqisisuuf’ jecha sobaan waan butamte fakkeessite, jedha poolisiin.
Dubartiin kun Caamsaa 3 Indiyaa akka seente miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru. Adoolessa 7 irratti harmee isheef bilbiltee, namicha tokkoon dararamaa akka jirtu himuushee NDTV gabaaseera.
Maatiin ishee himata kana yeroo Imbaasii US biyyatti jirutti dabarsan, poolisiin Delhii dubartiin kun eessa akka jirtu qorachuu eegalani.
Sana booda odeeffannoo IP (bakka madda interneetaa) ishee, kan dubartiin kun imeelii tajaajila Lammilee Ameerikaatti erguuf fayyadamtee fi harmeesheef viidiyoon bilbilte akka qorachuun hordofan Gaazexaan India Express gabaaseera.
Hordoffi kanaan, lammii Naayijeriyaa umurii ganna 31 argatanii to’annoo jala yoo olchan, qorannoo poolisiin taasiseen namichi dubartiin kun mana jireenya naannaa Noyidaa jedhamu keessa akka jirtu poolisiitti hime.
“Erga achii oolchamte booda, maallaqa maatii ishee irraa argachuun jecha akka isheen sobaan butamuu ishee qindeessite barameera,” jechuun itti aanaa komiishinara poolisii Niiw Delhii, Amrutaa Guguloot eeruun India Express gabaaseera.
Dubartiin Waashiingtan DC irraa taate kun, namicha kanaa waliin Feesbuukii irratti walbartee erga Indiyaa geessee eegalte isa waliin jiraachaa akka turte poolisiin himeera.
Dabalataanis viisaan dubartii kanaa fi paaspoortiin namichaa yeroon isaa akka irra darbe argateera.
Waraqaa ragaa barbaachisoon ala Indiyaa keessa turuu isaanif lamaan isaanii irratti tarkaanfii akka fudhatu poolisiin ibseera.