Quucarummaan Itoophiyaatti 'geengoo rakkinaa' fidu maali?

Intala dubraa gabatee gurraacha dhaabattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Quucaruu, quucarummaa, hiyyummaa - jechoonni kunniin walitti aananii irra deddeebiin dhagahamu. Itoophiyaattis rakkoon gosa kanaa heddumminaan mul'ata jedhama.

Dhiyeenya kana hayyuun Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisan, Dr Habtee Jabeessaa Dabalaa dhimma kanarratti kitaaba barreessanii maxxansaniiru.

'Qucarummaa fi Hiyyummaa Itoophiyaatti' - jedha matadureen kitaaba isaanii Afaan Amaaraatiin barreeffame.

Yunivarsiitii Finfinneettii waggoota 24f kan barsiisanii fi ammas kan barsiisaa jiran Dr Habteen, eegumsa naannoo fi qabeenya uumamaa irratti xiyyeeffata barnoonni isaanii.

Haa tahu malee waa’ee quucarummaa irratti kitaaba barreessuuf waanti ka'umsa isaaniif tahe mudannoo “lubbu-qabeeyyii ijaan hin mul’anne” tokkoon akka tahe himu.

“Lubbu-qabeeyyii xixinnoo ijaan hin mul’anne ‘spirulina’ jedhamtuufi haroo keessatti argamtu guddisaan ture,” jechuun BBCtti himan.

“Lubbu-qabeeyyiin kun achi keessaa cuunfamanii goganii nyaataaf tahu. Nyaanni kun ammoo albuuda ofkeessaa qaba. Albuudni isaa kunimmoo quucarummaa dandamsiisuu danda’a,” qorannoo jedhu dubbisuusaanii kaasu.

Ergasiis “quucarri maali?” kan jedhu qorachuutti seenuun, boodarras kitaabatti akka jijjiiran himu.

Daa'ima qaamasaa ogeessa fayyaan safaramaa jiru

Madda suuraa, UNICEF Ethiopia

UN’tti ejensiin daa’immanirratti hojjetu Unicef gabaasa bara kana baaseen, Itoophiyaatti hanqinni nyaata madaalawaa, du’a daa’immanii ganna shaniin gadi jiran %45f sababa ta’uu hima.

Quucarummaan ammoo daa’imman Itoophiyaa umrii waggaa shaniin gadi jiran miiliyoona 5.4 tahan akka miidhu gabaasni kun ni mul’isa. Kunis daa’imman umrii kana keessa jiran keessaa %39 jechuudha.

Biyyoota guddachaa jiran keessa hangi quucarummaa %25 ennaa tahu, Itoophiyaatti kun lakkoofsisaa olaanaa akka tahe agarsiisu ragaaleen.

Quucarummaan maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Dhaabbata Addunyaatti (WHO) quucarummaan (stunting), daa’imman guddinni isaanii sababoota akka akkaan wayita danqamudha. Soorata hin madaalamne, irra deddeebiin dhukkubsachuu fi guddinni hawaasummaa fi xiinsammuu danqamuun akka sababaatti ka’u.

Dr Habteen gamasaaniin “quucara jechuun nama dheerinni isaafi umriin isaa wal hingitne,” jechuun ibsu.

“Baay’isee gabaabaa, ulfaatina salphaa qabu, garuu umriin kan [deeme]dha.”

Daa’imummaatti, keessaafuu ulfarraa jalqabee guyyoota jalqabaa 1000 hanga waggaa lamaatti quucarummaaf saaxilamuun, jireenya daa’ima sanaa akkaan miidha jedha WHO.

Dandeettii xiinxaluu fi gahumsa barnootaa gadaanaa, miindaa gadaanaa argachuu, oomishtummaan hir’achuu fi rakkoon fayyaas akka isaan mudatu hima. Hayyuun qabeenya uumamaa Dr Habtees, “dhiibbaan rakkoo kanaa mana barnootaatti mul’achuu eegala,” jedhu.

“Barumsi hin galuuf, kutaatti hin kufa. Barsiisonni wanta isaan jedhan sirriitti hin qayyabatu,” jechuun kun ammoo jireenyasaanii egeree irratti dhiibbaa akka fidu himu.

“Hiriyootasaa mana barnootaarraa hafa… gara fuuladuraattis yoo qacarame jiruu gaashaa hin argatu.”

Qola kitaabaa 'Qucarummaa fi Hiyyummaa Itoophiyaatti'

Madda suuraa, Habte Debela

Hidhata hiyyummaa wajjin qabu – ‘geengoo rakkinaa’

“Lafa hiyyummaan jirudha quucarri kan jiru. Quucaruun hiyyummaarraa madda. Nami quucare hiyyeessadha, hiyyummaan ammoo quucara fida,” jedhu Yunivarsiitii Finfinneetti kan barsiisan Dr Habtee Jabeessaa.

Kunis akka isaan jedhanitti ‘geengoo rakkinaa’ uuma. “Geengoo rakkinaa al tokko keessa lixnaan cabuu hin danda’u,” jedhu.

Kitaabni isaanii ji’oota duraan 'Qucarummaa fi Hiyyummaa Itoophiyaatti' jechuun Afaan Amaaraatiin maxxansanis, kaayyoon isaa hawaasa rakkina akkasii harkaa qabuuf hubannoo uumuu akka tahe dubbatu.

Miilla daa'immanii tarree galanii tahan

Madda suuraa, Getty Images

Labsiin Saqoxaa maali?

Addunyaarra barkurnee muraasa dabran keessa lakkoofsi daa’imman quucarummaan miidhamanii xiqqaachaa dhufus, biyyoota Bahaa fi Kibba Afrikaa keessa lakkoofsi kun dabalaa akka jiru Unicef ni hima.

Biyyoonni akka Itoophiyaa, Maadagaaskaar, Mozaambiik, Somaaliyaa fi Taanzaaniyaa biyyoota rakkoon kun daran itti hammaatu keessaa tarree jalqabaarra jiru.

Itoophiyaan barkurnee lamaan dabran keessa rakkoo quucarummaa harka 58 irra ture bara 2019tti harka 37tti gadibusuun akka milkoofte himama.

Tahus garuu ammallee daa’imman miiliyoona shanii ol rakkoo quucaruuf saaxilamanii akka jiran ragaaleen ni mul’isu.

Kanaafis Itoophiyaan rakkoo quucarummaa daa’imman waggaa lamaa gadii bara 2030tti hundeerraa dhabamsiisuuf labsii “Seqota Declaration” jedhamu labsuun hojiitti jirti.

Galmi sagantaa kanaas “daa’imman Itoophiyaa hanqina nyaataarraa bilisa tahanii” arguu akka tahe ibsameera.

Labsiin kunis Adoolessa 2015 ifatti labsamuun hojiitti erga galamee, waggoonni 10 darbaniiru.

Maqaan labsii kanaatis, magaalaa Saqooxaa naannoo Amaaraa keessa argamtuu fi bara beelaa hammaataa Itoophiyaan dabarsiteen bakka garmalee miidhamterraa moggaafamutu himama.