Daldaltoonni Israa’el waa’ee haleellaa Hamaas dursanii beeku ture

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa’el irratti raawwachuuf karoorse daldaltoonni gahee aksiyoonaa Israa’el dursanii ni beeku ture jedhame. Israa’el ammoo kana ilaalchisuun qorannoo akka gaggeessitu beeksifte.
Qorannoon akkaadaamii tokko daldaltoonni gahee aksiyoonaa sababa haleellichaatiin haala dinagdee Israa’el mudachuu danda’urratti “Qumaara” taphachuun bu’aa guddaa argatan jechuun mul’iseera.
Qorattoonni kunneen yeroo haleellaa sanaatti daldaltoonni gahee aksiyoonaa ‘gurgurtaa saffisaa’ raawwachaa akka turan eere.
‘Gurgurtaan saffisaa’ daldaltoonni kasaaraan akka isaan mudatu dursanii yoo hubatan gahee aksiyoonichaa, boondii ykn filannoo maallaqaa biroo gabaaf dhiyeessuun maallaqa argachuudhaaf mala ittiin carraaqanidha.
Kana kan godhan ammoo gatii gadi aanaa ta‘een yoo ta’u, gatiin gabaa osoo deebi'ee hin tasgabbaa’iin dura deebisanii gatii rakasaan akka bitatan abdii godhachuun kana raawwatan.
Qorattoonni Yunivarsiitii Kolombiyaafi Niwu Yoork jiran, “haleellaan sun raawwatamuuf guyyaan tokko yeroo hafetti, waan dhufuuf jiru dursanii tilmaamuun gurgurtaan aksiyoonaa gaggeeffamaa ture,” jedhan.
Itti-dabaluunis, ‘gurgurtaan saffisaa’ kun gaaga’ama maallaqaa kanaan dura bara 2014 wayita waraana Israa’el-gaazaa keessa tureefi kan yeroo weerara Covid 19 keessa ture caalaa haala saffiseen gaggeeffamaa ture jedhaniiru.
Tel Aviiv keessatti ‘gabaayaan Istookii’ haala ajaa’iba ta’een gurgurtaan gahee dhaabbilee Israa’el dabalee mul’ateera.
Gama biraatiin qorattoonni kunneen dhaabbanni gurgurtaa gahee gabaa Israa’el hordoftu tokko sochii gurgurtaa olaanaa kanaan dura hin baramne arguu isaa ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannichi gurgurtaan gabaan gahee aksiyoonaa Israa’el haleellaan sun raawwatamuuf guyyaa shan dursee, “akka tasaafi haala baayyee guddaa ta’een dabaluu” odeeffannoo dhaabbata Ameerikaa maallaqa to’atu waabeffachuun himee.
“Osoo haleellaan sun hin jalqabuun yeroo muraasaan dura Tel Aviiv keessatti gabaan aksiyoonaa Israa’el gurgurtaan saffisaa haala ajaa’iba ta’een dabalee ture,” jechuun gabaasa fuula 66 irratti bahe mul’iseera.
Gabaasa kana hordofee Abbaan Taayitaa To’annoo Gahee Gabaa Aksiyoonaa Israa’el ibsa kenneen dhimmichi akka beekamu ibsuun, qaamoleen isaan ilaallaturratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibseera.
Qorannichi Fulbaana 14 irraa kaasee hanga haleellaan sun raawwatamuuf guyyoonni lama hafanitti baankiin guddichi Israa’el gaheewwan gabaa haaraa dolaara miliyoona 4.43 ta’e ;gurgurtaa saffisaa’ sanaan gurguramuu eere.
“Argannoon qorannoo keenyaa daldaltoonni gahee aksiyoonaa waa’ee haleellaa dhufuuf jiruu dursanii hubachuun haala baayyee hamaa ta’e kana keessaa buufataniiru,” jechuun haala kana keessatti Ameerikaafi dhaabbileen idil-addunyaa odeeffannoo waljijjiiruu keessatti qaban hir’achuu isaa agarsiisa jedha.
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa raawwate hordofee ji’oota lamaan darban keessa waraanni gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, kun ammoo sochii dinagdee Israa’eliifi biyyoota naannoo sana jiranirratti dhiibbaa akka qabaatu ni amanama.












