Israa'el bishaan galaanarraa itti jallisuun ulaa lafa jalaa Hamaas mancaasuufi

Madda suuraa, Getty Images
Hamaasifi Israa'el erga waraana eegalanii ji'a lama guutee jira. Israa'el hidhattoota Hamaas balleessu malee jechuun haleellaa qilleensarraafi lafoon gaggeessitu ammallee hin dhaabne.
Ulaa lafa jalaa Hamaas kaayyoo lolaaf itti fayyadamuufi dahannoo godhata jedhamee yaadamu balleessuuf bishaan galaanarraa itti jallisuuf Israa'el karoora qabdu dhagahame.
Barruun Wall Street Journal qondaaltota Ameerikaa waabeffachuun akka gabaasetti Israa'el hidhattoota Hamaasifi gareewwan biroo lafa jalaa ulaa qaban bishaan galaanarraa itti jallistee achi keessatti isaan dhabamsiisuf yaadaa jirti.
Erga Onkoloolessa 7 waraanni eegalee as Israa'el ulaa lafa jalaa Hamaas keessa dhokatu mancaasuf haleellawwan qilleensaa gaggeessaa jirti. Hamaas ulaa lafa jalaa wal-xaxaafi dheeraa ta'e waan qabuuf Israa'el haleellaa qilleensarraan qofa mancaasuu hin dandeessu.
Hamaas ulaa lafa jalaa kuusaa meeshaa waraanaa, dahannoo, akkasumas bakkaa bakkatti socho'uuf dhimma itti baha jedhama waan ta'eef ulaa galaanaa kana bishaan galaana Meditiraaniyaanii irraa itti jallisuun Hamaas balleessuf kaatee jirti.
Akkaa gabaasa Wall Steet Journalitti, Israa'el galaana Medetiraaniyaanii irraa bishaan harkisuun torbanoota muraasa keessatti ulaawwan lafa jalaa Gaazaa keessa jiran bishaanin guutuu dandeessi.
Baha Giddu Galeessatti bakka bu'aa BBC kan taate Yoolaand Niil akka jettutti bishaan galaanarraa jallisuun ulaa lafa jalaa balleessuu kan dandeessu ta'us lammiileeshee Hamaas ulaa lafa jalaatti qabee jira waan jedhamuuf nageenya saanii yaaddoo keessa galchuu ta'a.
Hamaas namoota jaarsummaa Kaatarin gadi lakkise ulaa lafa jalaa keessa tursiisee turuunsaatu himama.
Gama biraan ammoo Israa'el ulaa lafa jalaa bishaanin mancaasti taanan, Gaazatti bishaan dhugaatii boolla keessaa bahu faalamuu akka danda'u yaaddoo qabdu ibsiti Yoolandi.
Haa ta'u garuu, Israa'el karoora ulaa lafa jalaa Hamaas bishaan galaanarraa itti jallisuun lolaadhan mancaasuu yoo hojiirra oolchita ta'e akkuma Masiriin bara 2015tti goote fakeenya fudhachuun milkaa'uu akka dandeessu kaasti.
Bara 2015tti Masiriin ulaa lafa jalaa Hamaas ijaarun Masiriifi Gaazaa gidduutti sochii daldala seeran alaafi meeshaalee garaa garaa galchuuf itti fayyadamu bishaan galaanarraa itti jallisuun lolaadhan mancaastee turte.
Israa'el ulaa lafa jalaa Hamaas itti dhimma bahu kana bishaan galaana Medetiraaniyaarraa itti jallisuun lolaadhan balleessuf karoora akka qabdu torbaniin dura Ameerikaaf illee ibsuushee Wall Steet Journal dabalee gabaase.
Ulaan lafa jalaa Hamaas
Gaazan dheerika 41 km fi bal'ina 10 km kan qabdu yoo taatu, Hamaasifi gareewwan biraa ulaa lafa jalaa hangam Gaazaa keessaa akka qaban hin beekamu.
Haa ta'u garuu, Hamaas ulaa lafa jalaa 500 km ta'uufi wal-xaxaadha jehame qaba jedhama.
Bara 2021tti Israa'elifi Hamaas gidduutti walitti bu'iinsa uumameen Israa'el ulaa lafa jalaa Hamaas itti fayyadamu 100 km ta'u mancaasuu beeksiftee turte.
Hamaas garuu ulaa lafa jalaa qabu keessaa dhibeentaa shan qofaatu manca'e jedhee ture.
Hamaas erga Gaazaa bulchuu eegalee waggoota 10 oliif ulaa lafa jalaa qotee qophessaa ture.
Bara 2013tti lafa jalaan daangaa Israa'elitti 1.6 km qotee ture. Boodarra Israa'el irra geessee ulaa galaanaa kana mancaaste.
Waraana amma itti jiraniin ammoo Hamaas balleessuf filannoo jiru hundumaatti nan fayyadama jette Israa'el.












