Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha bor Arsenaal waliin qabnurratti ga'umsa gaarii ni agarsiifna- Ruuban Amorim
Tapha FA Cup boru galgala sa'aatii 12tti Manchester Yunaayitid Arsenaal waliin wal morkatan irratti Yunaayitid ga'uumsa isa madaalu agarsiisuun waancaa kaasuu akka barbaadan Leenjisaan kilabichaa dubbatan.
Torbee darbe Piriimiyerliigii Ingiliiz irratti Liivarpuul waliin garaagarummaa guddaadhaan mo'ama jedhamee eegamaa kan ture Yunaayitid qixa ba'uu isaa hordofee kak'uumsa argachuudhan haala gaarii irra akka jiru himamaa jira.
Tapha FA Cup marsaa sadaffaa boru galgala sa'aatii 12 irratti Maanchistar Yunaayitid fi Arsenaal waliin taphatu.
Yunaayitid kaka'uumsa amma qabu kanaan itti fufuun Caamsaa keessa waancaa kaasu akka barbaadan Leenjisaan garichaa Ruben Amorim kan dubbatan.
Leenjisaan lammii Poorchugaal kun falmii fi xiiqii gareen isaa tapha Liivarpuul irratti agarsiise itti fufuun dorgommii Arsenaal waliin taasifamu irrattis Maanchistar Yunaayitid cimaan akka mul'atuuf dhaadateera.
Ji'a darbe taphoota sadii walitti aansuun akkasumallee Arsenaal waliin Emireet irratti mo'amuun seenaa hin taane kan galmeesse Yunaayitid boru haaloo kana ba'uuf gara dirree seenu jnedhameera.
Akkasumas taphattoonni ijoo tapha dhumaa garee Arsebnal waliin taasisaniin booda miidhaman deebi'uun isaanii garee kanaa akka cimsu gabaafameera.
Kana malees tapha Liivarpuul irraa eegalee tapha tokkollee kan hin taphanne Yunaayitid yeroo qophii bal'aa qabaachuun isaa garee kanaaf humna dabalataa ta'a.
Amorim yaada tapha duraa kenneen, "Yeroo tokko tokko miila haaraa filachuun narra jiraatus, yeroo ammaa kana taphattoonni koo miiraa fi ejjennoo wal fakkaatu keessa akka jiran natti dhaga'ama; tapha boruu irratti garee fooyya'aa fi cimaa falmii Anfildi irraa waan hedduu fooyyessuun qabannee dhufna,'' jedheera.
Yunaayitid bara darbe waancaa FA yeroo 13ffaa injifateera. Waggoota 40 darban keessatti marsaa sadaffaadhaa gaditti dorgommii keessaa kan gaggeefame yeroo sadii qofa.
Arsenaal ammoo dorgommii kanaan yeroo 14 waancaa nyaatera. Yeroo ammaa Piriimiyerliigii Ingiliiz keessatti sadarkaa 2ffaa irra kan jiru Arsenaal qabxii 6'n dursaa liigii irraa duubatti kan argamu yoo ta'u, torban darbe keessa waancaa Kaaraaba'oo irratti Niwukaastilin 2 fi 0'n mo'ameera.
Arsenal Bukaayoo Saakaa sababa miidhamaan dhabuun mo'amuu fi ga'uumsi isaa gadi bu'uuf saaxileera. Kana malees Nwaanerii sababa miidhamuutiin Saakaatti makame fi Ben Whites tapha boruu irraa akka hin hirmaanne gabaafameera.
Leandro Trossard bakka Sakan bakka bu'a jedhamee eegama. Raahiim Isteerliing miidhamarraa deebi'uun teessoo jijjirraa irra kan ture yoo ta'u, boru Maartiin Odegaard Diilaanii Raayis waliin ta'uun qindoomina cimaa agarsiisu jedhamee eegama.