Reeffi loltuu Indiyaa badee turee waggoota 38 booda argame

Madda suuraa, Hindustan Times
Reeffi loltuu Indiyaa waggoota 38 dura gaara Himaalyaa keessatti badee argame. Chandrashekhar Harbola fi waayillan isaa 19 osoo Siyaachen keessatti oppireeshinii irra jiranii hurriin isaanitti haguuguun achi buuteen isaanii dhabame.
Kun daangaa Indiyaa fi Paakistaan irratti yoo tahu, bara 1984 ta'e.
Booda reeffi namoota 15 argame. Garuu kan namoota shanii badee achumaan hafe.
Siyaachen dirree waraanaa adunyaa irraa baay'ee ol ka'aa tahe yoo tahu, loltootni biyyoota lameenii sababa hurrii fi cabbiin lubbuu isaanii dhabu ture.
Loltuun reeffa harboolaa arge kan loltuu biraa tokkos argeera. Garee eenyu akka tahe sichi adda baha. Maatiin loltuu Harbolaa jedhamuu kan naannoo gaara Himaaliyaa jiraatan reeffi isaa argamuun waan yeroo dheeraa eegaa turanitti qalbiin isaanii akka boqotu dubatan.
Sirni awwaalchaa isaa loltootaan dabaalamuun ganda isaa keessatti akka gaggeeffamuuf karoorfameera.
Reeffi loltoota waggoota kurnaniif turee yeroo argamu kun kan jalqabaa miti. Gareen sakkatta'insa gaggeessu bara 2014 reeffa Tukaaraam V Paatil waggoota 21 booda argan.
Siyaachen bakka Paakistaanii fi Indiyaan iti wal dhaban yoo tahu, naannicha waraana irraa bilisa gochuuf yaalamee hin milkaa'iin hafe.
Biyyoonni meeshaa waraanaa nikularaa hidhatan lamaan bara 1984 tti Siyaachen qabachuuf wal waraananii turan.
Waggoota 40 boodas ammas loltootni biyyoota lameenii gaara fayyaa namaaf gaarii hin taane keessa buufatanii jiru.
Bara 2012 loltootni Paakistaan yoo xiqqaate 129 tahan naannoo cabbii Siyaachen keessatti du'an.
Kun Paakistaanii fi Indiyaan naannoo balaafamaa kanaa loltoota isaanii akka baasan waamichi akka taasifamu godheera.
Bara 2016 ammoo sababa hurrii jabaan loltootni Indiyaa yoo xiqqaate 10 tahan du'aniiru. Bara 2019 akkasuma loltootni afur yoo du'an biyyootni ollaa kunneen loltoota isaanii baasuuf eeyyamamoo osoo hin tahin turan.












