Gibirri misooma hawaasummaa haaraa bahe jireenya qaalii ta'e ittuu mi'eessaa?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiyeenyatti mootummaan Itoophiyaa bittaa boba’aa akka hin mi'oofneef maallaqaan baasuun ummanni akka hin hubamne tumsaa ture jala jalaan kaasuu eegaleera.
Qaal’iinsi jireenyaa biyyattii %33 yeroo qaqqabe kanatti qaraxa mootummaan haaraa kaa'uuf jira.
Qaraxi kuni 'Gibira Misooma Hawaasummaa' jedhamuun waamama.
Qaraxni kun kanneen mi’a alaa galchaniirratti kaa’ama. Qaraxi kuni jireenya qaala'e ittuu hammeessaa?
Mootummaan maaliif dirqame?
Hayyoonni dinagdee akka himanitti, mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa barana qorumsa jajjabdu keessa jira.
Waraannii Kaaba biyyattii keessatti dhiibbaa dinagdee uumuun isa ijoodha.
Kana qofa miti, weerarri Covid fi dhiibbaa waraana Yukireen hordofee dhufe. Kana malees gatiin boba’aa qaala’uun dhiibbaa dabalataa uume.
Kanarra kan ka’e ramaddii bajatarratti qorumsi mudateera.
Bajanni waggaa baranaa birrii biliyoona 800'tti kan dhiyaatu yoo ta’u, kan bara darbee birrii biliyoona 100 oliin caala. Hanqinni baajataas haalaan guddateera.
Akka mootummaan jedhutti yoo ta’e, hanqinni bajataa birrii biliyoona 200 hanga biliyoona 300 ta’a jedhame.
Baajanni Itoophiyaa gargaarsarratti hirkaata. Biyyoonni kanaan dura gargaarsa kennaafi turan amma dhimma ofiitti goraniiru.
Dhimma Itoophiyaa caala dubbii ijoon isaaniif waraana Yuukireen keessatti adeemaa jirudha.
Biyyoonni gargaarsa kennan kaan isaanimmoo sababa waraana Kaaba biyyattiin walqabatuun mufataniiru.
Ministirri Barnootaa Pirofeesar Biraanuu Naggaa akka himanitti manneen barnootaa sababii waraanaatiin diigaman ijaaruuf birrii biliyoona 80 barbaachisa.
Yaadi mootummaa hanqina bajataa lammiilee biyyattiirraa funaanee guutuu ta’uu mala.
Dinagdee biyyattii waraanni miidhe bayyanachiisuun garuu turtii waggootaan lakka’amu fudhata.
Waraanni Kaaba biyyattiin bu’uuraalee misoomaa miidhaman suphuuf birrii biliyoona 500 barbaachisa jedhu ogeessi dinagdee Aabinnat Balaay.
Naannolee Tigraayi, Amaaraa, Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuuz walumatti kutaalee ''biyyatti gartokkee ta’u’’ waraanni miidhe.
Obbo Aabinnat gorsaa dhimma taaksii, daldalaa fi inveestimentiiti.
Isaan akk jedhanitti ummata miliyoonaa Itoophiyaa100 ol tareef mootummaan fedhii bu’uuraa guutuun itti cimuun waan ajaa’iba miti.
Bajata Itoophiyaan ramaddu keessaa harki 60-70 tajaajila hawaasummaaf akka oolu eeruun.
Qaraxni haaraan meeshaalee kamirra kaa’ame?
Qaraxni kun meeshaalee kallattiin biyya alaatii galfaman hundarra kaa’ame. Taatullee boba’aa fi xaa’oo waantota qaraxni haaraa kun ilaallatu keessatti hin tarreeffamne.
Ogeessi faayinaansii Obbo Aabinnat adeemsi taaksii akkasii gamnummaan kan guutame jedhu.
Sababni issa qaraxni xaa’oo fi boba’aa hammatu balaan isaa hawaasa bal’aa bira gaha jedhu.
Dippiloomaatonni meeshaalee biyya alaarraa galchan garuu qaraxa kanarraa bilisa. Kunis Itoophiyaan walgaltee Veenaa waan mallatteessiteef ta’uu mala.
Qaraxni kuni wagga waggaan meeqa argamsiisa?
Akka mootummaan jedhutti giddugaleessaan hanga biiliyoona 22 walitti qabuu danda’a.
Tilmaama kanarra kan gahame hamma meeshaalee alaa galan hubannoo keessa galchuuni.
Waggaa waggaan giddugaleessaan shaqaxi hanga dolaara biiliyoona 114 biyya seena.
Galii meeshaa tokko tokkoo irraa qaraxi 3% yeroo shallagamu lakkoofsa kana fida.
Qaraxi misooma hawaasummaa hammi qaraxa tilmaamameef 3%dha.
Akka mootummaan ibsutti, kuni hamma gibira isa xiqqaadha.
Obbo Abinnat hammi tilmaama qaraxa kanaa qaaliidhamoo miti kan jedhu tilmaamuuf rakkataniiru.
''Gosoota taaksii meeshaalee alaa galanirra ka’amuun yoo ilaalame xiqqaadha jedhamuu danda’a.
‘’Hamma bu’uuraalee misoomaa mancaa’aniifi hamma qarshii barbaachisu waliin yeroo walbira qabamu faallaan yaaduun danda’ama.’’
Qaraxi haaraa jireenya mi’eessaa?
Qaraxi kuni karaa sadiin jireenya qaala’e ittuu akka hin hammeessine jechuunis ummatarratti kallattiin akka dhiibbaa hin uumne waan yaalame fakkaata.
Tokkoffaa qaraxi kuni kan ka’ame kanneen alaa fidan irrattidha. Lammaffaa hammi qaraxaa kuni xiqqaate tolfame.
Sadaffaa qaraxi kuni wantoota ijoo kanneen akka boba’aa, akkasumas xaa’oo fa’i irratti hin ka’amne.
Ta’ullee Obbo Abinnat qaraxi daldalaarratti ka’ame fayyadamaa bira gahuun isaa hin oolu jedhu.
Biyya waraanaan miidhamteefi deeggartoonni dhimma Yukireeniin ko’oomanitti, mootummaan kana murteessuu isaa dhiibbaa keessa jirurraa kan maddu ta’uu akka malu yaadu.












